Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US'tti kan imalan waa'ee Obbo Taakkalaa Uumaa maal beekna?
Ministira Albuudaa Itoophiyaa ta'anii tajaajilaa kan turan Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee aangoorraa gaggeefamanii amma barnootaaf biyya Ameerikaatti imalanii jiru.
Erga US gahanii guyyoota muraasa kan ta'e obbo Taakkalaan, ''siyaasa Oromoo irraa hin hafu'' yaada jedhu BBC'f kennaniiru.
Akkaataa aangoorraa kaafamaniifi hegeree isaan siyaasa biyyaa keessatti qaban irratti garuu odeeffannoo dabalataa hin laanne.
US erga gahanii guyyaa muraasa ta'us, miidiyaa hawaasaa irratti dubii ijoo wanti isaan godhu mudateera.
Mormitootni isaanii qaaman arganii yeroo balaaleffatan viidiyoon waraabame miidiyaa hawaasaarratti qoodameera.
Viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiruun walqabates irra hedduun Obbo Taakkalaaf kabajatu ta'a jechuun deeggarsa yoo ibsan kaanis ni malaaf yaada jedhu qoodaa jiru.
Obbo Taakkalaan jalqaba siyasa Itoophiyaa keessatti gurra kan horatan aangoo naannoo Oromiyaa irra wayita turaniifi dhimma maastar pilaanii qindaa'aa magaalaa Finfinneerratti mormii dhalatee tureen walqabateeti.
Bara 2014'tti mormii Maastar Pilaanii qindaa'aa ''lafa babal'ifannaa Finfinneeti'' jedhamee mormii guddaa dhoosetti sadarkaa hooggansaatti nama dura dhaabbannaan akka jiraatu kakaase jedhamu.
Bara 2018'tti jijjiiramni hanga dhufutti obbo Taakkalaan Hoogganaa biiroo geejibaa naannoo Oromiyaa ta'uun tajaajilaa turan.
Sana dura ammoo magaalotaa fi biirolee Oromiyaa keessatti sadarkaa hooggansaa adda addaarra turan.
Obbo Taakkalaan Ministirri muummee Abiy Ahimad aangoo muummee Ministirummaatti erga dhufanii sadarkaa Kantiibaa itti aanaan waggoota lama ta'uuf bulchaa magaalaa Finfinnee turan.
Bara Kantiibaa turan Irreechi malkaa Finfinnee waggoota dheeraa booda yeroo duraaf Finfinneetti kabajame.
Caaseffama hooggansaa magaalittii madaalawaa hin taane sirreessuuf akkasumas Oromoon magaalittiirraa fayidaa argatuu malu akka argatu hojjetaniiru ittiin jedhu warri isaan deeggaran.
Finfinneerraa qaamolee dantaa addaa qabna jedhanii himatan walitti siqsuufi buclhiinsi isaaniis hundaaf akka ta'uu agarsiisuuf tattaaffii godhaniinis deeggarsa jiraattota magaalichaa guddoo argataniiru.
Haata'u malee dhimma manneen waliin jireenya fi lafa wajjin walqabatee kanneen dantaa dhunfaafi saba ofiif oolchan jedhuun isaan himatanis jiru.
Jijjiirama MM Abiy gaggeessaniin waggaa lamaan kana ammoo Ministira Albuudaafi Inarjii Itoophiyaa ta'aniiru.
Erga Ministeerichatti dhufaniis damee qabbanaa'ee ture dammaqsuun rifoormii gochuu ministeericha fakkeenyummaan akka ka'u taasisaniiru jechuun MM Abiy paarlaamaatti dhugaa bahaniifi ture.
Torbanoota dura MM Abiy obbo Taakkalaa dabalatee aanga'oota olaanoo aangoorraa gaggeefamaniif gaggeessaa godhanii ture.
Obbo Taakkalaan addatti yaada BBC'f kennaniin barnootaaf gara Ameerikaa akka imalan himanii turan.
Dhimma gaggeessaa isaanii ilaallatu irratti ammatti yaada dabalataa kan hin laanne obbo Taakkalan imalli isaanii gara US kun siyaasa biyyaa keessaa isaan fageessif yaadameeti jedhu namootni.
Obbo Taakkalaan ''dhimma Oromoorraa hin hafu'' jechuun biyyaa fagaataniis siyaasa Itoohiyaa irraa akka hin hafne dubbatan.
''Siyaasa Itoophiyaatti kan amma duraa caala jabaafi dandamataa ta'ee deebi'uun koo hin shakkii hin qabu.''
Hirmaannaa siyaasaa
Obbo Taakalaa Uumaa Bantii akka lakkoofsa Itoophiyaatti Caamsaa 6 bara 1976 Godina Shawaa Lixaa, naannawaa Ambootti dhalatan.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana baruumsaa Gooroo Soolee fi Tokkeetti baratanii, barnoota sadarkaa lammaffaa ammo Gudarii fi Ambootti xumuran.
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12'n qabxii olaanaa galmeessuun Yunivarsiitii Finfinneetti ramadamanii barnoota Keemikaal Injinariingiin akka lakkoofsa faranjiitti bara 2007 Digirii jalqabaa argataniiru.
Bara 2015ttis Yunivarsiitii Finfinnee irraa gosa barnootaa Invaayiroomental injinariing jedhamuun diigirii lammaaffaa( MSC degree) argataniiru.
Bara kana, ji'oot muraasa duras bulchiinsa geejibaa fi hoggansaa (transport management and leadership) Institiyuutii bulchiinsaa Galiilee Intarnaashinal jedhamurraa diploomaa argataniiru.
Barataa sadarkaa lammaffaafi Yunivarsiitii wiyata turan irraa qabee, nama siyaasa naannoo sanatti beekamtii guddaa qabu Dr. Maraara deeggaraa kan turan Obbo Taakalaan, miseensa dhaaba siyaasaa DHDUO kana ta'an bara 2006tti.
Oromiyaa keessatti waajiraalee garaa garaatti sadarkaaleee garaa garaa irratti ramadamanii uummata tajaajilaa turaniiru.
Waxabajii bara 2007- Fulbaana 2009tti hoogganaa bulchiinsa magaalaa Sulultaa ta'uun, erga tajaajilanii booda gara bulchiinsa magaalaa Hoolotaatti geeddaramuun magaalichas waggaa tokkof bulchaniiru.
Manneen durii 5 Magaalaa Finfinnee keessaa daawwachuu qabdan Magaala sabbataa fi waajjira misooma lafa magaalaa Oromiyaatti hooggansaan tajaajilaas turaniiru.
Muddee bara 2016 qabee hanaga muudama isaanii kantiibummaa magaalaa Finfinneettis Hoogganaa biiroo Geejiibaa Oromiyaa turan.
''Bulchiinsa lafaa hammayyeessuu irratti, hojii dhabdummaa dargaggoota Oromoo furuufi waahillan hojii kiyya wajjinis warraaqsa diinagdeen uummata fayyadamaa gochuuf haman danda'u hojjechaan ture'' jedhu obbo Taakaleen.
Gahumsaa fi jijjiirama hojiin agarsisanif magaalota hooggansaan tajaajilan keessatti badhaasota sadii argataniiru.