Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaggeesitoonni addunyaa du'a Giiftii Elizaabeet 2ffaatti gadda ibsataa jiru
Giiftii Elizaabet II umurii ganna 96'n du'aan boqataniiru. Gaggesitoonni adunyaa hedduunis du'a ishee kanarratti gadda isaanii ibsataa jiru.
Dureewwan addunyaa Giiftii Elzaabeetiif gaddasaanii ibsan keessaa pirezidaantiin Faransaay Emaanu’eel Maarkoon, ‘‘giiftii onnee -qajeelaa’’ fi ‘‘hiriyyaa Faransaay’’ jedhaniiru.
Pirezidaantiin US Joo Baayidan Giiftii waliin jalqaba kan wal argan waggaa 40n dura ture. Innis ‘‘giiftuummaan ol- kan jaarraa ibsituudha’’ jedhaniin.
Joo Baayidan imalasaanii gara UK’tti bara 2021tti taasisan yaadachuun, ‘‘hunda keenya gara laafummaan sochoofte, ogummuu isheetiin gaarummaa nu waliin qooddee’’ jedhan.
‘‘Giiftiin Elizaabeet II, durbatii hoggansaa kabaja dorgommii hin qabne kan walitti dhufeenya Yunaayitid Kingdamiifi Ameerikaa jidduutti walitti dhufeenya cimsiteedha. Walitti dhufeenyi keenya akka cimuuf na gargaarte,’’ jedhan.
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing gama isaanitiin du'a Giiftii hordofuun, ''motummaa Biritishiifi ummtaaf'' gadda cimaa itti dhagahe ibsaniiru.
Itti dabaluunis, ''Du'aatiin ishee ummata Biritishiif miidhaa olaanaadha'' jedhaniiru.
''Kaanaadaa- bakka Giiftiin Elizaabeet hoggantuu biyyaa itti ta'an- bara giiftuummaa isaaniitti ministiroota 12 arganiiru.
''Jastiin Tiruudee kan Giiftii baroota kudhanootaaf beekan, jalqaba kan wal argan wayita abbaansaa Ministira mummee ture ijoollee ta'uun. Dhugaattis jaalala guddaa fi walitti dhufeenya cimaa lammiilee Kaanaadaati.''
''Addunyaa walxaxaa keessatti suurraan ishee fi tasgabbiin ishee hunda keenyaaf mijaa'ina fideera,'' Ministirri mummee Kaanaadaa.
Itti dabaluunis haasaa wlaiin taasisan akka dhaban kaasan. ''Isheenis namoota addunyaa kanaa baayyee jaaladhu keessaa tokko turte. Baayyeen ishee dhaba'' jedhan imimaaniin hudhamaa.
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa ''Giiftii Elizaabet II waliin bara 2018 wal gahii biyyoota 'Commonwelath' Landanitti gaggeeffame irratti wal argine. Xalayaa kana dura neelsan Mandellaa, namni Giiftittiin baay'ee kabajan barreessaniif natti agarsiisanii waan darbes yaadachaa waliin haasofne,'' jedhan.
Giiftii Eelizaabeet hoggantuu ajaa'ibaa adunyaa kanaa fakkeenyaa gaarii tahanidha jedhan.''Leegaasiin hoggansaa fi jireenyashee namoota hedduun adunyaa irratti yaadatama jedhan.
''Barri hojii waggaa 70 Giiftittii fi kaka'umsi hojii isaanii fakkeenyummaa guddaan kan yaadatamudha.''
Dhumarratti du'a Giiftii Biriiteen Guddittii fi Ayerlaandi Kaabaa ilaalchisee gadda natti dhagahame, Mootii Chaarles III fi maatii isaaniif ibsa jedhan.
Gaanaatti yaadannoo Giifti Eelizaabetiif alaabaan biyyattii guyyoota torbaaf walakkaatti siquun mirmirfamaa oola. Pirezidaantiin Gaanaa Naanaa Akuufoo Addoo deeggarsa biyyoota Commonwealth keessatti isaan agarsiisaniif galateeffataniiru.
Haaromsa fidan keessaa tokko biyyoota kolonii Biriiteen hin taane gara miseensumaatti fiduu isaaniii ibsan.
Isaan keessaa Gaabon tokko yoo taatu, pirezidaantiin Gaaboon Alii Boongoo, Giiftiin michuu Afrikaati, Afrikaanis jaalala isaaniif qaban agarsiisaniiru jedhan.
Ribkaa Alitwalaa Kadagaa amma Ministera Hawaasa baha Afrikaa kan tahan gadda natti dhagahame Mootii Chaarles III, miseensota Maatii Moototaa, fi biyyoota 'Commonwealth' gadda natti dhagahame ibsina jette.