Ji'a sadii dura aangoorraa kan buqqifaman Booris Joonsan deebi'anii MM UK ta'uuf dorgomu

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee UK duraanii ji'oota sadii dura aangoorraa buqqifaman Booris Joonseen, namoota sadii bakka Liiz Tiraas bu'uun Ministira Muummee ta'uu mlu jedhaman keessaa tokkodha.
Ji'a tokkoo fi torbee lamaaf MM UK kan turan Liiz Tiraahs hamma irraa eegamu hin hojjenne jedhamee qeeqa dhaaba isaanii dabalatee morkattoota isaanii irraa dhiyaate hordofee Kamisa darbe aangoo akka gadhiisan ibsaniiru.
Booris Joonsen filannoo waliigala abara 2019 gaggeefameen injifatanii aangoo kan qabatan ta'us paartiin aangoorraa jiru filannoon waliigalaa osoo hin gahiin hogganaa dhaaba isaa jijjiiruuf aangoo qaba.
Komiiwwan fi himanna amantaa dhabuu Booris Joonsen irrati dhiyaate booda miseensotni dhaaba Conservative Booriis aangoorraa akka buqqa'u sagalee caalmaan deeggarani ture.
Adeemsa kana keessatti sagalee guddaa kan qaban ammoo miseensota paarlaamaa dhaaba warra Conservative dha.
Joonsan deebi'anii ministira muummee ta'uuf hiree argatu taanaan seenaa UK keessatti waggaa 140 booda seenaa deebi'ee raawwatame ta'a.
Waggaa 140 dura hogganaan dhaaba Liberal Wiiliyaam Gilaadistoon aangoo isaanii dhabanii deebi'anii hiree MM ta'uu argatanii ture.
Bashannanaaf gara Dominikaan Rippaabliik kan imalanii kan jiran Booris Joonsen ibsa Liiz kaleessa kennan booda gara UK'tti deebi'aa jiru ta'a jedhu abbaan Booris Staanlii.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirees Sekireetariin Joonsen duraanii Wiil Waalden hoogganaan isaa duraanii aangoo Ministira Muummee kanaaf irra deebiin ni dorgomu jechuun Sky News'tti himeera.
Ministira Muummee yeroo turan yaadni gaafa dhumaa isaanii kennan jechama afaan Ispaanish "hasta la vista, baby" jedhu ture. Hiikni isaas yeroo biraa walitti deebina akka jechuu ta'a.
Deeggaraan Joonseen, barreessaan dhimma daldalaa duraanii Jakoob Rees-Moog ammoo miidiyaa hawaasaa gubbaatti hoogganaa isaa duraanii Daawuniing Istiriititti deebisuuf duula eeglaniiru. Miseensotni paarlaamaa dhaaba Conservative muraasnis isa deeggaraa jiru.
Hoogganaan humna ittisaa UK Been Walees, Joonsaniin gara deeggaruutti siqaa akka jiran BBC'tti himaniiru. Namni kun dhaaba Conservative keessatti nama dhiibbaa guddaa uumanidha.
Amma bakka Liiz bu'uuf kadhimamtooti sadii kan jiraatan yeroo ta'u, sagalee deeggarsaa miseensota paarlaamaa 375 keessaa 100 ol kan argatetu MM ta'a.
Booris Joonsenitti dabalataan morkataan isaa duraanii Rishi Sunaakiifi Peeniiy Moordaant warra aangoo kanaaf morkatanidha.
Hanga ammaatti akka tilmaama BBC'tti Sunaak miseensota paarlaamaa irraa kaadhimamaa deeggarsa 52 argachuun dursaa jiran yeroo ta'u, Joonsen deeggarsa miseensa 30 argachuun itti aanu.
Miseensi paarlaamaa dhaaba warra conservative kan walitti qabaa garee ta'uun hojjetan Ser Roojeer Geel Joonsen daabi'anii ni filatamu yoo ta'e gaafatama qindeessummaa garee irraa akka of kaasan dubbatan.
Joonseniin qeequutti kan beekaman namni kun namootni akkuma isaanii gaafatama dhaaba keessaa of baasan akka jiraatan dubbata.
Dhaaba Jonseen keessaa teessoo paarlamaa kan qaban Kirispiin Bilaant ammoo namni gara haala ji'oota sadii dura tureetti deebi'u fedhu hin jiru gara fuulduraa ilaaluu qaban jedhu.
Warri dhaaba mormituus kaadhimamu Joonsen dafanii mormuu eegalan.












