Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ulaan Raafaah maali, maaliif akkasitti Gaazaaf ulaa murteessaa ta'e?
Erga waraanni Israa'eliifi Gaazaa eegalee as yeroo jalqabaatiif namoonni nagaa Gaazaa irraa karaa daangaa Raafaahiin Masriitti qaxxaamuran.
Lammiileen Filisxeem miidhaman ambulaansiidhaan, akkasumas kanneen paasportii biyya biraa qaban hedduun Roobii bahan.
Masriin marii jaarsummaa Kaataariin taasifameen, jalqaba miidhamtoota 80 oliifi lammiilee biyya biraafi kanneen lammummaa dachaa qaban 500 ol ta'aniif nan hayyama jette.
Erga torbanoota sadan darban waraanni eegalee asi namoonni akkasitti yoo bahan kan jalqabaati. Daangaa hanga yoomiitti banaa akka turu ifa miti.
Daangaan deeggarsa kara Gaazaa galchuuf guyyoota 10 oliif banaa ture. Hanga ammaattis konkolaattoonni 200 daangaa kan qaxxaamuran yoo ta'u, caalaa akka barbaachisu himame.
Ulaan Raafaah maali?
Eddoon kun kibba Gaazaatti karaa ittiin bahaniif kan Masrii karaa Gamojjii Sinaatiin daangessudha.
Gaazaa keessa kan ittiin seenaniifi bahan ulaawwan biraa lamas jiru. Isaanis ulaa Ereez kan karaa Kaabaa Gaazaatiin Israa'el nama geessuufi kan namni qofiti ittiin darbaniidha. Inni biraa ammaa Ulaa Keereem Shaaloom yoo ta'u, ulaan kun meeshaalee daldalaa qofaaf kan hayyamameefi Israa'eliifi kibba Gaazaa walitti fidudha. Ulaawwan kunneen lamaanuu amma cufamaniiru.
Amma maalii barbaachisaa ta'e?
Milishoonni Gazaa Hamaas kan Gaazaa bulchanii erga Onkololeessa 7 kibba Israa'el irratti haleellaa hin eegamne banuun namoota 1,400 ajjeesseen booda ulaan hundi ni cufame.
Haleellichaan guyyyaa tokkoon booda, Israa'el hanga akeekkachiifni biraa kennamutti ulaawwan Ereez fi Keeraan Shaalom akka cufaman ajajje. Yeroo Ulaa Raafaah qofaa ummata Gaazaa keessaatiif dhiisuu kun cufamee ture.
Raafaah karaa deeggarsi namoommaa ittiin darbu ulaa tokkicha.
Ulaan Raafaah irratti maaltu ta'aa jira?
Hamaasiifi Masriin eenyu bahuu akka qabu to'ataa jiru, garuu ammoo erga haleellaa Hamaas haaloo bahuudhaaf haleellaan qilleensaa Gaazaa irratti Israa'eliin raawwatamuu eegaleen booda sochiin ni jeeqame.
Miidiyaan Masrii erga Israa'el Onkolooleessa 9 fi 10 haleellaa qilleensaa sadii irratti raawwatteen booda, gama daangaa Filisxeemiifi Masrii irra miidhaan waan qaqqabeef jidduutti hojii dhaabuu gabaasanii ture.
Onkolooleessa 12 ammoo mootummaan Masrii Israa'el haleellaa dhiheenya Raafaahitti raawwachuu dhaabdee ummata Gaazaa keessatiif akka ''ulaa deeggarsa lubbuu baraarsaatti'' tajaajiluuf gaaffate. Itti dabalunis, Marsiin hanga hojjattoota isheetiif nagaa ta'uu mirkaneessitutti daangicha akka hin banne himte.
Torban sadiin booda, jaarsummaa Kaataariin namoonni muraasni Gaazaa keessaa akka bahaniif waliigalteerra gahamun erga dhagahameen booda namoonni daangaa irratti walitti qabamuu eegalan.
Ejjensiin oduu Rooyitars Kaataar haala mijeessuu Ameerikaatiin, Masrii, Israa'eliifi Hamaas waliin marii gaggeessaa akka jiru gabaase.
Waliigaltee kanatu namoota baayyee miidhaman muraasaafi kanneen paaspoortii biyya biraa qabatan akka Gaazaa keessaa bahaniif dandeessise.
Kaataar dureewwan siyaasa Hamaas, kan magaalaa guddoo biyyattii Dohaa keessatti erga bara 2012 kaasee waajjira banataniif manadha.
Ulaan kun maaliif cufame?
Erga bara 2007tti Hamaas aangoo qabatee booda Israa'eliifi Masriin sochii namootaafi mi'aa Gaazaa keessaa bahuufi Gaazaa seenu irratti daangaa kaa'an. Biyyoonni lamaanuu daangaa kana cufuun sababii nageenyaatiif akka barbaachise himu.
Ministeerri Raayyaa Ittisa Israa'el haleellaa Hamaas namoonni baayyeen ittiin ajjeeffamaniif deebii kennuuf jecha, Onkololeessa 9 Gaazaa irratti ''marsaman guutummaan'' labse. Itti dabalunis, ''ibsaa, nyaanni, boba'aa akka hin jirreefi wanti hundi cufamu'' hime.
Haaluma walfakkaatunis Masriin waraanicha baqachuun Filisxeemoonni hedduun akka biyyashee hin seenne sodaatte.
Onkololeessa 12 irratti pirezidantiin Masrii, Filisxeemonni Gaazaa irraa baqachuunsaanii gaaffiisaanii kan dagachiisu waan ta'ef ''lafa isaanii irratti cimanii akka turaniif'' waamicha taasise.
Akkasumas, gara waggaa kudhaniitiif riphee loltoota Jahaadistootaa karaa Gammoojjii Sinaatiin mudate waan tureef, ammas milishoonni Islaamaa gara biyyasaa seenuu danda'u yaaddoo jedhu qaba.
Ulaan Raafaah attamiin itti fayyadamamaa ture?
Filisxeemotaaf karaa Raafaahiin bahuun salphaa miti. Filisxeemonni karaa sana bahu barbaadan yoo jiraatan torban lama ykn sadiin dura aanga'oota naannoo Filisxeemitti dursanii galmaa'uu qabu.
Gaaffiin kun tarii sababa xiqqoo kennuudhaan aanga'oota Filisxeem ykn kan Masriitiin didamuu danda'ama.
UN akka jedheetti, Hagayya bara 2023 keessa, aanga'oonni Filisxeem namoota Gaazaa keessaa bahan 19,608 hayyamaniin namoota 314 akka hin seenneef dhorkaniiru.