Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuulifi Osimeen, hiree Arsenaaliifi Wiiliyaams: Oduu jijjiirraa taphattootaa
Liiverpuul jifataa lammii Naayijeeriyaa ergisaan Galataasaraay ture Viktor Osimeen fudhachuu akka barbaadu gabaafame.
Jifataan ganna 26 kilaba Naappolii Osimeen, achuma Galataasaraay turuuf hireen guddaatu jira jedhamus, walgahii aanga'oota Liiverpuul Anfiilditti godhame irratti maqaan Osimeen ka'eera.
Liiverpuul Nuneeziin gaggeessuuf murteessuu hordofee bakkasaa taphattoota gahumsa guddaa goolii galchu barabaada.
Liiverpuul fi Baayeer Muuniik taphataa sarara cinaa PSG Barkoollaa akka barbaadan gabaasamuu booda kilabichi Barkoollaan ''eessayyuu hin deemu'' jedheera.
Gama kaaaniin Maanchister Yunaatiid jifataa Firaankifart Eketiikee kan paawundii miliyoona 85 baasa jedhame fudhachuu akka barbaadus gabaasameera.
Arsenaal ammallee taphataa sarara cinaa Atileetik Niikoo Wiliyaamsii barbaadus kilabichi baasii barbaachisu hunda akka baasu Baayer Muuniik waan mirkaneesseef gara Jarman godaanuu akka danda'u hayyama argachuun ibsameera.
Baayer Muunik Wiliyaamsi fudhachuun yoo milkaahuufii baate PSG irraa Baarkoollaa fudhachuu barbaada.
Oduu jijjiirraa kanneen biroon Keevin Debruuyina Naappolitti makamuun mirkanaa'eera.
Keevin fedha kilabota liigii Saawdii fi Ameerikaa irraa dhiyaateef diduun gara Naappolii imale.
Tootenhaam Hotisper ammoo leenjisaa Bireentifoord kan ture Toomaas Firaank hanga bara 2028tti leenjisaa kilabichaa gochuun mallatteesisiseera.
Firaank leenisaa Postekoogluu kan waggaa 17 booda Hotisper waancaa akka injifatu gargaaruu booda ari'ame bakka bu'a. Ispars Yirooppaa liig injifachuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhuftuu argatus liigicha sadarkaa 17ffaan xumure.
Taphataan sarara duubaa Liiverpuul duraanii Tireent Aleksaander Arnoold taphataa Riyaal Maadriid ta'uun ifatti beeksifameera.
Arnoold Bernaabuutti haasaa taasiseen Liiverpuuliin yoo gadhiise Riyaal Maadriid malee bakka biraa kamuu akka hin taane duruu akka murteesse dubbate.