Sagalee Walaayittaan kaan waliin naannoo akka ta'u dandeessisu kenname

Madda suuraa, NEBE
Godina Walaayittaa dabalatee godinaalee biraa jahaafi aanaalee addaa shan waliin ta’uun naannoo tokko hundeessuuf rifarandamii gaggeeffameen bu’aan gaariin argamuun ibsame.
Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa bu’aa filannoo mirkanaa’aa Waxabajjii 27, 2023 ifa taasiseen, Itoophiyaan naannoo haaraa tokko dabalattee jirti.
Haaluma kanaanis Godinaalee Koonsoo, Walaayiittaa, Omoo Kibbaa, Gaamoo, Geedi’oofi Goofaan akkasumas aanaalee addaa Burjii, Baaskeetoo, Alee, Amaarroo fi Daraasheen bakka tokkootti naannoo tokko jalatti ijaaramu deeggaruun sagalee kennaniiru.
Haaluma filannoo gaggeeffame kanaatiinis namoonni 752,044 naannoo tokko ta’uudhaan ijaaramuu deeggaruun sagalee kennaniiru.
Gama biraatiin ammo namoonni 41,531 ammoo godinaalee jahaafi aanaaleen addaa shan bakka tokkotti akka naannootti ijaaramuu akka hin deeggarre mormuun sagalee kannaniiru.
Bu’aan kunis boordii filannootiin ifa kan taasifame erga keenniinsi sagalee yeroo lammaffaatiif Godina Walaayittaatti kennameen booda ture.
Kanaan dura baatii Guraandhala keessa darbe keessa kenniinsa sagalee kennamee tureen ‘‘sarbama seeraa’’ adeemsa keessatti mudateen jedhamuun irra deebiin akka gaggeeffamuuf murteffamuunsaa ni yaadatama.
Kanaafuu Boordfiin Filannoo Biyyaalessaa ‘‘baay'inni lakkoofsa namoota sagalee kennuun galmaa’anii kan hin amanamneedha’’ jechuun, ‘‘osoo sarbamni seeraa hin raawwatamiin dura tarkaanfiin seeraa waan hin fudhatamneef irra deebiin filannicha gaggeessuun barbaachisuu’’ ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufaniin booda godinaaleen naannoo Kibbaa keessatti argaman adda addaa naannoodhaan ijaaramuuf gaaffii dhiyeessaa turan.
Haaluma gaaffii kanaatiin deebii kan argatan ammo Naannoo Sidaamaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa qofaa ture.
Sidaamaafi Kibbi Lixa Itoophiyaa erga naannoodhaan ijaaramanii boodas, sochiin godinaalee fi aanaalee ummattoota kibbaa keessatti argaman deebisanii ijaaruu taasifamaa ture.
Godinni Walaayittaas godinaalee ummattoota kibbaa qofaatti gaaffii naannummaan ijaaramuu dhiyeessee keessaa tokko.
Aangawoonni olaanoon godinichaa gaaffii kana hoogganaa turan fi namoonni dhuunfaa kaan hidhamuu hordofees yeroo garaa garaatti mormiin mudatee ture.
Mormiiwwan godinicha keessatti mudatee tureen wal qabatees tarkaanfii humnoota nageenyaatiin fudhatameen namoonni 16 ajjeefamunsaanii ni yaadatama.
Erga gaaffiin naannoodhaan ijaaramu mana maree godinichaatiin fudhatama argateen boodas, mana maree naannichaatti isaan boodas mana maree federeeshiniitti dhiyaatee ture.
Dhumarrattis godinichi godinaalee fi aanaalee addaa kaan waliin kilaastaraan akka ijaaramuuf mana maree fedeereeshiniitiin murtaa’ee ture.
Kanas raawwachiisuuf boordiin filannoo hojiiwwan adda addaa raawwataa akka ture ibseera.












