Tarree biyyoota rakkoon namoomaa itti hammaatan keessatti Itoophiyaan lamaffaadha jedhamte

Bara 2023 keessa biyyoota rakkoon namoomaa itti hammaatan jedhamuun tarreeffaman keessatti Itoophiyaan lamaffaarratti eeramte.

Dhaabbanni Internaashinaal Riskiiwu Komiitee (IRC) jedhamu ibsa Mudde 14, 2022 baaseen, biyyoota 20 bara 2023 keessa rakkoon namoomaa keessatti hammaachuuf jira jedhe ifa godheera.

Akkaataa tarree IRCn baase kanaan Itoophiyaan Somaaliyaa qofaan durfamtee lamaffaarra teesseetti.

Biyyoota rakkoo namoomaaf saaxilamu jechuun gabaasa baasu keessatti, IRC kan tarreesse keessatti tokkoo hanga sadii kan qabatan: Somaaliyaa, Itoophiyaafi Afgaanistaanidha.

Dhiibbaa balaan hongee Gaanfa Afrikaatti uumeen alatti, daddaaqamni dinagdeetiin biyyoonni akka Afgaanistaan itti fufuun akka qoraman gabaasichi eereera.

Tarree biyyoota kanneen IRC baase kana keessatti Dimokiraatik Rippabilik Koongoo, Yaman, Sooriyaa, Sudaan Kibbaa, Burkinaafaasoofi Yukireen makamaniiru.

Rakkoon namoomaa akka hin hammaanne kanneen gargaaran kan akka waliigalteewwan dippilomaasii, seerota waraanaafi gargaarsi namoomaa dadhabaa dhufuu isaas IRC gabaasa isaa kana keessatti ibseera. Rakkoon namoomaa sababa waraanaa, jijjiirama haala qilleensaafi kufaatii dinagdeetiin hammaachuu dhufuu isaas gabaasa kana keessatti mul'ateera.

Itti-gaafatamaan IRC Daaviid Miilibaand akka jedhanitti, barri dhufu bara rakkoon namoomaa kan itti hammaatudha. "Bara darbe sababa kufaatii sirnaan dippilomaasiin laafuu isaatiif, rakkoowwan seeraafi dhiyeessii namoomaa mudate hiikuuf carraaqnus fedhiin gargaarsa namoomaa, buqqaatiifi hanqinni nyaataa hammaatee itti fufeera," jedhe.

Keessumaa namoonni bakka walitti bu'insi itti hammaatu keessa jiran dahoo dhabuun isaanii rakkinicha daran hammeesseera.

Jaarmiyaaleen biiyaalessaafi idil-addunyaa rakkoo keessatti bakka itti baqatan ta'an ykn dahoo namaaf ta'an sababa walitti bu'insi baballateef, jijjiirama haala qilleensaafi kufaatii dinagdeen dadhabaa dhufuu isaanii itti-gaafatamaan kun ibsaniiru.

"Biyyoota rakkoo hamaan isaan mudata jedhamanii tarreeffaman kanneen kessa waggoota kurnan darban waraanni isaan mudateera.

Sababa jijjiirama haala qilleensaatiin Gaanfa Afrikaa keessatti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman beelaaf saaxilamaniiru.

Qaala'insi jireenyaa sadarkaa addunyaatti hammaachuu, Raashiyaan ammooo qoqqobbii naannoo Bilaak Sii [Black Sea] irra keesse dabalatee rakkoo biyyoota kanneenii daran hammaataa taasiseera," jedhu hogganaan IRC kun.

Rakkoowwan kunneen siyaasa, dinagdee, nageenyaafi jijjiirama haala qilleensaa waan ta'aniif tumsa hawaasa idil-addunyaa akka barbaadan himu hogganaan dhaabbatichaa.

Bara 2030 irratti namoonni gargaarsa barbaadan miliyoona 230tti kan siqan akka ta'an gabaasni IRC kun ni mul'isa.

Yaadawwan furmaataa sadan dhiyaatan keessaa inni tokko biyyoonni kunneen maraamratoo rakkoo kana keessaa akka bahan akeekkachiisuudha.

Kara biraan ammoo deeggarsi soorataafi nyaata madaalawaaf taasifaman akka dabalu gaafachuudha.

Lamaffaa irrattimmoo, walitti bu'insa keessatti namoota nagaaf eegumsi akka taasifamuufiif qabu dhaabbatichi gaafateera.

Mirgoonni namoota nagaa akka kabajamu, qaamoleen walaba ta'an gargaarsa akka dhiyeessan, dubartoonni ammoo marii nagaafi tasgabbii keessatti akka hirmaatan, akkasumas yakkawwan jumlaa yeroo raawwatamanitti Mootummoota Gamtoomaniitti Manni-maree Nageenyaa sagalee sagaleetiin 'shaaruu' akka gargaaramuuf gaafateera.

Sadaffaa irratti ammoo, rakkoowwaniif deebii idil-addunyyaa kennuu yoo ta'u, jijjiirama haala qilleensaa waliin walqabatee qaamoleen itti-gaafatamummaa mirkaneessan akka jiraataniifi namoota buqqa'aniif dahoo akka kennaniif akeekkachiiseera.