Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hammatu gargar malee godinaalee Oromiyaa 22 keessa lolli jira' - KFO
Dhaabni Kongireesii Federaalawaa Oromoo godinaalee Oromiyaa 22 keessatti lolli humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamaa jira jedhe.
Dhaabichi guyyoota lamaaf walgahii koree gidduugaleessaa Finfinneetti taasisaa ture wayita xumuru ibsa baaseen kana jedhe.
''Godinaalee 22nu keessatti walwaraansi mootummaa fi WBO gidduu akka jiru,'' ibsuun humnoota mootummaa badiin himateera.
Godinoota 22 dhaabichi eere keessaa tokko Godina Addaa Saba Oromoo Naannoo Amaaraa keessatti argamu akka ta'e dura taa'aan dhaabichaa Pirof. Mararaa Guddinaan BBC'tti himaniiru.
Ta'us, walitti bu'iinsi godinaalee keessa jiru ''[hamma] isaatu adda addaa'' jedhaniiru.
KFO'n ibsa keessa ''... qaama mootummaatiin hidhaan, reebichi, buqqaatiin, manneen ummataa jumlaan gubachuun,'' akka raawwatamu eere.
Haa ta'u malee, ibsa isaa keessatti badiiwwan hidhattooti WBO kan mootummaan 'Shanee' jedhuun waamu itti himataman waan eere hin qabu.
Dhimma kanaa kan gaafataman Pirof. Mararaan ''badii warri biraa hojjetus haa ta’u qaamni mootummaas haa ta’u badii hundaafi olaantummaan kan itti gaafatamu mootummaadha.
''Nagaa biyya kanaa fiduudhaaf mootummaadha kan itti gaafatamu,'' jechuun deebisan.
Paartilee mormituu naannoo Oromiyaa keessa sosso'an keessaa tokko kan ta'e KFO'n kora isaa tibbanaan Obbo Mulaatuu Gammachuun bakka Obbo Baqqala Garbaa akka dalagan filateera.
Dura taa'aa I/Aanaa KFO kan turan Obbo Baqqalaan gara Ameerikaa erga dhaqan booda 'biyya hambaatti hafuufi hooggansa KFO's dhiisuuf murteessuu' isaanii waggaa dura beeksisanii turan.
Gama kaaniin Dura Taa'aan I/Aanaa dhaabichaa Obbo Jawaar Mohaammad walgahii kanarratti akka hin argamne himan Pirof. Mararaan.
''Nu qunnamaa jira walgahii gubbaatti hin argamne,’’ malee jechuun Finfinnee akka hin jirre eeran.
Dhaabichi Bakkeewwan walitti bu'iinsi mootummaafi hidhattootaa gidduu itti fufe jedhee keessaa godinaalee Wallaggaa, Shawaa, akkasumas kaan eere.
‘’Keessumaa godinaalee akka Shawaa fi Wallagga hunda irrattii fi Godina Buunnoo Baddallee irratti mootummaan meeshaa waraanaa diroonii fayyadamuun ummata nagaa irraatti ajjeechaa akka raawwachaa jiru hubatameera.’’
Ibsichi dabaluun ''godinaalee Arsii fi Godina Shawaa Bahaa keessatti ganda guutuu ibiddaan barbadeessuun baldhinaan gaggeefamaa jira'' jechuun humnoota mootummaa himate.
Dhaabbilee mirga namoomaan dabalatee humnooti mootummaafi hidhattooti Oromiyaa keessa sosso'an sarbama mirgaa raawwachuun irra deddeebiin himatamu.
Haa ta’u malee, mootummaanis ta'e hidhattooti ibsa yeroo adda addaatti baasaniin himannaa kana ni waakkatu.
Dhaabi KFO ummatni omishaaleefi gurgurtaa horiirraa 'nagahee malee' qaraxa olaanaa akka qaraxan, deeggarsa milishaafi raayyaa ittisaafis akka gumaachan 'dirqisiifamuu' jechuunis himate.
Dhaabichi ibsa ejjennoo baasee keessatti rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu qaama tokko qofaan hin furamuu jechuun sabaa fi sab-lammiileef wamicha dhiyeesseera.
''Rakkoon amma uumamaa jirummoo dhaabni kamiyyuu kophaa isaa furuu akka hindandeenye dhugaan lafa jiru ni ibsa,’’ jedhe.
'Waan hintaane keessa hin gallu'
KFOn rakkoon biyya keessaa mootummaa qofaan kan furamu miti haa jedhu malee, marii biyyaalessaa komishinii Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataan durfamu irratti hirmaachuu dhabuuf ejjennoo qabate hin jijjiirre.
Paartichi walabummaa komishinichaa fi adeemsa marii kanaarraa amantaa dhabuun akka hin hirmaanne kana dura ibse.
Mariin Biyyaalessaa wal dhibdee waggootaaf turu kaayyeffate ''warra qawwee qabatee lolaan bosona jiru dhiisiiti nuunu hammataa hin jiru,'' jechuunis ibsu Pirof. Mararaan.
‘’Biyyi kuni akka nagaa argattu barbaannaan,’’ mariin taasifamu ''waan hunda hammatu deemutu irra jira'' jechuun dubbatan.
Dhaabichi ibsa isaa keessatti bakka dhukaasni hin dhaabannetti marii gaggeessuun ''gonkumaa hin danda’amu'' jedheera.
Mootummaan 'afaaniin qofa' mariif qophaa'aa ta’uu himuun ''biyya gara diigamuutti geessuu mala'' jechuun akeekkachiise.
Dhaabi KFO filannoofi mariirraa hafun dhaabicharra dhiibbaa hin qabuuyi jedhamanii kan gaafataman Pirof. Mararaan ''dhiibbaa uuma jennee waan hin taane keessa galuu hin barbaannu,'' jedhan.
Dhaabichi dhaabbilee siyaasaa Oromoo kanneen biroos garaagartummaa qaban boodatti dhiisanii waan waloorratti waliigalanii rakkoo biyyaa furuuf akka hojjetan waamicha godheera.
Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru furuuf mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin marii marsaa lamaaf taasisuus waliigalteerra hin gahamne.