Walleewwan Artisti Alii Birraa yoo xiinxalaman

Alii Birraa

Doktarri Kabajaa Artist Alii Birraa kitaaba waa'ee seenaa isaa irratti xiyyeefatu ilaalchisuun wayita kanaan dura BBC Afaan Oromootti dubbatee ture, haga argu, haga danda'u, dirqama ba'uu qabu hunda irratti weellisuu ibsee ture.

''Waa'ee ispoortii, waa'ee naannoo, waa'ee jaalalaa, waa'ee eenyummaa, waa'ee biyyaa akkuma isaan natti dhufaniin sirba. Malee an waan akkanaa irrattin sirba, waan akkanaa irratti hin sirbu kan jedhu miti yaadi kiyya,'' jedhee ture.

''Dhaamsi kiyya guddaan afaan fi eenyummaa kiyya kabachiisuudha.''

Alii Birraa walleesaatiin mata duree hin tuqne hin qabu kan jedhu Zamadkun, walleewwan isaa addunyaalessa, waltaawaa, kan dhala namaa waliigalaati jedha.

Walleewwan 260 ol afaanota garaagaraan waraabee qabu hundi dhimma dhala namaa hunda kan hammataniidha jedha.

Namummaa, egeree dhala namaa, walqixxummaa, jaalala, roorroo fi cunqursaa dhala namaa baasanii kan mul’isan, kanneen dhalli namaa akka bilisummaa fi mirgasaaf falmatu kakaasaniidha.

Aliin falmaa mirga dhala namaa fi bineensotaati, walleesaa beekamaa Falmi Mirga keetiif jedhu keessatti mirga nama kaanii sarbuunis akka sirrii hin taane mul'iseera.

Obbo Zamadkun walleewwan haala seenaa, siyaasa, diinagdee, aadaa fi naannoon walqabsiisee qabiyyeesaanii haala kanaan xiinxaleera.

Wallee jalqabaa- Birraadhaa barihe ililliin urgooytee jedhu-kan jalqaba maqaa Alii Birraa jedhu ittiin argate keessatti jaalala, siyaasaa fi seenaa ibseera jedha Zamadkun.

Walaloo Abuubakar Muusaa barreesse kana keessatti jalqaba birraa ifaatti ba'uutu eerame, achiin booda waan yeroo dheeraaf dharra'aa turan rabbiin akka kennuuf gaafata.

Birraadhaa barihee ililliin urgooytee

Dilii maaliin qabaa Rabbii kiyyaa gooytee jedha

Alii Birraa warraaqsa bara 1974 keessatti wallee isaa ''Abbaa Lafaa'' jedhuun guddoo beekama.

Walleen kun warra abbaa lafaa qonnaan bulaa dararanii fi cunqursan qeeqa.

Sirni abbaa lafaa daba akka ta'ee fi qonnaan bulaanis kan akka ofirratti hin ilaalle onnachiise.

Hamma arraan tanaa hiyyeessa saamtanii

Dafqa malee baay'ee burrqqaxanii

Asirratti raawwata dabareen teeysanii jechuun warra abbaa lafaa qeeqe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Alii Birraa wallee Itoophiyaan biyya keenya jedhus baasee ture, Akkuma bara mootii Hayilasillaasee, bara Dargiis albama hojjetan keessatti yoo xiqqaate sirba tokko kan waa'ee mootummaa lellisu dabaluun dirqama ture waan ta'eef.

Walaloo kana jalqaba Abdii Mohammad Yuusuf (Abdii Qophee) tu barreesse, boodarra Aliin akkasitti soroorsee sirbe.

Itoophiyaan biyya keenyaa

Impeeriyaalizimiin diina keenyaa

Itoophiyaan biyya keenya

Fiwudaalizimiin diina keenya

Birookiraasiin kaapiaalizimiin

Diina keenya diina keenyaa

Aliin duraan walaloon qopheeffatee ture kana miti, gulaallii keessa darbuuf kanatti geeddare.

Walaloon duraan qophaa'ee ture akkas jedha.

Bilisummaa bilisummaa

Ammas bilisummaa

Walqixxummaa walqixxummaa

Walqixxummaa san booda tokkummaa...

Aliin walleesaa kanaan bilisummaa saba hundaa gaafachaa ture, kanneen akka waan inni uummata Oromoo qofaaf falmetti hubatanis jiru.

Bara 1970oota keessa dargiin yeroo hidhattoota qabsoo bilisummaf of gurmeessaniin loluutti ko'oommataa ture Aliin walleesaan sirna dargii guddoo qeeqaa ture.

Walleewwan inni carraa kanatti fayyadamee hojjete keessaa tokko wallee ''Assaabalee'' jedhuudha.

Walleen Aliin walakkeessa bara 1970ootaa keessa baase kun waa'ee of ta'uu fi ofitti deebi'uu leellisti.

Assaabalehoo guraamalehoo

Karaan mana abbaa gadaa eessaa

Dhaqeen galmasaa jajjabeessaa...

Kana malees wallee ''Maal ja'anii maal himanii'' jedhu beektotaa fi gootota Oromoo hiraarfamanii fi wareegamaniif gumaacheera.

Aliin qabiyyee sirbootasaa bara 1970ootaa keessatti waan qabsoo Oromootti gufuu ta'ee fi qoqqoodiinsa yaada siyaasaa hayyoota gidduu turerratti wallee xiyyeeffatu gumaacheera.

Fakeenyaaf ''Haati teenya takka maaltu addaan nu baase'' jechuun kan weellisu bara sana keessa.

Aliin walleesaa kanaan osoo walqoqqoodanii waan kaayyeffatan bira ga'uun akka hin danda'amne gorse.

Umriisaa keessatti bara mootummoota sadii keessatti hojii aartiin kan dabarse Aliin, waleewwan isaa hiika irra keessaa fi gadi fagoo ta'an qabu.

Bara mootummaa ce'umsaa keessa walleewwan qabiyyee jaalalaa fi siyaasaa qabatan hedduu gumaacheera.

Walleewwan akka Hin kaanee nu kaasaa, Bilisummaa, Koottu Yaa Biftuu Tiyyaa, Har'amoo Boruu, Ifaan Fuula Keetii, Sin Barbaada Hogguu, Yaa Hundee Ayyaanaa, Obsi Yaa jaalallee fi walleewwan hedduu kanneen bara ce'umsaa keessa Aliin weellisedha.

Aliin walleewwan isaa hedduu keessatti jaalala leellisa, akkasumas ammoo walleewwan isaa hiika biyyummaa, jaalala biyyaa, cunqursaa halagaa fi dhimmoota walabummaa sabaa hedduutti hiikamuu danda'u.

Walleewwan isaa biiftuu barii, urjiiwwan, addeessa, barii birraa fi uumama kaanitti maxxansee sagalee kiiloleesaan bareecha.

Walleewwan akka Bariitu Ganamoo Waaritu Galgaloo, Biiftuu Diiramaa, Baatii Birraa, Ilillii Birraa kanaaf fakeenya.

Walleen mata dureensaa ''Gammachuu'' jedhu kan hayyuu antirooppooloojii Dr Gammachuu Magarsaan barreeffame, hawwii fi gammachuu injifannoo dhihaate booda dhufu mul'isuurratti kan xiyyeeffatedha.

Gammachuu goobana ji'aa...

Yoo dararaare onneetu lataa

Waatiyoon haadhaaf mar'ataa

Gammachuun maal maal maal dubbataa jechuun weellise

Walaloon kunneen akka jiranitti wayita hiikaman gammachuu fi abdii bara haaraan kan walqabataniidha, ammoo hiiki gadi fagoon isaa gammachuun dhugaa bilisummaa waliin akka dhufu, yoos waatiin burraaqxee haadhas akka agartu kan ibsuudha.

Alii Birraa waa'ee walleesaa waan dubbate

Alii Birraa bara 2019 turtii BBC waliin taasiseen waa'ee qabiyyee fi ergaa walleewwan isaarratti akkas jedhee ture.

''An wallee kiyyaan waa’ee haqaa, nagaa fi mirgaan dabarsaa ture. Tokko tokko waanan Afaan Oromoon weelliseef qofa maaliif Afaan Somaaleen hin weellisne jedhee uummata Somaalee narratti kakaasuu mala. Afaan Amaaraa, Afaan Ingilizii fi kaaniinis maaliif hin weellifne jedhanii kan gaaffii narratti kaasan jiru.''

Afaanni kan Oromoo ta’us ergaansaa akka addunyaati jedhe Aliin.

''Biyya kamittuu daba, hacuuccaa fi ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwachuun ni jira. Afaan Oromoon waan sirbameef qofa gara uummata Oromoo qofatti kan maxxansanii ilaalan jiru. An kanan amanu fi kanan yaadu mirga dhala namaa kan sarbu waaqa miti, dhaluma namaa mataasaati.''

Adeemsi kiyya ka’umsii fi galmi kiyya karaa kanarratti kann cicheedha.

''Walleewwan kiyya kaanirraa waan addaa ta’aniiti jechuun hin danda’amu.Garuu waan adda isaan godhus qabu. Toora walaloowwan kiyyaa lamaan gidduu ergaawwan hin mul’annee fi hin dubbifamnetu jiru.''

''Kanaafuu kanneen gaarii yaadan muuziqaa kiyya akka gaariitti fudhatu, kanneen hammeenya yaadan ammoo qarqara tokko qofa qabatanii ittiin na qeequ jechuudha.''

Aliin umriisaa bar-kurnee ja'a caalu addunyaa muuziqaa keessati dabarse keessaa waggaa 25 caalu walleewwan walabummaa, eenummaa fi walqixxummaa faarsan weellisuun dabarse jedha Zamdkun.

Aliin dhimmoota hawaasummaa, dhimma biyyaa, barnootaa fi naannoo akkasumas ispoortii irrattis weelliseera.

Anis Biyyan Qaba jechuun kan weellise keessatti uummanni hamileedhaan ka'ee qabeenyaa fi beekumsa isaatti fayyadamee biyya akka guddisu dhaame.

Wallee Fijaa Bahaa jedhuun uummanni Oromoo qabeenya naannoosaarraa qixa sirrii fi haqa qabeessa ta'een akka hin fayyadamne mul'ise.

Fijaa Bahaa barii ganamuu

Yakkinis qalamee hin dhumuu

Midhaan haddaare boolla hin turuu

Mugoota seene wareeree namuu jechuun weellise.

Walleesaa kanan qabeenya Oromoo mootummoota abbaa irree dhufaa darbaan saamamaa turuu fi Oromoon cunqurfamaa turuu ergaa dabarse.

Aliin walleesaa 'Barnoota' jedhu keessatti hawaasi kan jijjiiramu beekumsaa fi duudhaasaa ganamaarratti beekumsa ammayyaa yoo dbalte qofa ta'uu ibse.

Barnootaa barnootaa ammas barnootaa

Kana tahuu qaba kaayyoon Oromootaa...

Itti aansuun walleesaa 'A B jennee kaana' jedhu namuu afaan dhalootaasaan akka baratu, ofitti akka deebi'uu fi hanqina duraan mudate akka sirreessu ergaa dabarse.

Walleen kun hawaasi tokko jijjiirama hawaas-diinagdee fi siyaasaa barbaadu argachuuf aadaa fi afaan ofiitti deebi'uu qaba ergaa jedhu qaba.

Waahila Alii Birraa kan ta'an Pirofeesar Hisqeel Gabbisaa Alii Birraa dandeettii sagalee fi meeshaa muuziqaa inni qabuun guddoo akka dinqisiifatan feesbuukiisaaniirratti barreesan.

Alii Birraa waleewwan isaatiin barsiisaa, kakaasaa ture kan jedhan Pirofeesar Hisqeel, uummata Oromoo gara tokkummaa, bilisummaa fi aadaan akka boonuuf onnachiisaa ture jedhan.

Akka fakkeenyaatti walleewwan isaa kanneen akka:

Galma Adaa keenyaa eegaa seenaa keenyaa,

Kallacha tokkummaa hundee bilisummaa

Afaan Oromoo hundee Oromummaa jedhu kaasuun gumaacha inni Afaan Oromoof buuse ibsan.

Barnoota ammas barnoota, kana ta'uu qaba kaayyoon Oromootaa

Karaan mana abbaa gadaa eessaa

Dhaqeen galmasaa jajjabeessaa fi kaanis eeruun ga'ee Alii Birraa uummataa Oromoo fi Oromiyaaf gumaache ibsaniiru.