Pilaaneetii addeessa biraarra naannofturra lubbuu qabeessi jiraachuu wanti akeeku argame

Addunyaa addeessa biraarra naannoftu kan lafarraa fagoo jirtu keessa lubbuu qabeessi jiraachuu akka danda'u ragaan akeeku argamuu saayintistotni beeksisan.

Gareen Saayintistota Kaambiriij atimoosfera pilaanetii K2-18b jedhamuu qorataa ture molokiyuulii dachee kana irratti lubbuu qabeenyyii qofaan uumamuu danda'u adda baasuu beeksise.

Pilaanetii kanarra wanti lubbuu jiraachisuu danda'u jiraachuuf ragaan qabatamaa akka kanaa yeroo argamu kun yeroo lammataafi.

Haata'u malee gareen qorattootaa kuniifi astiroonomaronni kaanis argannoo kana mirkaneessuuf ragaan dabalataa barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Kaambiriij Insititiyuutii Astiroonoomiitti gaggeessaa qo'annoo kanaa kan ta'an Piroofeesar Nikku Madhusudhan ragaa dabalataa wanta amma argatan kana mirkaneessu yeroo gabaabaatti argachuuf abdiin jiraachuu himan.

''Kun ragaa jabaa gara san lubbuun jiraachuu akeekudha. Waggaa tokkoofi lama keessatti kana mirkaneessuu dandeenya jechuu nan danda'a.''

Pilaanetiin K2-18b jedhamu dachee kanarraa bara ifaa 124 ykn maayila tiriiliyoona 700 fagaata. Fageenyi kun dhalli namaa bara jireenyasaa guutuu osoo imalee iddoo gahuu hin dandeenyedha.

Gareen qorattootaa Yunivarsiitii Kaambiriij wanti ammatti argatan atimoosfera pilaanetii sanaa keessa molokiyuulota ykn kemikaalota lubbuu wajjin walqabatan lama keessaa tokko jiraachuu isaati.

Molokiyuulotni lamaan demitaayil selfaayiidifi demitaayil daayiselfaayid jedhamu. gaasiiwwan kunniin dacheerratti orgaanizimootaan qofa uumamu.

Prof Madhusudhan qorannoosaanii tokkoon qofa hangi gaasii kana adda baasuu danda'an isaan ajaa'ibuu dubataniiru.

''Hammi gaasii atimoosfera sana keessa jira jennee tilmaamne isa dachee keessa jiru dachaa kumootaan caala'' jedhan.

Lubbuun jiraachuu wajjin walqabachuunsaa mirkanoofnaan, pilaanetiin kun lubbuu qabeeyyiin guutteetti jechaadha jedhu.

''Pilaanetii K2-18b keessa lubbuun jiraachuun mirkanoofnaan ammoo, gaalaaksiiwwan keessas lubbuun jira jechuu ta'a.''

Saayintistiin kun yaada sagantaa BBC Radio 5 Live jedhamuuf kennaniin ''yeroon kun saayinsiidhaaf yeroo murteessaadha'' jedhan.

Dabaluunis pilaanetiiwwan biroo keessas hireen lubbuun jiraachuu akka danda'u akeeka jedhan.

Yunivarsiitii Kaardiif keessatti barsiisaa Astiroofiisiksii kan ta'an Dr Subir Sarkar qo'annoon isaanii pilaanetiin K2-18b jedhamu gaalaana qabaachuufi galaanichi lubbu-qabeeyyiin guutuu akka danda'an akeeka jedhan. Ammoo hin mirkaneefne jedhu.

Qorannoon isaanii hawaa keessa lubbuun jiraachuu fi dhiisuurratti xiyyeeffatee akka itti fufu himaniiru.