Ministirri Muummee UK Liiz Tiraas aangoo gadhiisan

Madda suuraa, PA Media
Hooggantuu dhaaba biyya bulchuu Conservative party kan ta'an Liiz Tiraas gaafatama dhaabni isaanii akka ministira Muummee biyyattiitti irraa eegu bahachuu hanqachuu amanuun aangoo gadhiisuu beeksisan.
Liiz hara'a mana jireenyaafi waajira Ministira Muumme Daawiniing Stiriit jedhamutti argamurraa ibsa wayita kennan mootii haaraa biyyattii kan ta'an Chaalesitti aangoo isaanii gadhiisaa akka jiran beeksisuu himan.
Rippoortarootni hedduun ibsa isaanii kana hordofuuf kan argaman yeroo ta'u, ji'oota dura gara aangootti kan dhufan wayita biyyattiin tasgabbii dhabuu diinagdee keessaa hawaasni idil addunyaas qormaata nageenyaa keessa galetti ta'uu dubbatan.
UK'n yeroo dheeraaf guddina diinagdee harkifataa qabaachaa akka jirtu fi dhaabni isaanii Ministira Muummee gochuun yoo filatu sana akka jijjiiran ta'u dubbatan.
Mootummaan isaanii kaffaltii boba'aa hir'isuu, inshuraansii biyyaalessaa xiqqeessuufi gibira xiqqeessanii guddina jajjabeessuurratti fooyya'insa fiduu dubbatan.
Itti dabalunis '' Haala amma jiru irratti hundaa'uun gaafatama akkan bahadhu paartiin koo amane na filateef akkan hin bahanne nan fudhadha'' jechuun aangoo gadhiisuu isaanii beeksisan.
Liiz guyyoota 45 qofaaf Ministira Muummee ta'uun aangoorra kan turan yeroo ta'u, kunis seenaa UK keessatti turtii isa gabaabaa Ministirri Muummee waajira qabatee ture ta'eera.
Hanga Liiz aangoo gadhiisuu isaanii ibsanitti MM UK yeroo gabaabaa waajira keessa turan Joorji Kaaniing yeroo ta'an bara 1827 guyyoota 119'f qofa tajaajilan.














