YARSUMA: Tekinooloojii loon tiksuufi fayyaa isaanii eeguuf kalaqame

Itoophiyaan qabeenya looniitiin Ardii Afrikaa irraa jalqabarra jiraattus, faayidaa damee kanarraa argattuun garuu dhumarratti argamti.

Barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa meeshaa Yarsuma jedhamu fayyaa loonii eeguun hormaata isaanii gabbisuuf oolu, afaanota torbaan dhangi’uun kalaqan.

Barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa Instiitiyuutii Teeknoolojii Muummee Elektirikaaliifi Kompiitar Injinariingii waggaa 5ffaa pirojeektii eebbaa isaaniitiif meeshaa Yarsuma jedhamufi kan fayyaa loonii eeguun hormaata loonii gabbisuuf oolu kalaqan.

Yarsumaan marsaa duraatiin Afaan Oromoo dabalatee afaanota torbaan akka hojjatuutti kalaqame. Afaanonni kunneenis Afaan Oromoo, Amaaraa, Siwaahilii, Somaalee, Ingiliffa, Tigiriffaafi Walaayittaadha.

Hundumaa Atoomsaa garee barattoota Yarsumaa kalaqan jahan keessaa tokko yoo ta’u, Itoophiyaan qabeenya looniitiin Aardii Afrikaa irraa jalqabarra, addunyaa irraa ammoo 10ffaa irra jiraattus, fayidaa damee kanarraa argattuun garuu dhumarratti akka argamtu BBC’tti himeera.

Akka Hundumaan qorannoolee naannicharratti taasifaman eeruun ibsutti, “sababoonni akka Itoophiyaan oomisha looniirraa haalaan hin fayyadamne taasisan ammoo kunuunsa gaariifi hordoffii fayyaa ammayyaa dhabuudha,” jedha.

Gama biraatiin, miseensa garee kanaa kan ta’e Roobsan Mangistees yaaliin karaa aadaatiin looniif taasifamus qulqullina gogaa isaanii irratti rakkoo hamaa akka geessisu BBC’tti himeera.

Fakkeenyaaf, loon sibiila diimessanii gubuun qulqullina gogaa akka balleessu kaasa baratichi. “Qulqullina gogaa loonii eeguu dhabuu irraa kan ka’e, Itoophiyaan waggaatti galii gogaa irraa argachuu maltu irraa dhibbantaa 50 ykn doolaara miliyoona 100tti tilmaamamu dhabdi; kun salphaa miti.”

Kanaaf, kalaqni kun rakkoolee gama kanaan mul’atanis furuuf qooda mataasaa akka bahu BBC’tti himan barattoonni kunneen.

Yarsumaan maali? Maal maal ofkeessaatti qabata?

Akka garee barattootaa kunneen BBC’tti akka himanitti, Yarsumaan jecha Afaan Oromoo yoo ta’u, uummata Boraanaa biratti hiika tiksee jedhu qaba. Tikseen ammoo eenyuun olitti haala fayyaa loonii dhiyeenyaan kan hordofu, tiksuu fi to’atudha.

Roobsan naannoo Horroo Guduruutti ijoollummaa isaatti loon tiksuu kan yaadatu, “tikseen eenyuu ol loonitti dhiyeenyaan balaarraa, dhibeerra tiksa; Yarsumaanis bifa ammayyaatiin kan fayyaa loonii tiksudha,” jedha.

Akka barataan Iyyoosi’aas Xibabuu, miseensi garee kanaa kan biraa, Yarsumaan meeshaa hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) marsariitii (website), mosaajii moobaayilaafi deesktooppii, akkasumas meeshaa elektirooniksii salphaa loon irratti hidhamuufi GPS (siistama argama bakkaa himu) ofkeessaatti qabata jedha.

Kunneen hundumtuu akka wal hubatanitti tolfamuu kan himu Iyyoosi’aas, meeshichi safartoowwan akka hoo’insa qaamaa, dhahannaa onneefi halala guuruu, gorsa ogeessaa (expert system) fayyadamuun odeeffannoo walitti qaba.

Yarsumaan odeeffannoo walitti qabe kanneen bu’uureffachuun bu’aasaa beeksisa. Bu’aan adda bahe sun loon dhibee wayii qabachuu kan mul’isu yoo ta’e, achumarra dhaabachuun furmaata isaas beeksisa.

Yoo rakkoon ariifachiisaan loon tokkorra gahe ammoo dafee gara mosaajiitti yaadachiisa erguudhaan akka yaalchisnu taasisa.

“Akka biyya keenyaafi aardii Afrikaatti rakkoo cimaa gama horsiisaa looniitiin jiruuf furmaata ta’uu kan danda’u, siistama hin baratamne hojjennee milkaa’uu keenyatti daran gammanneerra,” jechuun Hundumaan BBC’tti himeera.

GPS’n Yarsumaa irratti hojjetames bu’aansaa tokko bakka loon sun jirtu ykn oolte beekuuf gargaara jedha Roobsan. Fayyaa loonii eeguun bu’aa dinagdee biyyaa deeggaruu fi fayyaa waliigalaatiifis gumaachuudha jedha Roobsan.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kompiitar saayinsiifi hundeessaan Daboo Injinariingii, Jaarmiyaa Baay’isaa akka BBC’tti himetti, miseensonni garee pirojeektii Yarsumaa kalaqanii sadii ijoollee duraan dhaabbata isaanii Daboo Injinariingiitti shaakala (Internship) bahan ta’uu kaasa.

“Barattoonni gaafa internship dhaabbata keenya biratti bahan ykn yeroo gorsinu calluma jedhanii akka pirojeektii eebbaa hojjetaniif qofa osoo hin taane dhaabbata daldalaa (business) fuulduratti ittiin guddachuu danda’an akka ta’utti qajeelchina,” jedha Jaarmiyaan.

Tattaaffii fi kutannoo gareen kun qabus kan dinqisiifatu Jaarmiyaan, “hariiroo barataafi barsiisaa otoo hin taane akka hiriyaatti isaanitti dhiyaachuun waliin hojjechaa turre,” jedha.

Daboo Injinariingiinis akka dhaabbataatti barattoota hedduu gara kalaqaatti akka onnachiise kan kaasu, Jaarmiyaan, gareen kalaqxoota Yarsumaas otoo eebbifamanii hin bahiin dhaabbata mataa isaanii hundeessuun waan guddaa jajjabeeffamuu qabudha jedha.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa yaala beelladaa Dr. Mootummaa Dabaloo, kalaqni yarsumaa rakkoo cimaa fayyaa beelladaa akka biyyaa keenyaafi Afrikaatti jiru furuu danda’a jedhu.

Jalqabarraa kaasanii barattoota kanneeniif gorsa kennaa turuu kan himan qoratichi, dhibeen dhalli namaa ittiin rakkatu kan dhibbantaa %80 ta’u bineensotarraa kan gara namaatti daddarban (zoonotic disease) akka ta’an himu.

Ittuma fufuudhaan, “weeraroonni dhukkuboota akka Iboolaa fi Koronaafaallee bineensotarraa kan dhufuniidha. Kanaafu fayyaan bineeldotaa hin eegamne taanaan fayyaan namaallee eegamuu hin danda’u,” jedhu Dr. Mootummaan.

Faallaa dhugaa kanaa garuu fayyaan bineeldotaa xiyyeeffannoo akka hin arganne. Haalli kaanan dura ittiin beelladoota yaallus karaa ittiin rakkoo dhugaa adda baasuun (diagnosis) gochuun hin turre jedhu Dr. Mootummaan.

Kalaqni Yarsumaa ammoo kalaqichi bu’aalee sirrii (accurate) ta’an waan kennuuf rakkoolee hedduu gama fayyaa bineeldotaatiin mul’atu furuun fayyaa namootaafi dinagdee biyyaa akka deeggaru taasisa jechuun BBC’tti himan.

Kalaqni kun amma maalirra jira? Fuulduratti karoora maalii qaba?

Kalaqi kunis ammatti sadarkaa duraa (prototype) hojjechuu kan himaan kalaqtoonni kunneen, gara fuulduraatti ammoo fooyyeewwan garagaraa gochuudhaan kalaqicha gara beelladoota birootti babal’isuutti gara hojii uumuutti akka deeman BBC’f ibsaniiru.

Gara fuulduraatti hojii barbaaduu osoo hin taane, pirojeektiidhuma osoo barachaa jirruu gareedhaan ‘Hirtii (Hearty) Injinariingii PLC’ jechuun hundeessan akka cimsan dubbatu. Kana gochuudhaan pirojeektii akka Afrikaatti dorgomaa hin qabne gochuudhaaf karoora qabaachu himu.

Adeemsa kalaqaa kana keessatti bu’aa baayii hedduu keessa darbuu kan himan gareen barattootaa kunneen, baatii shaniif boqonnaa malee hojjechuu BBC’tti himaniiru.

Keessumaa gara dhumaarra otoo hirriba hin rafiin mana yaalii (laboratory) bulaa akka turan kan yaadatan gareen kalaqtootaa kunneen, dargaggoonni qormaataafi rakkina sodaatanii akka waa yaaluufi hojjechuu irraa hin teenye dhaamsa dabarsaniiru.

Kalaqni Oomishtuu-Jooy jedhamus bifuma walfakkaataa ta’een dhaabbata Daboo Injinariingii waliin akka hojjetaa ture kaasuun amma akka Afrikaatti badhaasaafi beekamtii argachuu hima Jaarmiyaan.