Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanaan goda-hambaa guddicha seenaa Afrikaa keessatti sirreessuuf hojjetu ijaaruuf
Amma godaansi haaran jalqabuuf jira.
Keeniyaafi Taanzaaniyaa irraa warri Maasay, Namibiyaa irraa warri Himbaa, baha Afrikaa irraa uummanni Somaalii, Afrikaa kibbaa irraa warri Zuuluu, Lixa Koongoo irra uummanni Beengaa mana isaanii haaraa Gaanatti ijaaramuuf jedhu deemuf uummata jiran keessaa warra muraasa.
Waggoota 4,000 duraa kaasee lammiilen Afrikaa baay’inaan bakkaa dhaloota isaanii irraa socho’uu eegalan, keessumaa yeroo namoonni afaan Baantuu dubbatan hedduun bakka jireenya isaanii kibba Lixa Afrikaa irraa ka’anii kutaalee Afrikaa garaa garaa qubatan jechuudha.
Amma immoo kallattii biraatti godaanuf jedhu; akkuma abboota isaanii durii bakka tokkoo bakka biroo deemuuf viisaa isaan hin barbaachisu.
Godaansi ammaa kun qaaman isinitti hin fakkaatin, godaansa aadaa fi duudhati. Seenaan, falaasamni, fi amantiin isaanii mana haaraa argachuuf jira.
Akka karoorfametti yoo deeme, bara dhufu ji’a Hagayyaa keessa xumurama. Goda-hambaa kana kan ijaarsisu ‘Goda-hambaa Pan African Heritage’ yoo ta’u gamoo abbaa darbii jahaati.
Kaayyoon goda-hambaa kanaa seenaa Afrikaa sagalee, malaa fi aadaa Afrikaatin galmeessu fi ibsuudha.
Gama biraatin ammoo seenan Afrikaa waggoota hedduuf namoota biraatin himamaa ture jedhu namoonni yaada ijaarsa goda-hambaa seenaa fi duudhaa Afrikaa maddisiisan kun.
Namoonni kun akka jedhanitti yeroo namni biraa seenaa kee dubbatu ilaalcha isaanii itti makanii dubbatu.
Kanaaf, goda-hambaan kun garaa garummaa waggoota 400 darban Afrikaanota gidduutti uumame suphuun seenaa fi duudhaalee Afrikaa harka Afrikaanotaatti deebisa jedhamee eegama.
Pirezidaantin Gaanaa Naanaa Akuufoo Adoo akka jedhanitti goda-hambichi “bobboocawwan ardii Afrikaa saamamanii biyoota ormaa keessa jiran gaafa deebi’an iddoo buufata gaarii ta’aaf,” jedhan Pirezidaantin Gaanaa Naanaa Akuufoo Adoon.
Goda-ambaawwan ammayyaa ardii Afrikaa keessatti ijaaraman keessaa kuni tokkoodha. Goda-ambaawwan kun yeroo biyyoonni Awurooppaa baay’en hambaawwan seenaa bara bittaa kolonii saaman deebisuuf eeyyammoo ta’aa dhufanittiidha ijaaramaa kan jiru.
Goda-hambaawwan heddu Afrikaa keessa osoo jiranii kuni maalif barbaachise?
“Ardii Afrikaa keessa goda-hambaawwan 2,000 qofatu jira. Awurooppaa fi US qofaa keessa garuu goda-hambaawwan 30,00 oltu jira.
"Goda-hambaan kana adda kan godhu hambaawwan ardii Afrikaa bakka tokkotti fiduuf kan karoorfate ta’uu isaati.”
Ijaarsi kana xumuruuf doolara miliyeena 50 barbaachisa jedhameera.
Goda-hambaan kun bakka tajaajila hambaalee bobbocaa fi qo’annootin qabaachutiin alatti idoo namoonni fakkii itti kaasan, bakka biqiltuuwwan qoricha aadaa dhaabaman, giddu gala agarsiisa aadaa, fi fiilmii akka qabaatus ibsamee jira.
Akkasumas goda-hambaa kana keessatti bakki seenan mootota Afrikaa kan durii fi ammaa itti agarsiifaman ni jiraata. Aadaa, ogummaa, seenaa, bobboca, fi beekumsa ganamaa isaanitu keessatti agarsiifama.
Barreessaa og-barruu beekamaa lammii Naayijeeriyaa kan ture Chiinuwaa Acheeben akkas jedhee ture: “Leenconni nama seenaa isaanii himu hanga hin qabaannetti, seenan isa adamsamuu yeroo hunda kan isa adamsuu leellisa.”