Uhuruu Keeniyaataa 'jaarsummaa keessaa hafan', mariin nagaa dhuma-torbeetti gaggeeffamus 'dheereeffame'

Mariin nageenyaa Mootummaa Itoophiyaa fi Humnoota Tigraay jidduutti Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture dheereffamuufi kanneen jaarsummaa taahan keessaa tokko Uhuruu Keeniyaataan keessaa bahuun isaanii gabaafame.

Mariin gaaddisa Gamtaa Afrikaa - AU jalatti dhuma-torbee kanatti ni gaggeeffama jedhame sababoota 'lojistikiin' akka hin raawwanne maddi oduu Rooyitars maddeen dippilomaatii eeruun gabaaseera.

Rooyitars maddeen sadii maqaan hin dhahamne wabeeffachuun akka jedhetti, mariin kun sababoota lojistikiin hin qixaayin jiruun akka hafe gabaase.

Dabaluunis guyyaan haaraa mariin kun taa'amus amma yoonaatti akka hin baramne gabaaseera.

Gama kaaniin ammoo Pireezidantiin Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa marii nageenyaa karoorfamee ture kanarratti hirmaachuu akka hin dandeenye himuun isaanii gabaafameera.

Aabba Keeniyaataan sagantaa kanarratti kan argamuu hin dandeenyeef 'sababa sagantaa biraa wajjin walirra bu'ef' tahuu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi Humnoonni Tigraay affeerraa Gamtaan Afrikaa mariif taasise fudhachuusaanii guyyaa Roobii beeksisaniiru.

Haatahu malee dhimma dheereffamuu marii kanaarratti. Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa, Humnoonni Tigraay fi Gamtaan Afrikaa haga ammaatti waanti jedhan hinjiru.

Mariin Afrikaa Kibbaatti gaggeeffama jedhame kun, qaamolee lachuu erga waraanni Sadaasa 2020tti jalaqabee ifatti yeroo jalqabaaf kan walitti fidu ennaa tahu, waraana ganna lamaaf adeemaa jiruufis xumura laata jedhamee kan abdatamedha.

Pireezidantiin duraanii Oluseeguun Obaasaanjoo, Pireezidantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi itti aantuun pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Phumzile Milambo Nigcuka kanneen AU'n jaarsummaa kana akka gaggeessan aangoo kenneefidha.

Aabba Uhuruu Keeniyaataa pireezidantii Keeniyaa tahuun marroo lama (ganna 10) kan tajaajilan ennaa tahu, ji'a dabre keessa pireezidantii haaraa biyyattii Wiiliyaam Saamooyi Ruutoof barcuma dabarsanii kennan.

Keeniyaataan waraanni waliinii Itoophiyaa keessa erga jalqabamee kaasee, namoota siyaasaa qabbana buusuuf yaalii taasisaa turan keessaa tokko.

Pireezidantiin haarayaa biyyattii Wiiliyaam Ruutoo guyyaa aangoo fudhatan haasawa taasisan irratti, Aabba Uhuruun yaalii nageenyaa Itoophiyaa fi naannoo 'Great lakes'tti eegalan akka itti fufan muuduufi isaanis tole jechuu himanii turan.