Mana hidhaatii hanga masaraa mootummaa: Qondaalli waraanaa fincila qeerroo Madagaaskariin aangoo qabate eenyu?

Torbee tokko dura Koloneel Maayikil Raandiriyaniriina eenyudha jedhamee osoo gaafatamee namuu isa hin beeku ture.

Guyyaa sadi keessatti garuu qondaalli waraanaa kun aangoo olaanaa Madagaaskaar qabachuun amma biyyattii keessatti nama murteessadha.

Maayikil humna waraanaa Maadagaaskaar keessatti hogganaa garee waraana gahuumsa addaa qabuu "elite unite" jedhamuu yoo ta'u, Sambata darbe, Onkoloolessa 11, garee waraanaasaa qabachuun dargaggoota mootummaa mormuuf bahanitti dabalame.

Qeerroo Madagaaskaar pirezidaantiin biyyattii aangorraa akka bu'uuf gaafataa turan gaaffiisaanii sirrii ta'uufi gareen waraanaa inni hogganu qeerroo duuka jiraachuu ibse.

Namoota magaalaa guddoo Madagaaskaar kan taate Antananaarivootti mootummaa mormuun hiriira bahan gidduutti waraanasaa qabatee argame.

Qaaman magaalaa guddoo biyyattii Antananaarivootti gidduusaanitti argamuun mirkaneesse.

Mormiin qeerroo itti hammaannan pirezidaantiin Maadagaaskaar Andireey Raajoyeliinaa biyyaa baqate. Pirezidaantiin biyyaa baqachuu hordofee Koloneel Maayikil aangoon biyyattii humna waraanaa harka galuu labse.

Paarlaamaan Madagaaskaris gaaffii qeerroon yeroo dheeraaf gaafachuun hiriira gaggeessaa ture sirriidha jechuun paartiisaa dabalatee pirezidaantichi aangorraa akka bu'uuf sagalee kenne.

Waa'ee nama amma gaggeessaa Maadagaaskaar ta'ee, Koloneel Maayikil Raandiriyaniriina, guyyootan dura namuu waa'ee isaa hin beeku.

Bara 2016 hanga 2018 bulchaa bulchiinsa Andirooy jedhamtuu ta'us ija uummataa duratti baay'ee beekamaa miti.

Boodarra garee waraanaa "elite force" jedhamu hogganaa ta'e. Pirezidaantii mormii qeerroo baqatee biyyaa bahe qeequnis beekama.

Andireey Raajoyeliinaa pirezidaantii dargaggeessa Afrikaa jedhamuunis beekama ture. Pirezidaantiin amma baqate kun bara 2009 fonqolcha mootummaa Koloneel Maayikil fa'aa gaggeessaniin aangoo qabatee ture.

Bara 2013 aangorraa bu'ee waggaa shan booda filannoo mo'achuun aangotti deebi'e.

Bara 2023tti Koloneel Maayikil yaalii fonqolchaa gaggeesse jedhamuun mana hidhaa eegumsa cimaa qabutti hidhame.

Haa ta'u garuu mormii loltoonni, barattoonnifi namoonni siyaasaa kaan gaggeessaniin waggaa tokko booda mana hidhaatii gadi dhiifame.

Kibxata darbe gaggeessumaa Madagaaskar osoo hin fudhatin dura turtii BBC waliin taasiseen, uummata biyyattii tajaajiluun alatti maqaas ta'ee ulfina addaa akka hin barbaanne dubbate.

Koloneel Maayikil nama amantii Kiristaanummaatti jabaa akka ta'es himama. Nama itti dhiyaachuuf salphaa ta'e garuummoo ejjannoo ifaa ta'e qabus jedhama.

Namni mana hidhaa bahee gaggeessaa Maadagaaskar ta'e Koloneel Maayikil gaaffii fi deebii miidiyaalee biyya keessaa waliin taasiseen kaayyonsaa jalqabaa biyya lammiileenshee 75% ta'an hiyyummaa keessa jiraatan irratti xiyyeefatee hojjachuudha.

Maadagaaskar hanga bara 1960tti walabummaa labsattutti gita bittaa Faransaayi jala turte.

Ammayyuu afaan hojii biyyattii Afaan Faransaayi. Koloneel Maayikil biyyisaa dhiibbaa Faransaayi jalaa baatee akka hin beekne amana.

Humni waraanaa Maadagaaskar bulchiinsa sivilii wajjin ta'uun waggaa lamaaf biyyattii erga gaggeessee booda guutummaan aangoo mootummaa siviliifi filannoo mo'atetti akka kennu beeksise.