US hordofuun WFP's deeggarsa nyaataa Itoophiyaaf kennu adda kutuu ibse

WFP deeggarsa Itoophiyaaf taasisu dhaabe

Madda suuraa, WFP

Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Adunyaa (WEP)n Itoophiyaatti sababa ''hanna miidhaan gargaarsaatiif’’ deeggarsa kennu adda kutuu beeksiise.

Tarkaanfiin kunis erga Ameerikaan deeggarsa karaa dhaabbata USAID'n Itoophiyaaf kennitu qisaasa’era jechuun adda kutuu ibsiteen guyyaa tokko booda dhagahame.

Itoophiyaa biyya baay’ina ummataan Afrikaa irraa sadarkaa lammaffaa irra jirtu keessaa namoota miliyoona 20 tahan deeggarsa midhaan nyaataa akka barbaachisuu dhaabbiileen deeggarsaa ni himu.

Kunis sababa goginsa yeroo dheeraa Gaanfa Afrikaaatti mudateetiin miidhaa irraan gaheefi waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffamuun kumaatama ajjeesee miliyoonota buqqiseetiin.

Sagantaan Nyaata Adunyaa [WFP] isa Jimaataa Waxabajjii 9, 2023 baaseen, namoota waraanaafi goginsaan Itoophiyaa keessaa miidhaman miliyoona torba ta'an gargaara.

Ameerikaan ammoo Itoophiyaaf deeggarsa namoomaa guddaa kan gootu yoo tahu, bara 2022 keessa deeggarsa namoomaaf kan oolu doolaara biliyoona 1.8 kenniteetti.

Sagantaa Nyaata Adunyaas ta'e, dhaabbata USAID waa’ee qorannoo deeggarsa qisaasame jedhamuun murtee amma fudhatan kanarraan isaan dhaqabsiisee ilaalchsuun ibsa bal’aa hin kennine.

Haatahu malee akka gabaasa Rooyitarsitti, dhaabbileen gargaarsaa alaa kunneen, deeggarsi ummataaf ergame gara garee humna waraanaa Itoophiyaatti qindoomina mootummaa federaalaafi naannootiin raawwate.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkeniifi gitiisaanii Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Riyaadi keessatti wal arguun himata deeggarsi dhimma biraaf ooluu fi gurgurame jedhu kana mootummaan Itoophiyaas akka qoratu waliin dubbataniiru.

“Yaaddoon keenya ummata miliyoonota deeggarsa keenya irratti hirkatanii jiraatanidha. Oppireeshinii keenya hanga danda’ametti ariitiidhaan deebisuuf gareen keenya dadhabbii malee hojjechaa jiru,’’ jedhan Daarikterri Olaanaa WFP Kindii Maakeen.

WFP deeggarsa midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennu dhaabuu beeksise

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa qaamolee gochaa kana raawwatan qorachuun akka itti gaafataman gochuuf kutannoon akka hojjetu qondaala Ameeriikaa waliin walii galusaanitu gabaafame.

Maakeenis kutanno mootummaa Itoophiyaa qaamolee ''hanna’’ raawwatan itti gaafatama gochuuf hojjatu simataniiru.

Dabalataan WFP deeggarsi nyaata madaalamaa ijoolleef, dubartoota ulfaa fi harma hoosisaniif kennamu osoo adda hin citiin itti fufa jedhe.

Akkasumas deeggarsi sagantaa nyaata manneen barnootaa keessaafi horsiisee fi qonnaan bultootaa dandamachiisuu cimee itti fufa jedheera.

Naannoo Tigiraay kan waraanni waggoota lamaaf mancaase keessatti dhaabbiileen idil-addunyaa deeggarsa kennaa turan USAID fi WFP tajaajilicha kan dhaaban ji’a darbe keessa ture.

Sababni isaa ammoo deeggarsi dhiyaataa ture irra jireessi isaa dhimma biraaf oolfamaa fi gurguramaa ture jechuun.

Hojjetaan gargaarsaa Naannoo Tigiraay keessaa tokko man-kuusaan midhaan deeggarsaa sababa kanaan qullaa tahuu hime. Naannoo kana keessatti ummanni miliyoonaan lakkaa’amu beelaaf saaxilamaadha.

Kanaafuu dhaabbileen gargaarsaa waan fidanii isaaniif kennan dhabaa jiraachuu himuusaa Rooyitarsi gabaaseera.

Hosptaala guddicha Maqalee Aydar keessatti daa’imman waggaa shanii gadii 13 sababa hanqina nyaata madaalamaatiin du’usaanii ogeessonni hospitaalichaa tibbana BBC'tti himun saanii ni yaadatama.