Loltoonni Raashiyaa filannoo rifarandamiif manarra deemanii sagalee funaanaa jiru- Yukireen

Loltoonni Raashiyaa mana manarra deemuun filannoo riifarandamii jechuun ofumaaf labsaniif sagalee walitti qabaa jiru jedhan lammiileen Yukireen.

Raashiyaan Yukireen keessaa iddoowwan to'attetti filannoo uummataa-rifarandamii gaggeessaa jirti.

''Ati afaaniin yaada kee itti himta, loltoonni ammoo waraqaarratti barreessanii qabatanii deemu,'' jette dubartiin Enerhodar keessa jiraattu.

Bulchiinsa Kherson gara kibbaatti hidhattoonni Raashiyaa saanduqa waraqaa filannoo baatanii magaalaa walakkaatti sagalee uummataa osoo walitti qabanii argamaniiru.

Mana manarra deemanii sagalee hiree murteeffannaa uummataa walitti qabuun kan barbaachiseef nageenya uummataaf ta'uu miidiyaan mootummaa Raashiyaa gabaaseera.

Namuu qaamaan argamee filachuu kan eegalu Fulbaana 27 ta'uus gabaasa isaa keessatti eere.

Loltoonni wayita sagalee jiraattotaa galmeessan waraqaa filannoo nama dhuunfaaf hin dhiheessan, kan maatii hundaa waraqaa tokkorratti galmeessu jedhan jiraattonni BBCn dubbise.

Raashiyaan adeemsi filannoo hiree ofii murteeffachuuf gaggeeffamu kun haqaa fi walaba ta'uu eerti, uummanni garuu loltootaan doorsifamuu himatu.

Filannoo hiree ofii murteeffachuuf warri Raashiyaa ofumaan eegalan kun guyyoota shaniif gaggeeffamaa jira.

Raashiyaan kutaalee Yukireen seeraan ala qabatte afur akka qabiyyeeshee jala galfattu gochuu keessatti akkaan ishee gargaara.

Biyyoonni addunyaa- keessattuu warri lixaa filannoo kana hin fudhatan, Raashiyaan weerara ji'oota torbaa booda kutaalee Yukireen fottokfachuuf jedhanii himatu.

Pireezidantiin US Joo Baayidan Raashiyaan maqaa filannoo rifarandamiitiin kutaalee Yukireen of jala galchuuf deemti jedhan, kunis karaa seera idil-addunyaa faallesseen ta'uu himan.

"US kutaalee daangaa Yukireen keessatti argaman hunda akka qaama Yukireenitti malee akka biraatti fudhachuu hin dandeessu,'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Biriteen James Cleverly, Raashiyaan filannoo sobaa rifarandamii jechuun ofumaa eegalte kanaan lafa Yukireen hedduu of jala galchuuf ifaajaa jirti jedhan.

Raashiyaan kutaalee Yukireen arfan- Luhansk, Donetsk, Kherson fi Zaporizhzhia - xumura ji'a kanaatti to'annooshee jala galfachuuf karoora qabdi jedhan qondaalli UK kun.

Gama kaaniin erga Pireezidanti Putiin tibbana loltoota dabalataa kuma 300 bobbaasuuf ajaja dabarsanii dargaggoonni Raashiyaa hedduun biyyaa baqataa jiru.

Dargaggeessi Raashiyaa kan umriinsaa lolaaf ga'e, magaalaa St Petersburg keessaa baqatee kan ba'e waamicha Putiin dheessuuf Kazakhastan galeera.

Hiriyoonnisaa hedduun baqarra jiraachuus hime.

''Yeroo ammaa akka waan biyyi diigamteetti natti dhagama. Namoota muraasa kan biyyaa baqachuu hin yaadin jiran,'' jedhe.