Yeroo roobaafi lolaatti dhibeewwan kamirraa of eeggachuu qabna?

Tibbana roobni cimaan Itoophiyaa dabalatee biyyootii Afrikaa Bahaa keessatti balaa lolaa qaqqabsiisaa jira.

Lolaan lubbuu namaafi qabeenya irratti miidhaa geessisuurra darbee rakkoo biraa harkisee dhufa.

Balaan lolaa uumamuu booda yaaddoon guddaa jiru dhibeewwan sababa kuufama bishaanii kanaan dhufan akka ta’e yeroo hedduu ogeessota fayyaa dabalatee dhaabbileen gargaarsaa ni himu.

Lolaan baakteriyaa, parasaayitiifi vaayirasii gosa adda addaa baachuun, gara bishaan qulqulluutti makuun tatamsa’ina dhibeewwan garagaraa uuma.

Dhibeewwan yeroo lolaatti uumaman ijoo ta’aniifi akkamiin akka ofirraa eeguu dandeenyu kunooti.

1. Koleeraa

Dhibeen bishaanirraa maddu kun kan ittifamuufi wal’aanamuu danda’udha. Ta’us yoo wal’aansi hin argamiin sa’aatii muraasa keessatti lubbuu namaa baasuu danda’a.

Yeroo roobni cimaa jirutti, bobbaan baakteriyaa Vibriyoo Koleeraa jedhamuun faalameeru, lolaa uumamuun baatamee gara kuusaa bishaanii dhugaatiif qopha’eetti makamuu danda’a.

Bishaan faalame kana dhuguun ammoo dhibee Koleeraa kanaaf nama saaxila.

Dhibeen kun yeroo haala giddu-galeessarra jiraatu, mallattoolee akka garaa kaasaa, garaa ciniinnaa, diddiguufi dheebuu guddaa agarsiisa.

Dhibeen kun yeroo kanatti hin wal’aanamiin yoo ture, hammaachaa deemuun, kaleen hojii akka dhaabu taasisa. Kun ammoo gara koomaa, sa’atii muraasaa keessatti ammoo du'a geessisa.

Yeroo balaan lolaa uumamutti maddeen bishaan dhugaatii faalamuu waan malaniiif, bishaan dhugaatiif ykn nyaataa ittin dhiquuf fayyadamnu danfiisuunis ta'e kiloorinii itti dabaluun dhibee kana of irraa ittisuun ni danda'ama.

Sababa lolaan qe'eerraa buqqa'uun yoo mudate tajaajila mana fincaanii argachuun cimaa ta'uu danda'a, yeroo kanatti bobbaa fi fincaaniif mana irraa ykn bakka maddii bishaanii jirurra yoo xiqqaate meetira 30 fagaachuun barbaachisaadha.

Qulqullina ofii xiyyeeffannoon eeggachuunis dhibee Koleeraa ittisuu irratti bu'aa guddaa qaba.

2. Taayifooyidii

Taayifooyid dhibee lubbuu namaa du’aaf saaxiluufi baakteeriyaa Salmonella Taayfi jedhamurra dhufudha. Yeroo hedduu nyaataa fi bishaan faalameen daddarba.

Roobni cimaafi lolaan ujumoo bishaanii duuchuun, bobbaa ykn bishaan xurii gadhiisuufi bishaan qulqulluu bobbaan faaluun sirna qulqullinaafi bishaanii irratti miidhaa ni geessisa.

Kun ammoo namoota hedduu dhibee Taayfoyiidiif saaxila. Bishaan faalameefi yeroo lolaatti hanqinni lafa bobbaa uumamuun isaa tatamsa'ina dhibee Taayifooyidii ni hammeessa.

Namootni bishaan dhugaatii faalamee jiru kana dhugan ykn nyaata bishaan kanaan miiccame nyaatan dhibee kanaaf ni saaxilamu.

Ho'i qaamaa dabaluu, garaa ciniinnaa akkasumas yommuu dhibeen kun hammaatu garaan kaasaa mallattoolee Taayfooyidiidha.

Dhibee kanarraa of eeggachuuf wanti ijoon qulqullinaa nyaataa fi bishaanii eguudha.

3. Garaa kaasaa

Dhibeen garaa kaasaa dhibeewwan dursoo lubbuu daa'immaan umurii ganna shanii gadii galaafatan keessa tokkodha.

Lolaa booda dhibeen garaa kaasaa kan uumamu sababa bishaan faalameen akka ta'u amanama.

Garaan kaasaa kan tatamsa'u, karaa nyaata ykn bishaan dhugaatii faalameen akkasumas sababa hanqina qulqullinaan namaa namatti darbuu danda'a.

Dhibee kana of irraa ittisuuf bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamuu, lafa bobba'aa foyya'aafi bishaan irraa fagaate fayyadamuu akkasumas qulqullina ofii eeguun barbaachisaadha.

Yeroo lolaan jiraatutti ijoolleen bishaan lolaa keessa akka hin taphanne ykn hin deemne dhorkuun barbaachisaadha.

Yeroo garaa kaasaan hammaatuutti qaama keenya keessa hangi bishaanii jiru waan guddaa hir'atuuf kun ammoo dhibeewwan biroof nama saaxila.

4. Dhibee busaa

Yeroo lolaatti dhibeewwan uumaman biroon kan ilbiisaan uumamanidha. Kanneen keessaa tokko dhibee busaadha.

Dhibeen busaa wagga waggaan namoota miiliyoona tokkoo ol du’aaf saaxila.

Rooba cimaan booda ykn yeroo lagni guutee yaa’uutti bishaan kuufamu bakka ilbiisi busaan itti wal hortu ta’a. Kun ammoo hawaasa balaa lolaan miidhamaa jiru deebisee dhibee busaaf saaxila.

Mallattoolee dhibee busaa keessaa dursoon ho'insi qaamaa dabaluu, dhukkubbii qufaa fakkaatu, kan akka qorraan hollachiisuu, mataa bowwuu, qaama caccabsuufi dadhabbii guddaadha.

Dabalataan dhibeen busaa hanqina seelii diimaa dhiigaa -animiyaa- fi jaandas - halluun ijaafi gogaa keellotti geeddaramuu uumuu danda'a.

Yeroo lolaatti naannaa keenya kuufamni bishaanii yoo jiraate, keemikaalota farra busaa biifamaniif biroo fayyadamuun barbaachisaadha.

Akkasumas golgaa ilbisa busaa dhorku yeroo rafnu fayyadamuu. Kana hin qabnu taanaan ammoo surree fi tiishartii guutuu qaama keenya golgu fayyadamuun dhibee kana ittisuun ni danda'ama.

5. Heppitaayitas A

Vaayirasii hepatitis A virus (HAV) jedhamurraa kan dhufu dhibee heppitaaytas, tiruu namaa dhibee miidhudha.

Hepitaaytas A dhibee talaallii qabudha, talaallii kana namni hin fudhanne caalatti saaxilamaa ta'a.

Dhibeen kun yeroo namni tokko nyaata ykn bishaan bobbaa nama dhibee kana qabuun faalamu daddarba.

Yeroo lolaan uumamutti ammoo manni fincaanii hedduu bishaaniin guutee bakkeetti lola'uun waan uumamuuf, lolaan vaayirasii kana baatee deemuu danda'a.

Kun maatii keessatti yeroo namni dhibee kana qabu harka qulqullina hin qabneen nyaata qopheessu daddarbuu danda'a. Hanqinni bishaan qulqulluu fi lolaa vaayirasii kana baatee deemuu malu keessa deemuun, akkasumas qulqullina ofii sirnaan eeggachuun dhibee kanaaf caalaatti nama saaxilu mala.

Ijoollee caalaa mallattoon dhibee Hepitaaytas A kan mul'atu ga'eessota irrattidha.

Mallatooleen dhibee kanaa ho'iinsa qaamaa dabaluu, fedhii nyaataa dhabuu, garaa kaasaa, fincaan gurraacha'uufi jaandas ykn ijaa fi gogaan namaa halluu keellootti geeddaramaa deemuu of keessaa qaba.

Namni dhibee kanaan hubame hundi mallattoolee kunneen hunda agarsiisuu dhiisuu mala.

Yeroo lolaatti of eeggannoo dabalataa

Lolaan uumamuu hordofee of eeggannoo inni dursaafi barbaachisaan bishaan dhugaatii qulqulluu qopheeffachuudha. Akkasumas qophiin nyaataa bilcheessuu qulqullina kan qabu akka ta'uuf hojjechun ni barbaachisa.

Bishaan lolaa fayyadamuun qodaa dhiquun, afaan lulluuqqachuun ykn nyaata dhiquu ykn bilcheessuun sirrii miti. Yoo bishaan lolaa xuqxanillee harka ofii bishaaniifi saamunaan dhiqachuun barbaachisaadha.

Bishaan lolaa daandii ykn dirree guutee jiru balaa hedduu qabachuu mala. Dhibeewwan adda addaa qabaachuun dabalata keemikaalotni adda addaa jiraachuu malu, akkasumas jijjigaa adda addaarra sibiilootni ykn meeshaaleen qaama miidhan jiraachuu malu.

Madaa banaa qabaatanii bishaan lolaa keessa deemuun vaayirasii, baakteriyaafi wantoonni adda addaa qaama keessa seenuun dhibee dabalataa uumuu danda'u.