Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiiin gaa'elaan ala sagaagaltee fi alkoolii dhugde si'a 140 garafamte
Taateen kun kan uumame Indooneshiyaa lixaa keessatti. Dubartiin gaa'elaan alatti saal-qunnamtii raawwachuu fi alkoolii dhuguudhaan si'a 140 garafamte.
Dubartiin tun seera shariyaa, ykn seera amantaa Islaamummaa sarbuudhaan adabbiin akkanaa ishee mudate.
Dubartiin umrii 21 adabbii kun hundi [140 garafamuun] aangawootaan ija uummataa duratti irratti raawwatamuu hordofee gaggabdee turte.
Adabbii Shariyaa Indooneezhiyaa lixaa kutaa Akeeh keessatti raawwate kana hojjettoonni sadi mootummaa dubartoota ta'an alangeedhaan osoo isheen hirqinfattee boo'aa jirtuu garafan.
Wayita isheen gaggabdu dubartootumti ishee garafaa turan waltajjii irratti garafamaa turterraa fuudhanii ambulaansiirra baasan.
Dubartiin bultii qabdu tun kan garafamte Kamisa yoo ta'u ishee waliin namoonni afur kan biraa miseensa poolisii humna Poolisii Islaamummaa tokko dabalatee seeruma Shariyaa sarbuun garafamanii jiru.
Hawaasa kutaa bulchiinsa Akeeh seera Shariyaatti cichu (conservative) biratti seera shariyaa Islaamummaa sarbuun adabbiii garaffii nama adabsiisuun waan barame. Barmaatileen akkanaa gar-jabeenya jedhamuun kanneen mirga namaaf falmaniin qeeqamaa ture.
Akkaataa seera yaklaa Islaamummaa hawaasa kutaa bulchiinsa Akeehitti gaa'ilaan ala sal-qunnam,tii raawwachuun 100 nama garafsiisa, alkoolii dhuguun immoo 40 nama garafsiisa.
Qindeessaan garee mirgoota namoomaa Indooneezhiyaa Kontraas, Azhaarul Husnaa, garaffiin sirnaan hojiirra oolaa akka hin jirre qeeqa. Seeronni akkanaa "fooyya'uu" akka qabanis gaafata. Kanneen adabaman karaa barsiisuun ta'uu qaba jedha.
Miseensi poolisii tajaajila Poolisii Islaamummaa, hiriyaa isaa dubraa waajjira keessati waliin hariiroo jaalalaa horate faana si'a 23 garafame. Lamaan isaanii dhoksaan sanyoo wal godhannaan adabaman.
Poolisichi kophaa isaa mana ishee keessatti waliin argame jedha, Itti gaafatamaan Tajaajila Poolisii Islaamummaa kutaa bulchiinsa Akeeh, Muhaammad Rizaal. Poolisichi hojiirraa akka ari'amus hime.
Akeehin kutaa bulchiinsa Indooneezhiyaa musliimni wayyabni keessa jiraaytu taatee seera shariyaa hojiirra oolchitu dha. Adabbiin badii akkasii hedduun addababaayii (uummata duratti) raawwatama.