Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan aangoo Shii cimsuuf riiformii gaggeessuuf
Hogganaan Chaayinaa Shii Jinpiing aangoosaa siyaasaafi diinagdee biyyattii irratti cimsachuuf, miseeensoonni paarlaamaa torban darbe reefoormii cimaan akka gaggeeffamu murteessan.
Kongrasiin Ummata Biyyaaleessa (NPC), paarilaamaa mirkanneessituun, bara aangoo pirezidantummaa Obbo Shii sadaffaa mirkanneessuun garee isaa olaanaas ni mudu.
Ministira Mummee haaraa kan sadarkaa aangootiin Obboo Shiiniitti aanuun lammaffaa ta'e ni muudu.
Yaa'iin lamaanis miseensoota paarilaamaan gaggeeffamu kunis dhimmoota waggaati.
Haata'u malee bara kana keessa waan Paartiin Koministii fi dhaabbilee mootummaa waan hedduu sororfataniifu yaa'iinsaanii baayyee barbaachisaadha.
Akkasumas qaama damee faayinaansiifi hojiiwwan saayinsii fi teeknolojii to'atuu irratti to'annoo cimsu ta'a.
Kunis hojiiwwan ijaarasa Paartii daldaloota dhuunfaa keessatti cimsuudhaaf ta'u miidiyaan mootummaa gabaaseera.
Sochiin kunis tarii sarara Paartii Kooministii Chaayinaa fi mootummaa jidduu jiru balleessuun aangoo paartichi damee dhuunfaa irratti qabu kan cimsu ta'a.
Kunis tarkaanfii cimaa baroota dhihoon as malaammatummaa irratti fudhatamaa jiruuti jedhameera.
Namoonni daldala dhunfaa irratti hirmaataniif maqaa guddaa qaman bakka buteensaanii dhabamaa dhufeera. Abbaan qabeenyaa dhiheenya kana bakka buuteensaa dhabame keessaa tokko dama beekamaa damee teknolojii irratti hirmaataa turedha.