Qeeraan harree, harroota Itoophiyaa fixuuf deemaa?

Aadaa hawaasa Itoophiyaa keessatti harree qaluun baratamaa miti. Garuu qeeraan tokko Itoophiyaatti harree ammatti qalaa jira.

Chaayinaatti gogaan harree haalaan barbaadamuf dhiyeessuf qeeraan harree magaalaa Asallaa deebi'e baname hojjachaa jiraachuu dhaabbatichi BBC'f mirkaneesse.

Qeeraan kun waggoota sadan darban gogaa, lafeefi foon harree gabaa Chaayinaatti ergaa jirurraa waggaatti Doolara Ameerikaa miliyoona tokko caalu argachaan jira jedhe.

Dhaabbanni mirga bineeldotaaf quuqamu Biruuk Itoophiyaa jedhamu garuu warshaan harree qaluu kun akka cufamu gaafataa jira.

Dhaabbanni kun foon harree gabaa biyyaa keessaaf dhiyeessaa? Harree qaluun bu'aasaamoo ba'aasaatu caala?

BBC'n qindeessaa dhaabbata qeeraa kanaa fi Dhaabbata Biruuk Itoophiyaa dubbiseera.

'Harree du’aa ka’etu nu bira dhufa'

Obbo Chiichii Amaan, Qindeessaa dhaabbata qeeraa harree Roogchaang jedhamuuti. Dhaabbanni kun gogaa fi foon harree Itoophiyaarra gara biyya Chaayinatti erga.

Dhaabbatichi ALI bara 2013 magaalaa Asallaatti hojicha eegale.

Qeeraawwan harree lamaan Itoophiyaatti [Bishooftu fi Asallaatti] banamee keessaa kan magaalaa Asallaa qofatu hafe.

Warshichi guyyaatti harroota 50 hanga 100 qala akka jiru Obbo Chiichiin himaniiru.

Fuulduratti guyyaatti harroota dhibbaan lakkaa'man guyyaa guyyaan qaluuf karoora qaba.

Waggoota sadan darban harroota 6,000 hanga 8,000 qeeraa kanatti qaluun biyya alaatti ergee Doolara Ameerikaa miliyoona sadii ol argachuu dubbatu.

‘’Baadiyyaa keessatti namoota gurmeessinee harree dugdi madaa’e, cabde ykn ijji badee bineensi nyaatu walitti qabnee konkolaataan fe’anna’’ jedhan.

Dhaabbileen mirga bineeldotaaf quuqaman harree qaluun Itoophiyaatti babal'achuun harroota Itoophiyaa fixuuf deema jedhanii yaada'u.

Obboo Chiichiin garuu baayyina harroota Itoophiyaa ammatti ni hirisa jedhanii akka hin yaaddofne dubbatu.

‘‘Harree dullacha du’aa ka’etu nu bira dhufa, harreen dhaltuun hin seentu,'' jedhan.

Harree tokko giddugaleessaan birrii 2,000 hanga 3,000’n qonnaan bulaarraa binna,’’ jedhan Obbo Chiichiin.

Obbo Chiichiin oomishni warshaa harree qalu kanaa guutumaan guututti biyya alaatti ergama jedhu.

'‘Lafeenillee daakameetu biyya alaatti ergama, asitti waanti hafu hin jiru’’ jedhan.

Biyya keessatti foon harree gabaaf dhiyaata jedhame miidiyaalee hawaasaarratti kan haasa'amu ''holola sobaati'' jedhanii waakkatan. Hojiin qeeraa kanaas Ministeera Qonnaa Itoophiyaan akka hordofamu kaasan.

‘‘Ministeerri qonnaa Itoophiyaa dokotoroota ergee, akkuma qeeraa kaanitti hogganamaa jira,‘‘ jedhan.

Harroota qalmaaf dhiyeessan godinaalee Arsii Lixaa, Arsii, Shawaa Bahaa fi Baale Bahaa fi Baalerraa binna jedhan.

Obbo Chiichiin akka himanitti dargaggoota waldaan gurmaa’anitu harroota isaan qeeraatti qalan bitee dhiyeessaaf.

Hawaasa naannoo qeeraa harreetti argaman waggoota lamaaf marsiisaa turre jedhan.

Amma namoota 250’f carraa hojii uumera, tajaajila ibsaa abbooti warraa 80 bilisaan galchineef jedhan.

Obboo Chiichiin garuu ‘‘hawaasni naannoo kaampanicha kiyya jedhee fudhateera‘‘ jedha.

Bishooftuutti mormii hawaasaa itti jabaateen akka cufame dhaabbanni mirga bineeldotaaf quuqamu Biruuk Itoophiyaan kan hime.

Gogaa fi foon harree maalif barbaadama?

Foonii fi gogaan harree gabaa Chaayinaatti barbaadama.

Chaayinaatti gogaan harree sababni barbaadamuuf waanta ‘Ejiao’ jedhamu gogaa harree keessaa danfisanii baasuufidha.

Qabiyyeen waanta gogaa harree keessaa baafamu kun dawaa aadaa Chaayinaa tolchuu keessatti qabiyyee ijoo barbaadamu.

Sababa kanaaf jecha harroonni danuun qalamu.

Harroonni gogaaf jecha qalamuun kun jiruu namoota miliyoonaan lakkaa'amanii balaarra buusa jedha Dhaabbanni mirga bineeldota kanaaf falmu Biruuk.

Dhaabbanni mirga bineeldotaaf falmu maal jedha?

Dhaabbata Biruuk Itoophiyaatti Daarektara kan ta’an Obbo Yohaannis Qaasim jaarmiyan isaanii harroonni goga isaaniif jecha qalamuu hin qaban jechuun morma.

Qeeraan harree Asallaatti argamu banaa ta'u quba qabaachu ibsuun dhiibbaa harree qaluun qabu yaaddeessadha jedhanii ibsan

Dhaabbanni mirga bineeldotaaf quuqamu kun sadarkaa Afrikaatti harree gogaa isheef jecha qaluun akka dhaabbatu dhiibbaa uumaa jira.

‘’Sadarkaa Afrikaatti seerri gurgurtaan gogaa harree akka hafu gaafatu torban darbe ragga’eera,’’ jedhan.

Chaayinaatti garuu gogaan harree dawaa aadaa tolchuuf barbaadama.

'Dawaa aadaa Chaayinaa tolchuuf harroota miliyoona 4.8 barbaada jedhan Obbo Yohaannis.

Chaayinaan sababa qorichi aadaa gogaa harreerraa tolfamuun harroota harka caalaa(%70) qabu dhabdetti, harroonni biyyattiin qabdu miliyoona 12 irraa gara miliyoona 2tti hir’atee, Keeniyaa harroota qabdu keessaa(%15 )dhabdetti jedhan.

Qeeraan harree Itoophiyaatti yoo babal’ate balaa guddaa irraan gahuuf adeema jedhan.

Itoophiyaan harroota miliyoona saddeetitti dhiyaatan qabdi jedhame tilmaama.

Ammatti harroota hedduu qabnurra kan ka’e dhiibaa qeeraan kun qaqqabsiise guddatee hin mul’atu jedha.

Yoo xiyyeeffannoo hin arganne rakkoon biyyoota biraatti mudate Itoophiyaattis mudachuu mala jedhanii ibsan.

Biyyootaa Afrikaa akka Keeniyaa, Yugaandaa fi Kootidevu’ar keessatti qeeraan harree banamee ture deebi’e cufame.

Addunyaarrattu harroota miliyoona 45tti dhiyaataniitu jira jedhamee tilamaama.

Yoo tarkaanfiin barbaachisaan hin fudhatamne harroonni ganna 10 keessatti lafarraa dhabamuuf deemu jedhanii yaaddoo qaban ibsan.

Gogaa harreerraa bu’aa argamu caala harreen tajaajila kennituun fayidaan kennitu caalmaa akka qabu dubbatu.

Itoophiyaatti hawaasni bakkaa bakkatti ittiin imaluufi ba’aa itti fe’achuuf qofa otoo hin taane iddoo kaanitti kotte-duudaa hojii qonnaatiif itti gargaarama.

Qeeraan kun harroota biyyattii hangam miidhe isa jedhu qorannoo dabalataa barbaachisa jedhan.

Biruuk eegumsa nageenya bineensotarratti hojjata. Dhaabbata kana dubartii lammii Inglizii mirga bineensotaaf quuqamtu Dorotii Biruuk jedhamanitu bara ALA 1934 hundeesse.

Jaarmiyaan gargaarsaa kun bara 2006 Itoophiyaa keessatti hojii eegale. Dhaabbanni kun amma naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibba Itoophiyaa keessatti hojjataa jira.