Hamaas lafa jalaa bahee haleellaa raawwatee baqataa jira -Israa'el

Waraanni Israa’eel bakka dahannoo cimaa Hamaas kan taate Magaalli Gaazaa humnootii Israa’eliin marfamuu beeksiiseera.

Humni Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF), loltoonni dhiheenyarraa loltoota Hamaas kan ulaawwan lafa jalaa keessa bahuun haleellaa raawwatanii baqatan waliin walitti dhukaasaa turan jedhe.

UN ammoo manneen barnoota afur kan akka dahootti fayyadaa turan barbadaa’uufi hanqinni bishaanii hammachuu akeekkachiise.

Ministeerri Fayyaa Hamaas akka jedheetti, Filisxeemonni 9,000 ajjeeffamaniiru.

Guyyaa Kamisaa Ejensiin Hojiiwwaniifi Deeggarsa UN (UNRWA)n manneen barnootaasaa afur kan akka dahannootti tajaajilaa turan sa’aatii 24 gaditti barbadaa’uu hime.

Mana barnootaa kaampii baqattoota Jaabaaliyaa keessaatti yoo xinnaate namoonni 20 ajjeeffamuun gabaafamuu UNRWAn hime. Mana barnootaa kaampii baqattoota Beech kan gara dahannootti jijjiramettis daa’imti ajjeeffamun gabaafame.

BBCnis waraabbii viidiyoo lama manneen barnootaa irraa ta’an dhugaa ta’uu mirkanneeffateera.

Viidiyoon baayyee sukkaneessaa ta’eefi mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa Kaaba Gaazaa kaampii baqattoota Jaabaaliyaa keessatti waraabame tokko, haleellaan booda seensa guddaa alaaniifi booda dallaa keessa agarsiisa.

Namoonni miidhaman ykn ajjeeffaman 20 ta’an, dhiira, dubartootaafi daa’imman dabalatee lafarratti mul’atu.

Viidiyoo inni lammaffaan kan dallaa mana barnoota sadarkaa tokkooffaa kaampii baqattootaa Beech keessatti waraabames, akkasumas Kaabaa Gaazaa garuu dhiheenya qarqara Galaan Meeditiryaaniyaaniitti argamu, gamoo mana barnootaa guddicha duubaa aarri guddaan samiitti ol ka’e agarsiisa.

Daa’imman dabalatee, namoonni baayyeen, dallaa keessa dhokachuuf yoo fiigan, kaan kaampicha keessatti dahatan foddaa irraa yoo ilaalan mul’atu. Duuba ammo dhohiinsi walitti fufee yoo mudatu ni dhagahama. Inni dhumaa fi kan sagalee ollaa tokko ummanni dallaa keessaa naasuun akka baqatu taasise.

Aanga’oonni Hamaas Gaazaa keessaa haleellaa qilleensaa Israa’el balaaleeffatan. Humni Waraana Israa’el garuu omaa hin jenne.

Ekispartoonni UN muudee Gaazaa keessatti dhukaasni dhaabuun namoomaaf akka ta’uuf waamicha taasisuun, ummata Filisxeem kan ‘‘balaa duguggaa sanyii’’ keessatti argamaniif yeroon gabaabbataa jira jedhan.

‘‘Haalli Gaazaa keessaa sadarkaa badii olaanaarra gaheera’’ jechuun, boba’aan gara Gaazaa akka hin seenneefi dhiyeessitii bishaanii dhorkuu jechuun ummanni bishaan dhuguu baayyee xiqqoo qofa qaba jechuudha jedhan.

‘‘Bishaan jireenya ilmaan namaatiif murteessee yoo ta’u, har’a ummanni Gaazaa miiliyoona lamaa bishaan dhugaatii argachuuf rakkataa jira,’’ jedhan.

UN kan Jeenevaa keessatti ergamaan Israa’el yaada kanaan, ‘‘baayyee gaddisiisaafi yaaddeessaa’’ jechuun du’a namoota nagaatiif Hamaasiin balaaleeffatan.

Kamisa ganama keessa Raayyaan Ittisa Israa’el, loltoota Hamaas 130 ta’an ajjeessuu himee ture.

Ministirri Mummee Israa’el Benjaamiin Netaniyaahu, loltoonni isaa ‘‘waraana cimaa irratti argamu’’ jedhanii ture.

‘‘Milkaa’ina ajaa’ibsiisaa argachuun qarqarawwan Magaala Gaazaa dabarreerra.Cimaa jirra’’ jedhan ibsa kennaniin.

Erga daangaan Raafaah kan Masrii walinii banameen booda lammiileen biyya biraa hedduun Gaazaa keessaa bahuu danda’aniiru. Pirezidant Baayidan lammiileem Ameerikaa 70 keessatti akka argaman dubbatan.

Garuu ammoo dhaabbanni gargaarsa wallaansa fayyaa, Doctors Without Boarders jedhamu namoonni miidhaman 20,000 ol daangaa irratti danqamu hime.

Haaluma walfakkaatuun, Libanan keessa kan socha’u Hizboollaan yeroo tokkichaan Israa’el keessatti qiyyeeffannaawwan 19 haleeluu danda’u beeksiise.

Waraanni Israa’el ammo deebii kennuf Liibaan keessatti qiyyeeffannaawwan Hizboollaa irratti haleellaa walitti fufaa raawwachu hime.

Kunis dursaan Hizboollaa Haasan Naasraalaah erga waraanni ka’ee yeroo jalqabaatiif haasaa akka taasisan wayita eegamaa jiruu guyyaa tokkoon dura kan raawwatameedha.