'Daangaa fi daangeffamaan garasitti yerootti Afrikaa haaraa arginu amma'- Inj Taakkalaa Uumaa

Dureewwan Afrikaa wal gahii Gamtaa Afrikaa 37ffaa har’a magaalaa Finfinneetti taa’uu jalqabu.

Barnoonni xiyyeeffannoo jalqabaa tahus dhimmoota misoomaa, nageenyaa fi fonqolcha mootummaa ardichatti dabalaa dhufe, qaala’iinsa jireenyaa irratti tokkummaan dhaabbachuu ardichaa irratti waliin dubbatu jedhamee eegama.

Afrikaan biyyoota Lixaan hedduu barbaadamaa jirti. Ameerikaa, Chaayinaa, fi Raashiyaan adda durummaan kan himan yoo tahu dhiyeenya biyyoota Afrikaa afeeruun wal gahii adda addaa gaggeessaa turan.

Xaaliyaaniin kan dhiyoo yoo taatu biyyootni Arabaas biyyoota Afrikaa waliin hariiroo qaban cimsachuu barbaadu.

Akkas tahe ardiin Afrikaa rakkoo hedduu keessa jirti. Furmaata hatattamaa kan barbaadu garuu rakkoo humna namaa fi sochii kaappitaalaa irra jiru kaasuu tahuu qaba jedhan Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee Injiiner Taakkalaa Uumaa, sagantaa Aljaaziiraa ‘’Opinion’’ jedhu irratti wal gahii Afrikaa kana ilaalchisuun yoo barreessan.

Injiiner Taakkalaa Uumaa aangoo Ministire Albuudaa irraa erga kaafamanii barnootaaf Ameerikaa yuunvarsiitii Haarvaarditti argamu.

Injiiner Taakkalaan gaggeessitootni biyyoota Afrikaa akkuma barame dubbii [speech] godhanii bahuurra rakkoo kana furuu irratti xiyyeeffachuu qabu jedhan.

Wal gahiin kun Daldala Bilisaa Afrikaa [African Continental Free Trade Area (AfCFTA)] dhugoomsuu irratti tarkaanfii tokko fudhachuu qabu jedhan. Sagantaan kun erga yaadamee bubbulus hanga ammaa guutummaan hojiirra hin oolle.

Injiiner Taakkalaan itti dabaluun wal gahiin kun koriiderii dinagdee ‘’Made in Africa’’ jedhuuf bu’uura tokko kaa’uu qaba jechuun barreessan.

Kun ammoo ardicha gara gabaa Paan Afrikaatti geessuu danda’a jedhan.

‘’Kana dura waadaan akkanaa yeroo galamu argeera. Bara 2022 Wal Gahii Addaa Gamtaa Afrikaa Ikkuwaatooriyaal Giinii, Malaabootti gaggeeffame irratti jila MM Abiy dursuun waliin deeman keessaa tokkon ture.

Imalli sun gara Keeniyaa, Naayijeeriyaa fi Ikkuwaatooriyaal Giiniitti nu geesse.

Akka ministira tokkootti wal gahii barame garuu rakkoo hin furre kan ministerotaa fi Gamtaa Afrikaa irrattis hirmaadheera.

Ardii kana keessa yeroo balali’aa turreti waa sammuukootti na dhufaa ture: Innis maaliif gaggeessitootni Afrikaa harka wal qabachuun badhaadhummaa uummanni keenya barbaadu hin dhugoomsan? Amma achi jirraa? Cancalli hin mul’anne wayii ammayyuu duubatti nu harkisaa jiraa?Yoo akkas tahe ammo rakkinichi maali?’’ jechuun barreessan.

Injiiner Taakkalaan madda rakko kanaa yoo xiinxalanis hidhaa xiqqoo arba guddaa bosonatti qabdee teessutti fakkeessuun ibsan.

Abjuu Afrikaa akka hin dhugoomne kan godhee jiru ilaalchaa fi sirna xiqqaa salphaatti hiikamuu danda’u akka tahe lafa kaa’u.

Dhugaan jiru ardiin keenya arba gurguddaan guutamtee jiraachuu isheeti.

Uummata dargeessi itti baay’atuu fi saffisaan ammo guddataa jiru qabna.

Hojiin kalaqa teeknoloojii fi dinagdee haalaan dabalaa jira. Afrikaan qabeenya humna namaa fi qabeenya uumamaa sichi bahuu fi faayidaaf oolu guddaa qabdi kan jedhan injiiner Taakkalaan fayyadamtootni oomishaalee adunyaas dabalaa jiraachuu eeran.

Akkasis tahee Afrikaan ammallee funyoo qal’oo hin mula’nne sanaan duubatti haftee jirti.

Isaanis bittaa koloniin booda daangaa biyyootaa fi bulchiinsaa hidhaatti ishee galche keessa jirti.

Kufaatiin hoggansaa fi daangaa bara kolonii taa’e sun ammayyuu biyyoota Afrikaa walitti bu’insa biyya keessaaf, waraana walii waliinii, walitti bu’insa daangaa fi daddaaqama siyaasaa fi dinagdeef saaxileera jechuun yaada isaanii barreessaniiru.

Gama biraan ammo hayyoonni yaada kana faallessan jiru. Dhuguma rakkoon Afrikaa daangaa bara kolonii taa’e sanaadhaa? Jechuun gaafatu.

Rakkoo guddaan jiru Afrikaa keessaa daangaan saba tokkoo eesstti dhaabbatee kan isa kaanii ammo jalqaba kan jedhuudha. Sabootni walitti dhiyoo jiraatan ammoo biyyo tokko keessattiyyuu daangaa irratti walitti bu’uu danda’u.

Irra deebiin daangaa Afrikaa sararuun biyyoota gidduutti wal dhabdee uumuu danda’a. Afrikaan akkuma imaammata dinagdee baafatte daldala bilisaa fi sochii uummataa viizaa bilisa gochuun dhugomsuu dandeessi.

Dhiyeenya Keeniyaan namoota gara biyya ishee dhufan hundaaf tajaajila viizaa bilisaa jalqabdeetti.

Injiiner Taakkalaan yaada isaanii yoo guduunfan Afrikaan abjuu ishee dhugoomsuuf sochii humna namaa fi kaappitaalaa bilisaa akka diriiru taasisuu fi daldala oomishaalee akka qonnaa cimsuun tarkaanfii tokko tahuu himan.

Dabalataan walitti hidhaminsa loojistikii fi faayinaansii hojiirra oolchu.

Biyyoonni Afrikaa hedduu maallaqa mataa isaanii qabu. Kaarensii ykn maallaqa walitti isaan fidu tokko dhabuun isaanii dinagdee ardichaa irratti ba’aa taheera jedhu hayyoonni.

Tajaajila telekomii, gumurukaa fi immigireeshinii kanneen Afrikaa hidhanii kaa’an keessaa tahuu kan kaasan injiner Taakkalaan.

Uummanni Afrikaa amma biliyoona 1.3 taha. Irra jireessi isaa ammoo dargaggeessa hojjechuu danda’uudha.

Afrikaan qabeenya uumamaa, humna namaa fi teeknlojii qabdu waliin itti fayyadamnaan deeggarsa biyyoota kaanii irratti hirkachuu hin barbaachisu jechuun goolabu.

Wal gahiin Gamtaa Afrikaa har’aa fi boru gaggeeffamu maaliin akka xumuramu kan eegnu taha.