Chaampiyoonsi Liigiitti deebi'uuf hojii guddaatu nu eeggata - Yargan Kiloopp

Gareen Yarkan Kiloop dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu keessa seenuuf iyyuu hojii guddaatu isaan eeggata

Liivarpuul erga Riiyaal Maadiriidiin mo'amee dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii bara kanaa keessaa baafamee booda, leenjisaan garichaa Yargan Kiloopp garechi dorgommii bara dhufuu keessa seenuuf illee hojii guddaa hojjechuu qabna jedhan.

Liivarpuul tapha marsaa duraa irratti goolii 5 fi 2n Maadiriin mo'amus, gulantaa itti aanutti darbuuf abdii hin kutanne ture.

Piriimiyer Liigii keessattis yaaddoo keessa kan jiru Chaampiyoonaan bara 2019 Liivarpuul, kalee galgala erga mo'amee booda miirri deeggartootaa guddoo hubameera.

Kun tarii xumura gadaa Yargan Kiloop mul'isa kan jedhan jiru.

Tapha marsaa duraa torbee sadii dura Anfiildi irratti taphataniin Madiriid 5 fi 2n mo'ate, kaleessa ammoo qe'eesaa Saantiyaagoo Bernaaboo irratti kan affeere Maadiriid, goolii Kariim Benzeemaa galcheen olaantummaa guddaa argatateera.

Liivarpuul bara 2019 waancaa Chaampiyoonsi Liigii ol kaaseera, garuu haala amma jiruun kan bara dhufu irratti hirmaachuufillee yaaddoo keessa jira.

''Raawwii addaa agarsiisuuf qophoofnee turre. Garuu waan itti qophoofnee dhufne dirree irratti mul'isuu hin dandeenye.

''Kun beekamaadha. Liivarpuul akkamitti dorgommii keessaa ba'a? Kana namuu hin eegne,'' jedhan Kiloop taphicha booda.

Tuuti taphattoota ciccimoo ta'an irraa ijaarame, keessattuu kanneen fuuldura irra taphachuun Liivarpuuliin waancaa Chaampiyoonsi Liigiif geessisan amma diigamaniiru.

Taphataa colleen abdii Liivarpuul ture Saadiyoo Maaneen haala hin eegamneen bona darbe garicha gadhiisee Baayer Muunik seene.

Roobartoo Farmiinoo ba'uuf jedha, Mohammad Saalaa qofatti hafe jechuudha. Kun garichaaf kisaaraa guddaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphattoonni gameeyyiin kaan ammoo umuriin deemaa jiru. Dursaan garichaa Jordaan Heendarsan xumura dorgommii bara kanaatti waggaa 33 guuta, Jeemsi Miilnar ammoo waggaa 37 guuteera.

Leenjisaan Liivarpuul taphattoota isaaniif jaalala addaa qabu, baay'ee amanuun, kun ammoo garicha miidheera kan jedhan jiru.

Taphataan duraanii sarara gidduu Iskootilaand fi bara 2011-12 Liivarpuuliif taphatee ture Chaarlii Adam, ''Yargan Kiloopp taphattoota kunneeniif baay'ee garaa laafu natti fakkaata.

''Keessattuu tarkaanfii Peep Gaardiyoolaan Joao Cancelo irratti fudhatefaa wayita ilaaltu,'' jedhe.

Gareewwan akka Bilaakbarni, Chelsii fi Seltikiif Chaampiyoonsi Liigii taphataa kan ture Kiriis Suutoon gamasaan,''Liivarpuul dorgommiiwwan bara kanaarratti raawwiin isaa daddaaqamaadha. Waan itti fufaa ta'e raawwataa hin jiran,'' jedhe.

Bara darbe Liivarpuul waancaa afur harkatti galfachuuf hanga dhumaatti falmateera.

Lameen nyaateera, kan Piriimiyer Liigii fi kan Chaampiyoonsi Liigii garuu walduraa duubaan sababa Maanchistar Siitii fi Riiyaal Maadiriidiin dhabe.

Bara kana garuu carraan waancaa kamiifuu qabu galgala kaleessaa (Bitootessa 15, 2023) obba'eera.

Piriimiyer Liigii keessatti sadarkaa ja'affaarra jira, sanuu duubaan kan jiru Biraayitan raawwii abdachiisaarratti argama.

Qabxiinsaanii walqixa, garaagarummaan isaan qaban kan goolii qofa.

Kanaan booda qabxii ja'aan isa dursee sadarkaa afraffaarra kan jiru Tootanhaam caalee dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu keessa seenuun qormaata guddaadha.

Erga Kiloop gara garichaa dhufee (2016-17) kilabichi dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigiin ala ta'uuf deema.

Liivarpuul itti aansuun Piriimiyer Liigii dursaa kan jiru Arsenaal fi lammaffaarratti kan argamu Maanchistar Siitii akkasumas dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii keessatti cichee kan hafe Chelsii waliin tapha isa qoru qaba.

''Taphoonni kunneen nuuf akkaan murteessoodha. Dandeettii keenya duguugnee fayyadamuun dirqama. Kaayyoon keenya sadarkaa 1-4 jiru keessa galuudha,'' jedha Kiloopp.