Arsiitti namoonni gareen daa'ima ugguruun birrii gafatan adabaman

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsiitti namoonni gareen gurmaa'anii daa'ima barumsaa galaa ture butanii ugguruun birrii miliyoona tokko gafatan adabaman.

Taateen kuni Godina Arsii aanaa Balee gasgaaritti raawwatame. Namootni ja'a gurmaa'anii karaa qaxxaamuraatiin maallaqa argachuuf murteeffatan.

Akka qorannoon poolisii fi abbaa alangaa akeekutti namootni ja'an kuni adeemsa hojii kana ittiin raawwatan tartiibaan erga qopheeffatanii ija isaanii daa'ima ganna kudhanii tokkorra buufatan.

Himatamtoonni ja'an, Mindaa Katamaa, Tolchaa Katamaa, Mohaammad Gaboo, Milkii Adaree, Dassaalenyi Xaafaa fi Shimallis Aabbuu jedhaman hunduu gahee hojii qooddatanii gaafa Caamsaa 18 bara 2017 guyyaa beellama raawwii hojii yakkaa kanaaf qabatan.

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsiitti abbaa Alangaa dhimmoota Da'imman , Dubartootaa fi namaan daldaluu kan ta'an obbo Zallaqaa Dachaasaa akkaataa raawwii yakka kanaa BBCtti himaniiru.

Magaala Balee ganda 01 keessatti naannoo sa'aatii ja'aa yoo ta'u, daa'imni xiqqaan isaan karoora kanaaf qopheeffatan mana barumsaarraa osoo deebi'aa jiruu karaatti eegan jedha Abbaan Alangaa.

Hirmaattota yakkaa ja'an keessaa himatamaa 1ffaa fi 2ffan warruma ollaa mucaa kanaa kan daa'imni xiqqaan kunis isaan beeku waan ta'eef gara manaatti akka gaggeessan itti himuun doqdoqqee hojii kanaaf qopheeffatan yaabbachiisan.

Akka jedhan garuu gara mana maatii mucaa kanaatti osoo hin taane magaala keessaa baasanii gara kallatti karoora hojii yakkaa isaaniitti geessan.

Himatamtoonni lamaan kuni doqdoqqeedhaan erga magaalaa Baasanii himatamaa 3ffaan kan gaarii oofu ammoo mucaa kana isaanirraa fuudhee gara buufata itti aanuutti ukkaamsee gaariidhaan fuudhee baadiyyaatti dabarse.

Guyyuma kana galgala halkan keessa ammoo daa'ima kana fuudhuun gara ganda biraatti fuudhanii dabarsani jedha ragaan abbaa alangaa.

Eegasii Maatii mucaa kanaatti bilbila himatamaa 6ffaatiin maatiitti bilbiluun Birrii miliyoona tokko kaffalanii mucaa isaanii akka argatan gaafatan.

Akka Abbaan alangaa jedhutti, himatamtoonni kunneen yeroo mucaa kana doqdoqqee irraa dirqamsiisanii gaariidhaan fuudhanii miliqan namootni argan eenyummaa namoota kanaa eeruu kennan. Harkaa buusuuf yaalii godhanis qaqqabuu garuu hin dandeenye.

"Himatamtoonni lama bakka itti maallaqa fidanii mucaa isaanii argachuu danda'an kallattii maatitti himaniin maatiin birrii jedhame kana qabatee bakkicha yeroo gahu sodaa irraa mucaa achumati dhiisuun maallaqichas osoo hin fudhanne dhiisanii miliqani" jedhu Obbo Zallaqaan.

Eeruu dhihaateen shakkamtoonni seeran ala daa'ima ugguruun maallaqa argachuuf yaalii godhan ja'an too'annoo jala ooluun qorannoon eegalame.

Galmeen qulqullaa'ee himanni mana murtii olaanaa Godina Arsiitti erga banamee booda himatamtoonni kunneen yakka kana raawwachuu waan haalaniif abbaan alangaa ragaalee irratti dhiheesse.

Bu'uuruma ragaalee abbaan alangaa dhiheesseen himatamtoonni ja'an akka ofirraa ittisan gaafatamanilleen ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef manni murtii murtii balleessummaa kenne jedhan Obbo Zallaqaan.

Bu'uuruma kanaan manni murtii olaanaa Godina Arsii yaadota adabbii hir'isan lama, himatatamtoonni kunneen ammaan dura rikardii yakkaa kan hin qabnee fi maatii kan bulchan ta'uu fudhachuun dhadhacha gaafa Amajjii 29 bara 2018 ooleen tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 12'n akka adabaman itti murteesse.

Abbaa alangaa obbo Zallaqaan, gochi daa'imman ugguruun maallaqa gaafachuu kuni ammaan duralleen godinichatti mudachuu himuun maatiin daa'imman isaanii akka hordofan, hawaasnis namoota gocha akkasii raawwatan yommuu argan eeruu kennuu qabu jedhan.

Itoophiyaatti gochi namoota ugguruun maallaqa gaafachuu kuni waan irra deddeebiin dhagahamaa jiru erga ta'ee bubbuleera.

Keessumaa iddoowwan hidhattoonni socho'an keessatti halkan namoota ugguruun maallaqa hedduu gaafachuun waan kutaale Oromiyaa hedduu keessaa dhagahamaa turee fi jiru.

Daandiiwwan irrattis konkolaattota humnaan dhaabsisuun imaltoota ugguranii maallaqa gaafachuun irra deddeebiin dhagahamaa ture.