Giftiin Elizaabeet lammaaffaan boqachuu masaraan Bakiinghaam beeksiise

Giiftiin Elizaabeet laammaffaa kan maatii moototaa UK umurii isaanii 96, giiftii ta'uun waggoota 70'f erga tajaajilaanii booda masaraa Baalmooraal Iskootilaanditti boqotan.

Maatiin isaanii hunduu erga ogeeyyiin fayyaa to'annoo addaa keessa akka turan Kamisa har'aa ajajanii booda bulchiinsa Iskootilaanditti walitti qabamaniiru.

Giiftii Eelizaabeet gara aangoo mootiitti kan dhufan bara 1952 yeroo ta'u, jijjiiramoota hawaasummaa hedduu keessummeessaniiru.

Du'a isaanii hordofee ilmisaanii kan jalqabaa, mootii duraanii Weels kan ta'an Chaarles mootiin haaraan hanga muudamutti yeroo gaddaa kana keessatti hoogganaa ta'uu jedhameera.

Masaraan Baakinghaam ibsa baaseen ''mootittiin galgala kana Balmooraalitti nagaan boqotaniiru'' jedheera.

Erga ogeeyyiin fayyaa giiftittiin hodofamuu qabu jedhanii ijoolleen Giiftittii hunduu gara Baalmooraalitti imalanii turan. Ijoolleen ijoollee isaaniillee argamaniiru.

Ministirri Mummee UK haaraan Liiz Tiraas kan guyyaa Kibxataa Giiftiin mudamte, bulchiinis Giiftii bu'uura hammayyooftuun Biriteen irratti kan ijaaramteedha jette. ''Isheenis tasgabbii fi cimina nui barbaadnu nuuf kennite.''

Waa'ee mootii haaraa wayita dubbatuus, ''amanummaafi of kennuu keenya akkuma haatii isaa baayyeedhaaf bara dheeraaf of kennitu turteetti nutis kenniinaaf,'' jette MM.

Giiftii Elizaabeet lammaaffaan baroota aangoorra turaniittis Winstan Charchiil kan bara 1874tti dhalatee kaasee Aaddee Tiraas kan waggoota 101 booda bara 1975 keessa dhalatte dabalate, Ministiroota mummee 15 mudan.