Dubartiin Oromoo Tamiimaa Nibras Juhaar Norweyitti akkamiin ajjeefamte?

Tamiimaa Nibraas Juhaar bakka jiraachaa turte Norwey magaalaa Osloo iddoo hojiisheetti ajjeefamuu maatiin ibsaniiru.

Tamiimaan dubartii dhala namaaf waan gaarii yaaddu, nama kutannoo qabduu fi hawaasaaf hundaaf gumaachitudha jechuun ibsan maatiin.

Dubartiin umrii waggaa 34 kun erga Sambata darbe (Hagayya 23, 2025) galgala keessa ajjeefamtee taateen kun mata duree miidiyaalee addunyaa ta'eera.

Dhaabbanni mirga namaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal damee Norwey ajjeechaan dubartii kanarratti raawwatame ''jibbiinsarraa'' kan maddee fi gocha ''finxaalessummaa'' ta'uu ibse.

''Ajjeechaan osoo isheen namoota gargaaraa jirtuu Tamiimaa irratti raawwatame akkaan suukanneessaa fi rifaasisaadha,'' jedhe jaarmiyaan kun.

Maatii dubartii kanaa faana dhaabbachuun dhugaanshee akka ba'uuf tumsi godhamuu akka qabu gaafateera dhababatichi.

Dubartiin Oromoo kun erga Itoophiyaarraa baqattee hanga ajjeechaan ishee Dilbata darbe dhagahamutti lammii Noorway turte.

Ajjeechaa bakka hojiisheetti irratti raawwate booda maatiin ishee haqi ishee akka mirkanaa'u gaafataa jiru.

Ajjeechaan Tamiimaa irratti raawwate ''godaannisa hamaa'' isaanitti uumuu kan ibsan maatiin, mootummaan Norway ajjeechaa raawwate kana qorachuu qofa osoo hin taane akkamiin akka eeyyamerrattis ibsa akka kennu gaafataniiru.

''Ajjeechaa walfakkaataan namoota kaanirrattis akka hin raawwanneef itti gaafatamummaa sirriin jiraachuu qaba,'' jedhan.

Maatiin ibsa baasaniin hawaasa Norwayiif dhaamsa kana dhaaman: ''Norway biyya lammiileen sanyii adda addaa fi amantii garaagaraa nagaan keessa jiraatan ta'uu qaba.''

Ajjeechaan kun ''balaa jibbiinsi sanyii qabu kan nama yaadachiisuu fi babal'isuudha,'' kan jedhan maatiin kana ittisuuf hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Dubartiin kun magaalaa Oslootti kan argamu dhaabbata tajaajila ijoollee oladeemoof kennu keessa osoo hojjetuu namuma tajaajila kennaafii turteen ajjeefamte.

Poolisiin ajjeechaa kanaan walqabatee oladeemaa umrii waggaa 18 to'annoo jala oolcheera.

Aanga'oonni biyyattii akka jedhanitti gochi kun ''ilaalcha jibba siyaasaa" akkasumas gocha finxaalessuummaarraa kan maddedha.

Gurbaan kun kanaan duras gocha mankaraarsummaa agarsiisee akka tures ibsaniiru.

Ajjeechaan kun magaalaa Osloo keessatti hawaasa mufachiiseera. Bakka isheen jiraachaa turte Kampen keessatti dungoo qabsiisuun, ilillii kaa'uun yaadannoo taasisaniif.

Hawaasi Oromoo Norweey ajjeechaa Tamiimaan akkaan rifachuu ibsuun, qorannoo bal'aan gaggeeffamuu akka qabu gaafateera.

Gabaasa Addis Standard irratti akka eerametti Tamiimaan bara 1991 dhalatte. Maatii isheef quxisuu akka taateefi guyyuu harmee ishee Itoophiyaa jiraniif bilbilaa akka turte barruun kun gabaaseera.

Norweey dhaabbata barnootaa OsloNet jedhamutti barnoota guddina hawaasaa irratti xiyyeeffatu erga barattee booda daa'imman fi dargaggoota oladeemoo jireenya mataasaaniitti akka baraniif gargaaruu irratti xiyyeeffattee hojjetaa turte.

Tamiimaan ijoollummaasheetti qormaata ishee mudate akkamiin akka irra anterraa ka'uun muuxannooshee ijoollee guddataa jiraniif qoodaa turte.

Ol adeemaan umrii 18 ajjeechaa suukanneessaa irratti raawwates namuma isheen tajaajilaa turtedha.

Poolisiin biyyattii baqataan lammii Jarmanii kun kanaan duras ilaalcha jibbiinsa sanyii fi amantii Islaamaa akka qabu ibseera.

Mootummaan biyyattii osoo kana beekuu akkamiin dubartii kana balaaf saaxila kan jedhuun qeeqamaa jira.

Shakkamaan kun giddugala Tamiimaan keessatti gargaarsa taasisaafii turte keessatti erga waraanee ajjeesee booda Osloo keessatti hidhamuu kan ibse poolisiin, erga qabamees yakka kana raawwachuu akka amane ibse.

Himannaan gurbaa kanaa sadarkaa shororkeessummaatti guddachuu fi karoorri isaa darbees iddoowwan hedduutti haleellaa raawwachuu akka ture irraa dhagahuu hime poolisiin.

Abbaan Alagaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Osloo akka miidiyaalee biyyattiiti himetti ''shakkamaan kun jibbiinsa Muslimaaf akka qabu,'' ibsaa ture.

Dubartiin oladeemaa kanaan ajjeefamte, Tamiimaanis Muslima yoo taatu garuu sababa amantii isheetiin ajjeesuu isaa wanti beekame hin jiru.

Norway keessatti haleellaan namoota sirna durii leellisaniin raawwatamu hedduudha.

Bara 2011 finxaalessaan sirna durii leellisu ykn siyaasa gara mirgaa (right-wing) hordofu Anders Behring Breivik biirolee mootummaa magaalaa Osloo fuulduratti konkolaattotatti akkasumas mooraa dargaggootaa paartii siyaasaa- Labour Party odoola Utoya keessatti argamutti abidda qabsiisuun namoota 77, hedduunsaanii dargaggoota ta'an ajjeeseera.

Bara 2019 ammoo Filip Manshaus Masjiida Osloo fuulduratti abidda qabsiise, osoo mo'amuu baatee lubbuu namootaa galaafachuuf ture.

Isa dura garuu sababa jibba sanyummaatiin nama tokko ajjeesee ture.

Namoonni yakka kana raawwatan lameenuu hidhaa waggaa 21tiin adabamanii mana hidhaa jiru. Adabbiin kun hanga isaan yaaddoo hawaasaa ta'anitti ittuma fufa.