Miseensi duraanii mana-maree Afgaanistaan manashee keessatti hidhattootaan ajjeefamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin miseensa duranaii mana-maree Afgaanistaan eegduushee waliin mana jireenyaashee magaalaa guddoo biyyaattii Kaabul jiru keessatti hidhattootaan ajjeefamuu poolisiin beeksise.
Yeroo Taalibaan gara Kaabulitti deebiyee aangoo qabatetti dubartoota muraasa miseensa mana-maree ta'an biyyasaanii keessaa hin ba'iin hafan keessaa Mursaal Nabizaadaa tokko turte.
Haleellaa kanaan obboleessasheefi eegduushee kan biraan tokkos madaa'aniiru.
Miseensi duraanii mana-maree ajjeefamte kun carraa biyyaa baqachuu osoo qabduu diddee Afgaanistaaniif keessa jiraachuun falmuu itti fufte jechuun goota akka taate jajata namni duraan ishee waliin hojjetaa ture tokko.
Taalibaan riphe loltummaan waggaa tokko dura ol aantummaa argatee erga gara aangootti deebiyeen booda, dubartoonni jireenya hawaasaa kamiyyu keessaa ala akka ta'an godheera.
Dubbi-himaa poolisii Kaabul kan ta'e Kaalid Zaadiraan ajjeechaa kana hordofee humnoonni nageenyaa qorannoo cimaa jalqabuu isaanii dubbateera.
Miseensa duraanii mana-maree kan taate Maariyaam Soleymaankaayil waa'ee jaalleeshee duraanii ajjeefamte kanaa yeroo ibsitu," jabduu, balaa kan qabullee taanaan waan itti amanteef cichoominaan dhaabbachuun fakkeenya kan turtedha," jetteetti.
"Afaagaanistaan gadhiistee bahuudhaaf carraa argattus achuma turtee Afgaanistaaniif falmuudhaaf goota murattedha," jechuun fuula Tiwiitara isheerratti ibsite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kutaa bulchiinsa Afgaanistaan Bahaa Naangahaar jedhamurraa kan taate Nabizaadaan, waggaa afur dura mana-maree biyyattiitiif filatamtee hanga gaafa Taalibaan aangootti deebiyee qabatuutti tajaajilteetti.
Miseensa mana-maree yeroo turtetti miseensa Komishinii Ittisaa Mana-marichaa kan turte yoo ta'u, dhaabbata misoomaafi qorannooo humna namaa keessas hojjettee turte.
Miseensa Paarlaamaa Awurooppaa kan taate Hanaahii Numaan ajjeechaa kan ahordofee akka jettetti, "gaddeera, keessikoos dheekkameera, addunyaan wanta ta'e hubachuu qaba. Taalibaan sirna saala irratti hundaa'uun loogii godhu ifatti ijaareera. Isheen garuu kan ajjeefamte dukkana keessattidha," jetteetti.
Aanga'aa olaanaa mootummaa duraanii biyyoota Lixaan deeggaramaa ture Abdullaahii Abdullaahiin ajjeechaa dubartii kanaan gadda itti dhaga'ame ibsuun, " bakka buutuu ummataafi tajaajiltuu turte," kan jedhe Naabizaadaaniin kan ajjeesan adabbii malu akka argatan abdii qabu ibseera.
Waraana Ameerikaan hoogganamu hordofee waggoota 20 darban keessa Afgaanistaanitti aangoo olaanaa keessa kan turan dubartoonni hedduun, yeroo Taalibaan gara aangootti deebiyetti biyyattii gadhiisanii baqataniiru.












