Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera-HRW

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf dhaabbatu Humaan Raayitis Waach (HRW) gabaasa ‘Walitti bu’insa Itoophiyaa Biroo’ jedhuun Adoolessa 4, 2022 baaseen, Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera jedhe.

Akka HRW jedhutti, Sadaasa 2020 osoo qalbiin addunyaa gara waraana Kaaba Itoophiyaa, Tigraay keessatti jalqabeetti hin deebi'iin duraa kaasee Oromiyaa keessatti gaafatama tokko malee mirgoota namoomaa sarbuun ballinaan deemaa tureera; ammas gaggeeffamaa jira.

“Kanaaf, wanti Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun xiyyeeffannaa addunyaa atattamaa barbaada,” jedhe HRW.

Kan waggaan lamaffaasaa torban darbe yaadatame ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkaraafi jeequmsa dhalatee tureen Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 178 ajjeefamuu kan yaadate HRW, taateen kunneen biyyattii keessatti kabajni mirgoota namoomaa duubatte deebi'uu yeroo itti jalqabedha jedha.

Yeroo Artist Haacaaluu ajjeefame sanatti, namoonni gaddaafi mormii ibsachuufi daandiiwwan Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti akka bahan himuun, humnoonni nageenyaa warra gaddaaf bahan irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun namoota baayyee ajjeesanii kaan madeessanii turan jedheera.

Eessumni Artist Haacaaluu Hundeessaa namoota gaddaaf bahanii humnoota nageenyaatiin ajjeefaman keessaa tokko ture kan jedhe gabaasichi, haleellaan sabaafi amantaa irratti xiyyeeffates akka ture ibseera.

Akka gabaasa HRW kanaatti, sarbamni mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti akka baballatuuf sababiin biroon duula mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuu jedhuun gaggeessuun walqabatee kan dhalate akka ta’edha.

Bitootessa darbe keessa mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' lola dhaabuuf murteessuusaa ibsuu hordofee, finciltoonni Tigraayis murtee walfakkaataan dhukaasa dhaabuu labsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waraana humnoota TPLF waliin qabu kanaa nagaa furuuf akka fedhu ibsuurra darbee koree dhimma kana abbummaan gaggeessullee ramdaeera.

Haata’u malee, waraana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan motummaan itoophiyaa ‘Shane’ jechuun shororkeessaa jechuun galmeesse waliin garuu karaa martiitiin nagaa buusuuf wanti jedhe hin jiru.

Garee WBO garuu mariin araaraa bilisaa fi kan qaama walabaafi ulaagaa idil-addunyaa guutu jiraannaan hirmaachuuf qophii akka ta’e ibseera.

Akkuma TPLF waliin marii gaggeessuuf murteessetti, WBO waliinis fala karaa nagaa barbaaduu akka qabu namoonni siyaasaafi paartileen siyaasaa irra deeddeebiin gaafachaa jiru.

Mootummaanis hidhatoota kanneen balleessuuf yeroo garaa garaatti oppireeshinii gaggeesseen hedduu ajjeeesuu ibsuun, guyyoota muraasa dura ammoo godinaaleen lixa Oromiyaa hidhattoota kana jala turan humnoota nageenyaa mootummaa jalatti deebiyuu ibseera.

Haata’u malee, ammas Waxabajji 4, 2022 Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaatti hidhattoonni kunneen lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu MM Abiy Ahimad himuun, garee shororkeessaa jedhan kana uummata isaanii waliin hamma dhumaatti hordofanii akka dhabamsiisan dubbataniiru.

Torban lama duras haleellaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii ganda Toleetti raawwatamuun namoonni 338 ittiin ajjeefamuu mootummaan Itoophiyaa himeefis gareedhuma hidhattootaa kanneen itti gaafatamaa taasise.

Jiraattonniifi mootummaan haleellaa kana Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jechuun himatu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin haleellaa kana humnoota mootummaa 'Gaachana Sirnaa' jedhamantu raawwate jechuun, qorannoon walabaa akka godhamu gaafatee ture.

Wal waraansa hidhattoota kanneeniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu irraa kan ka’een lammileen nagaa gidduutti hedduu rakkataniiru jedha jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu HRW.

Waggoota sdaran darban keessa jiraattonni Oromiyaa godinaalee hidhattoonni WBO keessa socho’an keessatti rasaasa lamaan ajjeefamaa akka jiraniifi yaaddoo nageenyaa irra bubbuleef bahanii galuufi hojii guyyuu isaanii hojjetachuullee akka hin dandeenye yeroo gara garaatti BBCtti himaa turan.

Ajjeechaa namoota nagaafi mancaatii qabeenyaa Oromiyaa keessatti qaqqabuuf mootummaaniifi hidhattoonni quba walitti qabu.

HRW gabaasa isaa kana keessatti jalqaba bara 2019 mootummaan Komaandi Postii Federaalaa kan humnooya federaalaafi naannoo qindeessu lixa Oromiyaatti akka hundeesse ibsuun, jalqaba 2020 keessa interneetiin ji’oota sadiif cufamuu dabalatee aanga’oonni mootummaa yeroo gara garaatti maloota komunikeeshinii lixa Oromiyaa irraa kutaa turan jedheera.

Kun ammoo dhaabbileen gargaarsaa, miidiyaaleeniifi gareewwan mirgoota namoomaaf falman akka naannoo sanatti waan deemaa jiru hin arganne taasiseera jedha jaarmiyaan kun.

Dhorkaawwan naannicharra jira akkuma jirutti ta'ee, gareewwan mirgoota namoomaafi miidiyaaleen ajjeechaa humnoonni nageenyaa mootummaa murtoo seeraa tokko malee raawwatanii, fi hidhattoonni miseensa hawaasaa lakkoofsi isaanii naannicha keessatti muraasa ta'an, akkasumas aanga'oota mootummaa butuufi ajjeesuu gabaasuu danda'aniiru jedha HRW.

Akka gabaasa jaarmiyaa idil-addunyaa kanaatti, humnoonni nageenyaa humna hidhate deeggartu ykn waliin hidhata qabdu jechuun dargaggoota irratti xiyyeefatu.

"Itti-gaafatamni tokko osoo hin jiraatiin humnoonni nageenyaa mirgoota namoomaa sarbuun ammoo daran akka isaan ittuu gocha mirgooota namoomaa sarban cimse malee, miidhaan dabalataa akka hin uumamne gochuu hin dandeenye," jedheera HRW.

Gabaasa isaa kana keessatti Human Raayits Waach ajjeechaa hidhattootaan Waxabajji 18, 2022 Lixa Wallaggaa aangaa Gimbiitti hidhattooonni gaggessan jedhames kaaseera.

Haleellaa kanaan daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoonni baayyeen ajjeefamanii yoo xiqqaate 4,800 kan ta'an baqataniiru jedheera.

Namoonni ijaan argine jedhaniifi mootummaan ajjeechaa kana kan raawwate WBO yoo jedhan, gareen hidhate kun garuu waakkachuun qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf gaafateera.

UN fi OLLA'n maal jedhan?

Taatee kana dhugaa lafarra jiru yeroo isaatti gabaasuudhaaf kominikeeshiniin addaan cituu danqaa ta'uu kan ibse UN ammoo, haleellaan kun waraana humnoonni mootummaa fi hidhattoonni bakka sanatti taasisan hordofee kan raawwatamedha jedhe.

Dhaabbanni The Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association (OLLAA) jedhamu ammoo, sarbama mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru UN qorachuuf akka jiru beeksisuu isaa dinqisiifateera.

OLLA'n UN sadarkaa sarbama mirgoota namoomaa jiran qoratee baasuuf mootummaa caalaa garee mirgoota namoomaa wallaba ta’an waliin hojjechuun barbaachisaadha jedheera.

Kana malees, Komishiin UN kun himannaawwan sarbaba mirgoota namoomaa Oromiyaa keesssatti raawwatan hunda, keessumaa ammoo yakka Oromoota irratti raawwatame kan akka malutti hin gabaafamne jedhus akka qoratuuf gaafateera.