Paayileetiin Ameerikaa diroonii Huutii adamsu maal hima?

Kaapteen Ehirart jeettii waraanaa USS Bataan's keessaa tokkosaa dura yeroo dhaabbatu
Ibsa waa'ee suuraa, Kaapteen Ehirart jeettii waraanaa USS Bataan's keessaa tokkosaa dura yeroo dhaabbatu

Ameerikaa fi UK’n dhiheenya kana Yaman keessatti Huutii haleelaa turan.

Gabaastuun BBC Pershiyaan Nafiseh Kohinavard, dooniiwwan waraanaa Ameerikaa lama galaana Meditiraaniyaanii keessa buufatan keessa seenuuf carraa argatteetti.

Nafiseh, hojjettoota doonii waraanaa kanneen doonii daldalaa naannichatti eegna jedhan dubbisteetti.

Halkan dukkanaan jeettiin tokko doonii USS Bataan sagalee guddaan huursaa, ergama biraaf balalalii eegale.

Doonii waraanaa Ameerikaa kun jalqabaa gara Galaana Diimaatti imaluun meeshaalee waraanaa Huutii Yamanirraa dhukaafaman kuffisuuf bobbafaman keessaa tokkodha.

Paayileetonni doonii waraanaa USS Bataan diroonii haleeluurratti xiyyeeffatu.

"Yeroo bobbaafamnu akkas gochuuf waanan jiru natti hin fakkaanne ture," jedha balaliistota keessaa tokko, Kaapteen Eriil Ehirart.

Jeettiiwwan inni balaliisu irra caalaa haleellaa lafaarratti kan raawwatan yoo ta'u, diroonii balleessitee baddu adamsuuf gargaara.

"Jeettii Haariyaar jedhamu ittisa humna qilleensaatti daballe," jedha. "Misaa'ela xiyyaaricharraa dhukaafamuun diroonii baddee-balleessituuf qolachuu dandeenyeerra" jedhe.

Kaapteen Ehirart dirooniiwwaan hedduu kuffiseera jedha.

“Huutiin diroonii baddee-balleessitu baay’ee kibba Galaana Diimaarraa gara kaabaatti gadhiisaa turan,” jedhu Ehirart.

Haleellaan Huutii kan jalqabe Israa’el Gaazaa weeraruu hordofee yoo ta’u, lola kana keessatti lammiileen Filisxeem 25,700 ajjeefamaniiru.

Namoota ajjeefaman keessaa harki caalaan daa’immanii fi dubartoota.

Waraanni Gaazaa kan eegale haleellaa hidhattoonni Hamaas Onkoloolessa 7,2023 kibba Israa’elitti raawwataniin namoonni 1,200, kan irra caalaan isaanii lammilee nagaa ta’an ajjeefamuun -namoonni 250 ammoo butamanii fudhatamuu hordofeeti.

Yeroo sanarraa kaasee gartuun biyyoota Ameerikaan dursitu, kan biyyoota 10’n ifatti deeggaramu, doonii daldalaa eeguuf gurmuu uuman,

Kun ammoo Galaanni Diimaan daldala idil-addunyaatiif hangam barbaachisaa akka ta’e agarsiisa.

Dooniiwwan daldalaa 17,000 waggaatti ulaa galaanaa Suuyiz qaxxaamuran karaa galaanaa kana keessa darbu.

Jeettii waraanaa halkan doonii waraana USS Bataan irraa ka'uuf qophiirra jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Jeettii waraanaa halkan doonii waraana USS Bataan irraa ka'uuf qophiirra jiru

Meeshaalee dooniiwwan kunneen baatanii imalan daldala addunyaa keessaa %10 ykn naannoo doolaara tiriliyoona tokkotti tilmaama.

Haleellaa Huutiiin kun dooniiwwan naannicharraa fageessuun, yeroo imala Baha Eeshiyaarraa gara Awurooppaatti guyyoota 25 fudhatu gara 34tti dheeressa, kunis baasii dabala.

Ajajaan humna galaanaa USS Bataan Koloneel Deenis Saamson, sababa kanaaf jecha doonii ‘US Dwight D Eisenhower’ jedhamu dabalatee, dooniiwwan hedduun gara naannichatti bobbaafaman jechuun ibsan.

"Filannoowwan sun nageenyaafi tasgabbii galaanaaf kutannoo qabnu michoota keenyaa fi michoota keenyaa mirkaneessuuf kan nu dandeessisu yoo ta'u, haleellaa qaqqqabu danda'u kamiyyuu qolachuu nu dandeessisu," jedhan.

Giddugaleessa ajaja waraanaatti namoota kaartaa dijitalaa fuuldura taa'aan
Ibsa waa'ee suuraa, Giddugaleessa ajaja waraanaatti namoota kaartaa dijitalaa fuuldura taa'aan

Amma baha Meditiraaniyaanii keessa kan jirtu USS Bataan xumura ji’a Muddee 2023 keessa Galaana Diimaa keessaa kan baate kan turte yoo ta’u, Kunis Ameerikaa fi UK’n Amajjii11, 2024 Yaman keessatti finciltoota Huutii haleelu osoo hin jalqabaniin dura ture.

Garuu duulli kun bu'aa yaadame hin buusne.

Huutii haleellaa diroonii fi misaa’elaan gaggeessuu ittifufuun, doonii daldalaa fi waraanaa US fi UK waliin hidhata qaba jedhan irratti qiyyaafate.

Huutiin hanga waraanni Gaazaa hin dhaabbannetti haleellaa akka ittifufuuf akka jiru akeekkachiise.

Erga Onkoloolessa as naannichatti haleellaan hammaataa dhufe kun qofa miti - gareewwan hidhatoota Iraanitti hidhata qaban Israa’el, humnoota Ameerikaa Iraaq fi Sooriya keessatti haleelan.