Niiw Ziilaand deeffuu looniif qonnaan bultoota gibira kaffalchisuuf yaada dhiyeessite

Madda suuraa, Getty Images
Niiw Ziilaand faalama qilleensaa deefuu fi fincaan looniin uumamu hir’isuuf jecha qonaan bultoota gibira kaffalchiisuuf.
Sagantaan akka addunyaatti kan jalqabaa jedhame kuni qonnaa bultoonni faalama qonnarraa dhufuuf bara 2025 irraa kaasee gibira kaffalchiisuuf kayyeeffateera.
Indaastiriin qonnaa biyyattii faalama uumamuuf harka walakkaa ol gahee qaba.
Qonnaa bultoonni garuu sagantaa kana qeequuf yeroo itti hin fudhanne, gareen dhimma kanarratti duula gaggeessan,’’ sagantaa Niiw Ziilaand akkaan miidhu dha,’’ jedhan.
Ministirri mummee biyyattii Jasiindaa Ardeen qarshiin gibiraa irraa funaanamuuf jiruuf indastiriidhuma kana teeknolojii, qorannoo fi qonnaan bultoota jajjabeessuuf oola jedhan.
'‘Qonnaa bultoonni Niiw Ziilaand faalama qilleensaa sababa qonnaan dhufu hir’isuun akka addunyaatti kan jalqabaa tahuuf jirti, kunis gabaa al-ergii keenya addunyaa eessaa dhuftee nyaataaf xiyyeeffanno kennaa jiru biratti dorgomaa taasisa,’’ jedhan yeroo sagantaa kana beeksisan.
Hangi qarshii gibiraa kaffalamu garuu hin murtoofne, mootummaan qonnaan bultoonni gatii madaalawaa tahe dabaluun oomisha haala qilleensaa hin faalle dhiyeessuu qabu jedhan.
Haa tahu malee qonnaan bultoonni gariin sagantaa kana balaaleffataniiru,daldala isaaniis akka gurguraniiif sababii tahuus himan jedhan.
Pireezidantiin Federeeshinii Qonnaa Bultoot Biyyaalessaa, Andriiw Hooggard, karoorri kuni,’’Niiw Ziilaandiin akkaan miidha,’’ jedhan.
Dabaluunis jaarmiyaan keenyi, '‘akkaataa mootummaan yaada furmaaataa fiduuf qonnaa bultoota waliin haasa’e '‘waan garaa nu gahe miti,’’ jedhan.
Qonnaan bultoonni amma lafa isaanii daddafanii gurguraa jiru. ‘’konkolaataan gaafa darbu iyya saree illee hin dhageessu,’’ jedhan.
Gariin immoo oomishini nyaataa gara biyya biraa sirna oomishaa gaarii hin qabnetti yoo geeffame, faalama qilleensaa dabaluu mala jedhan.
Bara 2019tti atimoosfeerii keessatti hammi miiteenii sadarkaa guddaarra gaheera, gosti gaasii kuni deefuu loonii keessattis ni argama.















