Yuukireen Raashiyaa irratti olaantummaa argataa jirtii laata?

Madda suuraa, Reuters
Raayyaan Ittisaa Raashiyaa gabaasa maddeen deeggartoota Yukireen loltoonni Yuukireen adda waraanaa Baharra jiran olaantummaa argataa jiru jedhu haale.
Hogganaan garee loltoota Waagner, Yivgeenii Pirgooziin loltootni idilee Raashiyaa Baakmuut keessaa iddoowwan murteessoo gadhiisaa jiru jechuun himate.
Maddeen waraana Raashiyaaf dhiyoo tahan ammo kamisa kaleessaa bakkeewan baay’eetti sochiin loltoota Yuukireen mul’achuu himan.
Pirezidaantiin Yuukireen kana dura amma deebisanii haleeluuf yeroo isaa miti jedhanii ture.
''Waan harkaa qabnuun duratti deemuu dandeenya, akkasumas milkaa’ina argachuu dandeenya,’’ jedhan Volomiir Zeleeniskiin gaaffiif deebii Eurovision News waliin godhan irratti.
''Garuu lubbu namoota hedduu dhabuu dandeenya, Kun ammo fudhatama hin qabu. Kanaafuu eeguu qabna. Ammayyuu yeroo xiqqoo nu barbaachisa.’’
Haleellaan eegamaa ture kunis murteessaa tahuu danda’a. Yuukireen meeshaa waraanaa biyyoota Lixaa irraa argatteen adda waraanaa irratti milkaa’uu ishee kan itti mirkaneesitus taha.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa kennaniin, ''ibsi namni dhuunfaa Telegiraam irratti waa’ee milkaa’ina adda waraanaa adda addaa kennan, Dhugaa lafa jiru waliin wla hin fakkaatu.’’
''Haalli naannoo oppireeshinii waraanaa addaa keessa jiru to’annoo keenya keessa jira,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajajaan waraana Waagner garuu ‘’daangaan ji’ootaaf dhiiga obbolaa keenya dirree waraanaatti dhumeen qabamaa turee, har’a gad lakkifameera, qabatamaatti waraana malee, keessumaa warra gara keenya lolaa tureen,’’ jedhan.
Gabaastuun Waraana Raashiyaa Sasha Koot haleelllaan ofirraa qolannaa Kiyeev eegamaa ture jalqabeera jedhe.
Taankiiwwan Yuukireen Karkiiv keessaa gara daangaa Raashiyaatti imalaa jiru, jedhe ‘’maddeen amanamoo’’ irraaa argadhe jechuun.
Karaa biraan Kiyeen haleellicha adda waraanaa Kaabaa fi Baakmut hammeesitee itti fufteetti jedhe.
Gabaasaan waraana Raashiyaa Aleeksaander Simoonoov, humnootni Yuukireen naannoo gandoota Bohdanika, Baakmuutitti dhiyoo jirtu keessaa lafa baay’ee qabataniiru jedhe.
Qondaalonni biyyoota Lixaa akka jedhanitti loltootni Raashiyaa 20,000 hanga 30,000 tahan adda waraanaa Baakmuut keessatti ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru.
Erga Guraandhala 24 bara darbe Raashiyaan Yuukireen weerartee magaalotni barbadaa’aniiru, lammiileen Yuukireen miliyoona 8.2 tahan biyyoota Awurooppaa keessatti baqattummaan galmaa’aniiru, miliyona 2.8 kan tahan ammo Raashiyaa keessa galaniiru.












