Bakkawwan hidhattoonni socho’anitti nagaa deebisuuf tarkaanfii filannoo hunda hammate fudhataan jira- Mootummaa

Obbo Shimallis marii W.Lixaa Gmbiitti wayita ummata marisiisan

Madda suuraa, BKO

Mootummaan bakkawwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ‘Shanee’ ittiin jedhu keessa socho’anitti nagaafi tasgabbiin akka deebbiyu gochuuf ‘tarkaanfii filannoo jiran hunda hammate’ fudhachaa jiraachuu beeksiseera.

 Waajirri Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa baaseen, balaa garee hidhattootaa kanaan uumameeru hambisuudhaaf filannoowwan nagaafi siyaasaa fayyadamaa jiraachuus himeera.

Yaaddoo nagaa gareen hidhate kun uume dhaabsisuudhaaf “sochii qindaa’aa qaamolee dhimmi ilaallatu hunda hirmaachise,” gochaa jiraachuu ibseera.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ammoo tibbana gara godinaalee Wallaggaa hidhattoonni WBO irra caalaa keessa socho’anitti imaluun uummata waliin marii taasisaa turan.

Obbo Shimallis Abdiisaa Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti namoota uummata keessaa walitti babba’an waliin erga marii taasisanii booda, gara magaalaa Dambi Doollootti imaluun dhimmoota nageenyaafi misooma godinichaa irratti marii gaggeessuu qondaalli mootummaa godinichaa himaniiru.

Waggoota arfan darban keessa qondaalonni olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa yeroo gara godinaalee Wallaggaatti imalan baay’ee hin turre.

Humnoota nageenyaa mootummaa waliin wal waraanaa kan jiru WBO irra caalaa godinaalee kanneen keessa socho’aa jira.

Naannoo Oromiyaa bakkawwan sochiin hidhattootaa jirutti jireenyi hawaas-dinagdee gara bakka duraan ture naga qabeessa ta’etti akka deebiyuuf “gareen humnoota federaalaafi naannoo Oromiyaa irraa gurmaa’ee… tarkaanfin filannoowwan hunda hammate,” fudhatamaa jira jechuun ibseera Waajirrri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa.

Ministirri Komunikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) ibsa Amajji 18, 2022 kennaniin akka dubbatanitti, “balaa ‘Shaneen’ lubbuufi qabeenya ummataa irraan gahaa jiru dhaabsisuudhaaf tarkaanfiin qindaa’aa fudhatamaa jira,” jedhan.

 Kanaan dura carraaqqiiwwan siyaasaafi nagaa irra deddeebiin taasifamaa turuu kan himan Dr. Laggasaan, rakkoowwan jiran karaa nagaatiin furuudhaaf yaaliin mootummaan taasise kan milkaa’uu dhabeef adda-durummaan “sababa rakkoo bu’uuraa ‘Shaneetiin’” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marii Pirezidant Shimmallisiifi aanga'oonni biroo godinaalee Wallaggaa keessatti gaggeessan irrattis, jaarrolee biyyaa, abbootii amantaa, abbootii Gadaafi dargaggoota keessaa akkasumas qondaalonni mootummaa fa’i hirmaachuu Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Badhaasaa Dhaabaa BBC’tti himan.

Marii ture irrattis, sababa rakkoo nageenyaan hojiileen bu’uuraalee misoomaafi carraa hojii uumuu godina isaanii keessa akka malee duubatti harkifachuu hirmaattonni kaasuu dubbatan Obbo Badhaasaan.

Fakkeenyaaf, buufanni dirree xiyyaaraa magaalaa Dambi Doolloo erga hojjetamee xumuramee tajaajila geejibaa uummataa guutuu ta’e hin kenniin tureera.

Marii pirezidaanti Shimallis waliin taasifame kana irattis, dhimmi kun ka’uun mootummaan guutummaan hojii akka jalqabsiisu waadaa galamuu Obbo Badhaasaan BBC’tti himan.

Tajaajila ibsaa, bishaanii fi daandiin godinichaas rakkoo guddaa keessa akka jiruu fi mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechuu akka qabu hirmaattota irraa akka ka’e Obbo Badhaasaan himaniiru.

Mootummaanis gaaffilee kanneeniif deebii gahaa kennuuf qophii tahuu pirezidaanti Shimallis himuu isaanii BBC’tti himan.

‘‘Hunda caalaa godina keenyatti nageenyi amansiisaan dhufuu akka qabu mari’anneerra. Uummannis mootummaa cina dhaabbachuu akka qabuu fi mootummaanis nageenya uummataa mirkaneessuuf akka cimsee hojjetu mari’atameera,’’ jedhan.

Marii nageenyaa WBO waliin

Godinni Qeellam Wallaggaa godinoota hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan shororkeessaa jedhu, bal’inaan keessa socho’an keessaa tokko.

Kanaan walqabatees waggoota arfan darban keessa rakkoo nageenyaa hamaaf kanneen saaxilaman keessatti argamti.

Marii pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa qaamolee hawwaasa adda addaa waliin taasisan kanarratti, nageenyi jalqaba mirkanaa’uu akka qabu hawwaasni kaasuu Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa godinichaa Obbo Badhaasaa Dhaabaa BBC’tti himan.

‘‘Hamma yoomiitti namaa gadi taana, hamma yoomiitti dinagdeedhaan miidhamna, kan jedhu hirmaattota irraa ka’eera.’’

Obbo Badhaasaan pirezidaant Shimallis hidhattota WBO karaa nagaa galuu barbaadan simachuudhaaf mootummaan naannoo qophii ta’uu dubbachuus ibsan.

‘‘Mootummaan irra deddeebiin akka karaa nagaa galanii qabsaa’an waamicha taasisaa tureera. Ammas warra nagaan galuu barbaadan waliin mari’achuuf qophii ta’uu Obbo Shimallis kaasaniiru,’’ jedhan qondaalli kun.

Abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa, daldaltoonnii fi kaan akka hidhattoonni karaa nagaa galaniif hojjechuu akka qaban hirmaattota waliin mari’chuun waliigalamuus kaasaniiru.

‘‘Warra karaa nagaa galan ni simanna. Warra didan irratti ammoo olaantummaa seeraa kabachiisuun dirqama waan ta’eef mootummaan oppireeshinii ni gaggeessa,’’ jedhan Obbo Shimallis haasaa hawaasaaf taasisaniin.

Obbo Badhaasaan godina isaanii keessaa aanaan to’annoo hidhattoota WBO jala jiru tokkoyyuu akka hin jirre dubbatan.

Obbo Shimallis marii Qeellamiitti wayita ummata marisiisan

Madda suuraa, BKO

''Humna isaanii kamiin qabatanii turu. Yoo magaala galanis sa’aatii tokko caalaa hin turan. Saamaniiti kan bahan. Bakki isaan qabatanii turan hin jiru,'' jedhan,

''Aanaa Gidaamii guyyoota muraasaaf galanii keessaa baasneerra. Aanaan Anfillos akkasuma erga qabatanii guyyoota muraasa keessatti gara to’annoo mootummaatti deebisne.’’

Itti dabaluunis, Obbo Badhaasaan caasaan mootummaa aanaalee godina isaanii hunda keessatti diriiruun hojjechaa akka jiru himan.

Hidhattoonni WBO ammoo yeroo adda addaatti aanaalee Godina Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu fi Qeellam Wallaggaa tokko tokko akka qabatan himaa turan.

Magaalaa Dambi Doolloo fi Naqamtee dabalatee yeroo muraasaaf seenanii bahuun isaanii ni yaadatama.

Akkasumas Godina Horroo Guduruu, magaala aanaalee adda addaa guyyoota muraasaaf seenanii akka bahanis BBC’n odeeffateera.

Finxaaleyyii Amaaraa dabalatee, qaamoleen hidhatanii socha’an Godinaalee Wallaggaa keessumaa Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti sarbama mirga namoomaa dhaqqabsiisuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa himeera.

Mootummaan Itoophiyaa waggoota lamaa oliif TPLF waliin Kaaba biyyattiitti erga wal waraanaa turee booda, waliigalteen nageenyaa baatiiwwan lamaan dura walii mallatteessuun naannoo Tigiraay keessatti nagaan bu’aa jira.

Sababii waraana Kaaba biyyatiitti tureettiin, waraanni Oromiyaa keessaa akka waraana Tigiraay sana xiyyeeffannoo hawwaasa idil adunyaa hin argatiin tureera.

Haata’u malee, naannichatti sababa rakkoo nageenyaan uummanni hedduun qe’ee isaa irraa buqqa’eera.

Heddunis qabeenyaa fi lubbuu isaanii dhabaniiru.

Hidhattoonni WBO yeroo adda addaatti marii nagaatiif qophii ta’uu himanis, bakka qaamni sadaffaan walaba ta’an jiranitti mari’achuu akka fedhan himu.

Mootummaan garuu haala kana simatuu ifatti kan jedhe hin jiru.

Uummanni nagaa garuu gidduutti kallattii adda addaan miidhamaa jira.