Dursaan Hezboollaah waraana Israa’el-Hamaas irratti waan ejjennoosaanii akeeku dubbachuuf

Dursaan Hezboollaah Hasan Naasraallaah erga waraanni Israa’eliifi Hamaas jidduutti eegaleen booda yeroo jalqbaatiif har’a haasaa akka taasisan eegamaa jiru.

Hoogganaan garee Islaama Shi’aa Liibaanan hanga yoonaatti dhimma waraanaa kanarratti hordoftoota isaniin ifatti kan jedhan hin turre.

Itti aansee Hezboollaah'n maal gochuu akka danda’u ilaalchisee Hasan Naasraallaah haasaa har’a taasisaniin akka dubbatan eegamaa jira.

Hidhattoonni Hezboollaa humnoota Israa’el waliin daangaa Israa’eliifi Libaanan irratti walitti bu’insa keessa galaniiru.

Kanaanis walqabtee naannichi adda waraanaa biraa ta’a jedhamuun yaaddoo keessa galameera.

Haata’u malee, hanga ammaatti walitti bu’insichi irra caalaa akka hin babal’anneef to’atameera.

Erga waraanni Israa’eliifi Hamaas eegalee as Israa’el Libaanan itti dhiheenyaan hordofaa jirti.

Haata’u malee, Hezbollaah'n haleellaa Israa’el irratti raawwatu cimsee itti fufeera.

Hanga ammaatti qaamooleen lamaanuu walitti bu’insichi akka hin cimneef of eeggannoo taasisaa kan jiran fakkaatu. Haleellaawwan qilleensaas kan naannoo daangaatti daangeeffamaniidha.

Kun garuu jijjiramuu danda’a.

Israa’el ammaan tana Gaazaa keessatti duula lafoo gaggeessitu itti fuftee jirti. Duula kanaanis Hamaasiin barbadeessuun kaayyoo kooti jetti.

Lakkoofsi Filixeemota Gaazaatti ajjeeffamanii 9,000 gahuu Ministirri Fayyaa naannichaa ibseera.

Hamaas ammoo deeggartoonnisaa waraanichatti akka makamaniif waamicha taasisaa jira. Hezboollaah'n gaaffii kanaaf deebii kennaa laataa kan jedhu gaaffii qaamoolee hedduuti.

Ameerikaafi UK, akkasumas biyyoonni lixaa kaan Hezboollaah garee shororkeessaadha jechuun farrajaniiru.

Hezboollaah Libaananiif humna waraanaafi siyaasaa mummeedha. Murteen Hezboollaah deeggartoota bira darbuun kanneen isa hin deeggarre birattilleen eegamaa jira.

Hanga yoonaatti dursaan garichaa Hasan Naasraallaah eessatti akka argaman hinbeekamu. Haasaan isaa garuu iskriiniiwwan bakka ummanni Libaanan walitti qabamurratti dabarfama.

Miseensoota Hezbollaah biratti haasaan kun kan eddo olaanaa qabu akka ta’e ibsamaa jira.

Tilmaama Naasraallaah

Hasan Naasraallaah haasaa kana akka taasisan guyyoota shaniin dura ifa taasifame. Kun ammoo akka eegamu taasiseera.

Kanaan dura waraana Hezbollaah'n bara 2006tti Israa’el waliin baatii tokkoof taasiseen lammiileen Libaanan hedduun ajjeeffamanii ture.

Ammas tarii deebisee walitti bu’insa gara biraa keessa galchuu danda’aa yaaddoon jedhu ka’aa jira.

Hezboollaah'n misaa’eloota dabalatee meeshaalee waraanaa hedduu qaba. Isaanis kan daangaa Israa’el qaxxaamuruun haleellaa raawwachuu danda’anidha.

Loltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman kan leenjii gahaa qabanis qaba.

Ministirri Mummee Israa’el Benjaamiin Netaniyaahuun Hezboollaah'n yeroo lammaffaaf waraana yoo bane, ‘‘haala yaaduun cimuun’’ deebii akka kennan akeekkachiisaniiru.

Ameerikaan kan Israa’el akka waraana guutuu hin banneef gaafataa turte ammoo, walitti bu’inschi akka hin baballanneef dooniiwwan jeettiiwwan waraanaa baatan lama gara Galaana Meediterayaaniyaatti ergiteetti.

Waraanichi Libaananiin rakkoo cimaa keessa galcha, Hezboollaah'n ammoo deeggartoota isaa bira darbuun kan ummannii bal’inaan deeggaru hin fakkatu. Liibaanan waggootaaf rakkoo diinagdee keessatti argamti. Burjaajjii siyaasaa biyyattii mudate hordofuunis caasaan mootummaa biyya bulchuu dadhabeera.

Yaadni gara biraa jiru ammoo Hezboollaah'n waamicha Hamaas fudhachuun Israa’el irratti haleellaa banuu danda’a kan jedhudha.

Kanaanis walitti bu’insi Kaaba Israa’el keessatti murtaa’e hafuu mala.

Bulchiinsi Joo Baayidan Iraan kallattiifi dhoksaadhaan walitti bu’insicha akka hin harbeessine akeekkachiisaniiru.

Walita’iinsa Axis of Resistance jedhamu jalatti gkakkeen hamataman keessaa, Hizboollaah, hidhattoota Iraaqiitti argama, Pirezidantii Siriyaa Bashir Al-Asaad, hidhattoota Yeman Huttii fi Hamaas keessatti argamu. Iraanis walta’insa kana ni deeggarti.

Haata’u malee, dhiibbaa kallattii hangam gochuu akka dandeessuu ifa miti.

Ta’us waliigaltee Iraan malee murteewwan gurguddaa ni dabarsu jedhamee hin eegamu.

Pirezidantiin Iraan Ibraahiim Raa’isii haasaa torban darbe taasisaniin, ‘‘Israa’el sarara diimaa dabartee jirti. Hundi tarkaanfii akka fudhatuuf dirqiisiisa,’’ jedhanii ture.

‘‘Ameerikaan omaa akka hin gooneef nu akeekkachiifti. Ofiisheetiin garuu Israa’eliif deeggarsa olaanaa kenniti’’ jedhan itti dabaluun.

Maddi Hezboollaah'tti dhiheenya qabu akka ibseetti, Naasraallaah itti dhiheenyaan hordofaa kan jirtu yoo ta’u, damee waraana garichaa waliinis dubbataa jiru jedhan.

‘‘Hezboollaahnnis waan tokko tokkoon ta’aa jiru hordofaa jira. Yeroo hunda tilmaama hojjeta’’ jedhan.