Haalli qilleensa duumessaa'aa Finfinnee balaliinsa xiyyaaraa jeeqe

Madda suuraa, Getty Images
Haalli qilleensaa duumessa'aan har'aa xiyyaaroonni buufata Xiyyaaraa Boolee Idil-Addunyaa akka hin qubannee fi hin kaaneef rakkisaa ta'uunsaa himame.
Odeeffannoon kallattii balaliinsaa kan qoodan marsariitiiwwan Flight Radar 24 fi Flight hour irraa argaman akka mul'isaniitti, xiyyaaronni buufata xiyaaraa Boolee qubachuuf rakkatanii wayita samii Finfinnee irra balali'an agarsiisa.
Kana malees Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa karaa toora Tiwitara isaatiin akka beeksiiseetti, sababii haala qilleensaa duumessaa'aa Buufata Xiyyaaraa Booleetti umameetiin balaliinsawwan Finfinnee ka'aniifi qubatan irratti boodatti harkifannaan umamuu beeksiiseera.
Xiyyaarri lakoofsi balaliinsa isaa ET607 ta'eefi Chaayinaa Guwaanshuu irra ka'uun Finfinnee qubachuun irra tures yeroo muraasaa f wayita samii magaalaa Finfinnee gubbaa marsu mul'ateera.
Haaluma walfakaatunis xiyyaarri daandii qilleensa Itoophiyaa ka'umsi isaa Tooroontoo Kaanaadaa taasifate hanga haalli qilleensaa fooyya'uutti samii Finfinnee irra osoo marsuu mul'ateera.
Haaluma walfakkaatunis xiyyaarroonni Beeyiruuti Leebaanoosiifi Dubaayi Yunaayitid Imireetis irraa gara Finfinneetti balalii'aa turan kallattii saanii geedaruuf dirqamaniiru.
Xiyyaaroota sababii haala qilleensaa baayyee duummeessa'een qubachuu dadhabaniin alattis, xiyyaaroonni silaa buufata Booleetii ka'u qabansi sababiidhuma kanaan akak turan taasifamaniiru.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaatiis sababii haala qilleensaa kanaatiin balaliinsiiwwan hangam akka boodeetti harkifatan ilaalchisuun hanga yoonaatti kan jedhe hin jiru.
Buufata Xiyyaaraa Boolee idil-addunyaatti sababii haala qilleensaa rakkiisaa akkanaatiin balaliinsiiwwan wayita booteetti akka harkiifatan taasifaman kun kan jalqabaa miti.
Waggaa tokkoon duras haaluma walfakkaatuun haalli qiilleensaa duumessaa'aa waan naannawa buufatichaa ture xiyyaaroonni magaaloota naannooleefi biyyoota ollaa biraa akka qubataniif dirqisiisuun isaa ni yaadatama.












