Nuti hanga ammaatti uummata dirooniidhaan haleellee hin beeknu- Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa walitti bu'iinsa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti raawwataa jiru keessatti raayyaan ittisaa jiraattoota dirooniin haleelee akka hin beekne dubbatan.

Ibsa karaa TV biyyattii kennaniin walitti bu'iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti raawwataa jiru irratti bal'inaan dubbataniiru qondaalli waraanaa olaanaa kun.

Iddoowwan walitti bu'iinsi keessatti mudatutti tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhatuun namoonni nagaan miidhamuu jaarmiyaa mirga namoomaa kan mootummaa Itoophiyaa ta'e dabalatee qaamoleen garaagaraa gabaasa baasaa turaniiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa garuu ibsa kennan keessatti himannaa dhiyaatu waakkachuun dubbataniiru.

Mootummaan dirooniidhaan uummata nagaa haleeleera jechuun himata dhiyaatuuf, ''uummata dirooniidhaan rukunnee hin beeknu. Nuti qorannoorratti hundaa'uun farreen nageenyaa hidhatanii, qindaa'anii socho'an irratti qiyyaafanna malee uummata haleellee hin beeknu,'' jedhan.

Qaamoleen isaan ''farreen nageenyaa'' jedhaniin uummatatti yoo makaman ''uummataaf jennee osoo ilaalluu haleeluu dhiisnee deemna. Osoo akkas hin taanee qaamoleen kunneen hanga yoonaa hin turan. Callisnee walumatti qabnee [uummata waliin] osoo haleellee silaa yoona hin jiran,'' jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

''Dirooniin keenya shanee yookiin ammoo jaawwisaarratti xiyyeeffata malee uummatarra kan bu'u miti. Uummanni Oromoos ta'e Amaaraa kana ni beeka.''

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kana haa jedhan malee jiraattonni fi quuqamtoonni mirga namoomaa garuu yeroo fi bakka garaagaraatti haleellaawwan diroonii raawwatamaniin namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu ibsu.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Onkoloolessa darbe naannoo Amaaraatti ''haleellaa diroonii fi meeshaalee waraanaa gurguddoo kaaniin raawwatameen namoonni du'uu, kaan madaa'uu akkasumas qe'eesaaniirraa buqqa'uu,'' ibsee ture.

Jaarmiyaan mirga namoomaa kan mootummaa ta'e kun ibsa isaa keessatti Shawaa Kaabaa Aanaa Barakat keessatti haleellaa diroonii gaggeeffameen daa'ima waggaa lamaa gadii dabalatee ''lammiileen nagaa hedduun '' ajjeefamuu eereera.

Haleellaa diroonii Magaalaa Dabra Maarqos keessatti raawwateen ammoo ''yoo xiqqaate namoonni saddeet ajjeefamuu,'' ibseera jaarmiyaan kun.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirgoota Namoomaas ibsa Sadaasa darbe baaseen haleellaa dirooniidhaan raawwatamuun namoonni nagaan miidhamaa jiraachuu eeree ture.

BBCn Guraandhala darbe naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa aanaalee Moojaa fi Wadaraatti haleellaa diroonii raawwatameen yoo xiqqaate namoommi 30 ta'an ajjeefamuu jiraattota wabeeffachuun gabaasee ture.

Muddee darbe ammoo Walloo Kibbaa magaalaa Wagal Xeenaa jedhamutti haleellaa diroonii ambuulaansii irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuu jiraattonni fi ogeeyyiin fayyaa BBCtti himaniiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa garuu ''raayyaan ittisaa uummata haleelaa jira. Uummata Oromoo haleelaa jira,'' himati jedhu akka jiru eeruun, ''haleeluu fi dhiisuu keenya deemaati uummatarraa dhagahaa. Nuti uummata hin haleellu. Kan haleelu isa uummati haleelamaa jira jedhu mataasaati,'' jechuun isaanis deebisanii himatan.

Ji'a tokko dura Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen naannoo Amaaraa Kaaba Goojjam magaalaa Maraawwii jedhamutti humnoonni nageenyaa mootummaa ''faannoo deeggartaniittu,'' jechuun yoo xiqqaate namoota 45 ta'an ''murtee seeraa malee ajjeesuu,'' eereera.

Yeroo sanatti BBCnis jiraattota magaalaa Maraawwii dubbisuun namoonni 50 caalan ajjeefamuu odeeffate.

Miseensota Raayyaa ittisaa Itoophiyaa mana manarra deemuun sakatta'iinsa gaggeessanii rashanamuu kanneen sababa kanaan maatii jalaa miidhaman BBCtti himaniiru.

Ambaasaaddara Ameerikaa dabalatee biyyoonni addunyaa garaagaraa ajjeechaan magaalaa Maraawwiitti raawwate akka isaan yaaddesse ibsuun, qorannoon gaggeeffamee kanneen yakka kana raawwatan seeraan akka gaafataman dhaamanii turan.

'Mootummaan Somaaliyaa nagaan Moqaadishoo akka taa'u kan godhe raayyaa ittisaa Itoophiyaati'

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dhimma biyya ollaa Itoophiyaa taate Somaaliyaas kaasaniiru, keessattuu waa'ee ga'ee nageenya eegsisuu waraana Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun.

Ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti loltoonni Itoophiyaa kutannoon nageenya Somaaliyaa eegsisuurratti argamu jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

Biyyi Somaaliyaa walakkaa ol nageenyishee raayyaa ittisaa Itoophiyaatiin eegama kan jedhan qondalli waraanaa Itoophiyaa kun, ''mootummaan Somaaliyaan nagaadhaan Moqaadishoo akka taa'u kan godhe raayyaa ittisaa Itoophiyaati,'' jedhan.

''Raayyaan ittisaa Itoophiyaa osoo bor Somaaliyaa gadhiisee ba'ee mootummaan federaalaa Somaaliyaa waan Moqaadishootti hafu natti hin fakkaatu.''

''Gama al-Shabaab qolachuutiin nuti hojii gaarii hojjenneerra,'' kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ''naannoleen Somaaliyaa nageenyaasaaniif kan abdatan eenyuunuu caalaa raayyaa ittisaa Itoophiyaati,'' jedhu.

Kabaja uummanni Somaaliyaa raayyaa ittisaa Itoophiyaaf qabaachaa ture hooggantoonni ammaa gufachiisaniiru jedhan.

''Aanga'oonni Somaaliyaa raayyaan ittisaa Itoophiyaa akka waan homaa hin gooneefiitti odeessaa ba'an. Kun ammoo gatii fi kabaja namaa wal'aaluurraa madda,'' jedan.

Akkuma Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa kana Ministirri Muummee Abiy Ahmadis mootummaansaanii nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaaf hojjechuun dorgomaa akka hin qabne dubbatanii turan.

''Tokkummaa Somaaliyaaf kan akka mootummaa kanaa hojjete hin jiru,'' jechuun yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa biyyasaaniirratti dubbatan.

Itoophiyaan naannawa walaba of baastee ofiin of bulchitu Somaalilaand waliin jalqaba bara 2024 waliigaltee walhubannoo erga mallatteessitee as Somaaliyaa waliin qoccolloo keessa galteetti.

Somaaliyaan birmadummaa kiyya sarbite jechuun komii Itoophiyaatti cimsiteetti.

Waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand waliif mallatteessan Itoophiyaan handaara galaanaa kiilomeetira 20 dheeratu akka fayyadamtuuf carraa banaaf, bakkasaa ammoo Somaalilaand beekamtii biyyummaa Itoophiyaarraa argatti jedhamaa ture.

Waliigalteen Ministira Abiy fi Pirezidantii Sonmaalilaand Bihii gidduutti mallatteeffamme kun ji'a tokko keessatti hojiirra oola jedhamus hanga ammaa sadarkaa maaliirra akka jiru gam-lachuunuu wanti jedhame hin jiru.