Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Hamaas waliigaltee cabse jechuun lammiileen Gaazaa gara kaabaatti akka hin deebine karaa cufte
Filisxeemoonni kumaatamaan lakkaa'aman kanneen mana isaaniirraa buqqa'an gara Kaaba Gaazaatti akka hin deebiineef Israa'el daandii guddaa cufuunshee ibsame.
Israa'eel daandii guddaa kana kan cufte Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabseera jechuudhaan.
Hamaasiifi Israa'el jidduutti wal dhabdeen kan ka'e erga Hamaas loltoota dubartootaa butaman afur gadhiiseen booda, Israa'el ammoo Filisxeemoota 200 mana hidhaatii gadhiisuu hordofeetiidha.
Lammiin Israa'el Arbeel Yaahud hanga gadhiifamtuutti jiraattoonni Gaazaa gara Kaabaatti imaluun akka hin ayyamamneef Israa'el kaleessa ibsitee turte.
Hamaas Arbeel lubbuudhaan jiraachushee ibsuudhaan torban ittaanu gaafa Sambataa akka gadhiifamtu ibsee ture.
Hamaas loltootaan dura lammiilee nagaa deebiisuuf waliigalee ture. Daandiin Al-Raashiid kan buqqaatoonni ittiin gara Gaazaatti deebii'uuf turan irratti sagaleen dhukaasaa dhagahameera.
Rooyitarsi akka gabaaseetti namni tokko ajjeeffameera. BBCn viidiyoo addatti hin mirkanneessiin irratti sagaleen dhukaasaa ni dhagama.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el ''namoonni walitti qabamaniinii fi yaaddoodha jedhaman'' jidduugala Gaazaa keessatti sababii mul'ataniif dhukaasni akka ture ibse.
Loltoota irra miidhaan akka hin qaqabneef jecha dhukaafamu dabaluun ibse.
Namoota gara Gaazaatti deebii'uuf eeggataa jiran keessaa tokko, Muhaammud Imaad Al-Diin ''Manni koo diigamuu akka danda'u nan beeka, garuu haftee isaa irratti dunkaana nan dhaaba. Duubatti deebi'uu qofan barbaada," jechuun bilbilaan BBC'tti himeera.
''Riifeensan sirreessan ture. Gara hojiikootti deebii'uun qaba. Ijoollee kootiif nyaata argachuu sababiin hin dandeenyeef maallaqa baayyeen liqeeffadhe'' jedhe.
"Wanti ani hawwu lolli Hamaas fi Israa'el gidduu jiru kun xumuramun gara mana keenya kaabaatti akka deebinu akka nuuf hayyamamu qofa. Ji'oota 15 oliif namoota jaallannu hin argine."
Haala waliigaltee dhukaasa dhaabuu jalatti, Filisxeemoonni gara kaaba Koridoorii Netzarim, lafa Israa'el to'attee fi gara kaaba Gaazaa naannoo kiilomeetira torba kan addaan baafamuun Israa'el to'atameetti akka imalan hayyamamuuf beellama qabamee ture.
Lubna Naasaar ijoollee durbaa ishee lamaan fi ilma ishee tokko gaarii harree irra feetee gara manasheetti deebii'uun abbaa warraashee Sulxaan kan ji'oota 11 keessatti wal hin argine waliin walitti makamuuf abdii qabdi turte.
Sambata waaree booda akka dubbateetti, "Asuman tura, hamma danda'ametti asuma dhiheenya buufata sakatta'iinsa Israa'elin tura. Ji'ootaaf ijoolleen durbaakoo abbaa isaanii waliin wal arguuf yeroo eegattaa turan. Warra jalqaba gara Gaazaatti deebi'an keessaa tokko ta'uun barbaada."
Jaarsoliin Kaataarii fi Masrii kanneen mariicha Hamaasii fi Israa'el jidduutti mijjeessan yaalii taasisaniin Filisxeemoonni kuma dhibbaan lakka'aaman gara kaabaatti akka deebii'aniif akka hayyamanuuf waliigalteerra gahameera.
Israa'el mariisiftoonni akka Yehuud lubbuudhaan jiraachushee Hamaas irra qulqulleessaniif kan gaafattee yoo ta'u, Sambata kaleessaa Masriif deebiin kennamu BBC hubateera.
Gama biraatiin ammoo jiraattoonni Gaazaa gara mana saaniitti eebii'uudhaaf akka hayyamamuuf eeggataa turan.
Namoota baay'eedhaaf abdiin deebi'uu dhugaa waan isaan eegu: jijjgaa gamoo fi badiisa caaludha.
Ta'us abjuun lubbuusaanii deebifachuu, mana isaaniitti deebi'anii ijaaruu fi maatii isaanii waliin walitti makamuutu hafuura isaanii jiraachisaa jira.