Liiz Tiraas Ministira Muummee UK ta'uufi

Madda suuraa, Getty Images
Liiz Tiraas dorgommii hooggansa paartii warra Konservii UK injifachuun ibsamuu hordofee Minisitira Muummee UK ta'uuf akka jirtu mirkanee'era.
Guyyaa boruu mootummaa haaraa ijaartu beeksisuu dura giiftii UK Eelsabeet II Balmooralitti arguuf jirti.
Liiz dura teessoo dhaaba Tory ta'uun bakka Booris Joonsan qabachuuf namoota 10 biroo waliin ji'ootaaf dorgomaa turte. Dubartiin ganna 47 Liiz Yunivarsiitii Oxforditti baratte.
Dhaaba ishee keessatti fudhatama guddoo qabaachaa kan hin turre Mary Elizabeth Tiraas morkataa ishee jabaa Chancellor Rishi Sunak injifaachuun aangoo MM qabachuufi.
Paartiin Konservaatistii UK dhimma filannoo keessoo dhaaba isaa ilaalchee seera haaraa baase hordofee garaagartummaa guddaan ni injifatti jedhamus garaagartummaa xiqqaan injifatte.
Paartichi bara 2001 erga seera isaa wayyeesse booda morkataan sagalee dhibbeentaa 60 gadi argate hin jiru.
Dura taa'aa dhaaba kanaa ta'uuf wayita dorgoman Boris Joonsan 66.4% argatee kan ture yoo ta'u Liiz 57% argatte.
Liiz filannoo kana injifachuu booda dubbii gooteen ''natti amantanii waan na filattaniif galatoomaa'' jetteetti.
''Yeroo ulfaataa kana keessa darbuuf tarkaanfiiwwan jajjaboo nan fudhadha, diinagdee nan cimsa, dandeetti UK qabdu nan baasa'' jette.
"Karoora cimaa baasun qaraxa hir'isuufi diinsagdee biyyaa guddisuuf akka paartii konsarvaatiivitti" akka gaggeessitu waadaa galtee jirti.
"Baasii namoonni boba'aadhaf baasan ilaalchisee qaala'iinsa gatii baba'aa irratti nan hojjadha."
"Rakkoo dhiyeessii boba'a yeroo dheeraf ture irrattis akkasuma nan xiyyeeffadha," jette MM haaran kun.
Rakkoo diinagdee cimaa waggaa 40 keessatti olk'aadha jedhame mootummaa ishee dura ture irraa dhaaltee jirti.
Rakkoo qaala'iinsa jireenyan wal qabatee biyyattii hudhee jiru furuudhaf katroora qabdu guyyoota itti aanan keessatti ifan godha jettee waadaa seente.












