Finfinneetti waraabessi daa’ima waggaa 10 irra miidhaa geessise

Daa'ima waraabessi nyaatee wallaansarra jiru

Magaalaa Finfinneetti waraabessi daa’ima umuriin isaa wagga 10 ta’e, ija isaa dabalatee fuula gama tokkorraan hubaatii cimaa geessisuu maatiin daa’ima kanaafi hakiimni wallaanaa jiru BBCtti himan.

Taaten kun Hagayya 16, 2022 guyyaa keessa saatii sagal irratti kan mudate yoo ta’u, Kutaa Bulchiinsa Ekkaa, aanaa sagal bakka Wandimmaamaach Qaxanaa Jifaaraa Barrii jedhamuttidha.

Daa’imni maqaan isa Sintaayoo Girmaa jedhamu kun fuulli isa gama mirgaatiin waraabessa kan nyaatame yoo ta’u, yeroo ammaa kana ammoo ujummoon ittiin arganu somba isaa keessa galfameefiif waallaansarra jiraachuu Hospitaala Alertitti ogeessi fayyaa Kutaa Wallaansa Balaa Tasaa Dr. Biruuk Kabbadaa BBCtti himaniiru.

“Lubbuu isaatiif waan yaaddessu miti”

Guyyaa shanaffaatiif wallaansa argachaa kan jiru Sintaayyoo Girmaa, miidhaan guddaan irra gahullee, “ammatti lubbuu isaatiif wanta yaaddessu” akka hin taane Doktara Biruuk dubbataniiru.

Fuulli daa’ima kanaa gam-tokko, maddii isaa, hidhii, maashaarraa kaasee hanga morma isaatti waraabessaan kan nyaatame yoo ta’u, ija isaa mirgaa dhabuu dabalatee qama argansuu isaarra miidhaan gaheera.

Yaala baqaqsanii wallaanuutiin miidhaa fuula isaarra gaheef badadamaa kan jiru yoo ta’u, ammatti madaan isaa akka infekshinii hin uumneef xiyyeeffannootiin hordofamaa jiraachuu himan Doktar Biruuk.

Yeroo ammaa daa’imni kun kan of bare yoo ta’u, madaan isaas fooyyee yeroo argamsiisutti gogaan qama isa abakka biraarraa fuudhamee fuula isaa wallaansa ‘Pilaastik Sarjarii’ jedhamuun wallansi akka taasifamuuf ogeessi fayyaa kun ibsaniiru.

“Wantonni ittisuu dandeenyu yeroo daa’imarra gahan wayita mudatan rakkisaadha. Baayyees miira namaa tuqa,” jedhu Doktar Biruuk

Wallaansa ‘Pilaastik Sarjarii’ wallaansi baqaqqsanii yaaluu ittiin qama miidhame deebisanii dhinsuu irra jiru biyya keenya keessatti hangam mara quubsaa ta’uu dhabuun isaa, akkasumas meeshaaleen wallaansa akkasiif barbaachisan dhibuufi hanqinni ogeessotaa rakkoo akkasii kana akka daran hammeessu dubbatu ogeessi kun.

Kanaan dura namni ga’eessi tokko sabab dhibee kaansariitin fuula isaa irra balaan guddaan gahee malee nama waraabessi fuula isaa nyaate akka isaan hin mudanne dubbatu Dr. Biruuk.

Balaa mucaa kana irra gaheen baay’ee gadduu irraa kan ka’e hirriba rafuuf illee akka rakkatan dubbatu doktarichi.

“Waaqayyo isa gargaaru. Nuti waan dandeenye hunda ni goona. Uummanni Itoophiyaas osoo gargaaree,” jechuun waamicha dhiyeessan.

“Bosona keessa jiraanna”

Abbaa daa’ima waraabessi mucaa isaanii irraan miidhaa gahee kan ta’an Obbo Girmaan naannoo isaan jiraatanitti kanaan duras waraabessi nama miidhaa irraan gahe akka beekan dubbatu.

Obbo Girmaan BBC tti akka himanitti kanaan dura mucaan wagga jahaa ergaa suuqii dhaqxee waraabessi fudhatee osoo deemuu atileetonni shaakala irra turan arganii buusisuu yaadatu.

Haa ta’u garuu miidha guddaan waan irra gahee tureef hospitaala erga seentee booda duute.

Naannoon isaanii bosonaan kan marfamee fi kanarraa kan ka’e waraabessi darbee darbee ijoollee akka gaadu himu Obbo Girmaan.

“Yeroo heddu wal agarra, wal bira dabarra,” jedhu.

Jirataa naannoo sanaa kan ta’an Adde Sisaay waraabessi naannichatti baramaa ta’uus miidhan inni namarraan gahu garuu baramaa akka hin taane dubbatu.

Naannichi ibsaa waan hin qabneef namoonni kurrzii ibsatanii jiraatu jedhu Adde Sisaay.

“Mucaa kee waraabessi nyaate jedhanii natti himan”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan Sintaayyoo Obbo Girmaa Tsaggaayee hojii humnaatin jiraatu. Yeroo mucaan isaanii waraabessan nyaatamu sana hojiif lafa fagoo deemanii ture.

Mucaan isaanii baruumsa dabalataa baraaa kan barataa jiruu fi kutaa sadaffattii kan darbe yoo ta’u, bakka hojiif deeman sana fudhatanii deemus barbaadanii akka turan himu.

Ilmi isaanii garuu qormaata akka qabu waan itti himeef, qormaata erga fixeen booda ijoollee wajjin akka taphatu, garuu ammoo gara bosonaa akka hin deemne itti himanii akka turan dubbatu.

Sintaayyon osoodhuma ijollee wajjin tapahataa jiruu waraabessi kan itti dhufe. Ijoollen warri kaan baqatanii yoo sokkan, Sintaayyon mucucaatee kufe.

Boodarra, “Mucaa kee Waraabessi nyaate jedhanii ollaan bilbilanii natti himan,” jechuun gaddaan guutamanii dubbatu Obbo Girmaan.

Ollaa isaanii kan taate Adde Sisaay Darib sa’aatii sagalitti iyya dhagahanii bakkicha gaafa gahan ollaan warabessa irraa buusanii argan.

“Fuulli isaa guutun hin jiru. Gama tokkoon ijji isaa, mangaagan isaa hin jiru, jedhu.

Boodarra poolisiitti bilbilanii Hospitaala Minilik akka geessan dubbatu Adde Sisaay.

Obbo Girmaan mucaan isaanii Hospitaala Minilik erga galee dhaqaban. Boodarra gara Hospitaala Pheexiroositti, achii ammoo yaala gara Hospitaala Alartitti geeffamee yaalamaa jira.

Bifuma wal fakkaatun torbee darbe Hagayya 10, 2022 magaala Buraayyutti Dargaggoo Birhaanuu Dhaabaa halkan naannoo sa’aatii 4:00 balaa waraabessi irraan gaheen miila isaa lamaan dhabee jira.

Dargaggoon kun mana maatii isaa Buraayyudhaa ka’ee halkan gara Magaala Mojoo deemuf osoo jedhuu waraabessi akka isa nyate BBC tti himee ture.