Indiyaatti loon 450,000 caalan hiriira mormiirratti hirmaatan

Gujarat keessatti loowwan masaraa mootummaa fi daandii dhuunfataniiru

Madda suuraa, PARESH PADHIYAR

Dhaabbileen tola ooltummaa, Dhiha Indiyaa bulchiinsa Gujaraat keessatti horsiisa looniirratti hojjetan, gargaarsa mootummaa waadaa galame dhabuu mormuun loowwan kumaatamaan lakkaa’aman masaraa mootummaatti gadi lakkisan.

Loowwan hedduun wayita masaraa mootummaa keessa deddeeman viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti akkaan qoodameera.

Mormitoonni yoo mootummaan maallaqa waadaa seenu gadi hin dhiisu ta'e filannoo dhufu ni uggurra/ni didna jechuun doorsisan.

Gujarat kutaalee biyyaa Indiyaa weerara dhibee gogaa loonii- dhumaatii loon hedduuf sababa ta'een raafaman keessaa tokko.

Bulchiinsi kun hanga yoonaa weerara kanaan loon 170,000 ta'an qabamuu fi kanneen keessaa 5,800 du'uu ibseera.

Indiyaa keessatti hawaasa guddaa ta'e Hinduu community jedhamu keessatti loon bineensota qulqulluu jedhamanii safeeffatamu, Gujarat dabalatee kutaalee biyyaa 18 keessatti qaluun seeraan ala.

Gujarat namni loon qalee argame hidhaa umrii guutuun adabama jechuun labsee, seera eegumsa loonii kan cimse bara 2017 irraa eegaleeti.

Loon haala namni hndiitti yaa'anii, daandii dhiphisan, gaaddisa jalatti heddumminaan walitti qabamanii mul'atan.

Kun iddoo biyyattii keessatti loon qaban kana duraan beekamurraa daran kan cimseedha.

Bulchiinsi Gujarat da'oo loonii fi bineensota dullooman kaaniif mijeessuuf jecha bara baajataa kana maallaqa biyyattii ruuppii biiliyoona 5 yookiin dolaara miiliyoona 61 waadaa galee ture.

Kanneen da'oo bineensotaa mijeessuurratti hojjetan garuu akkaataa saganteeffame kanaan maallaqa jedhame akka hin argannee fi maallaqi ramadames mootummaadhaan ''hatamuu'' akka hin hafne ibsan.

Hawaasi kutaa biyyaa Gujarat mootummaa keessaa bakka bu'ummaa guddaa qabaatus garuu akkaataa eegame kanaan rakkoosaaniif furmaataa argachaa akka hin jirre himatan.

Mormitoonni gargaarsa mootummaan iddoowwan horiidhaaf waadaa gale tokkollee akka hin arganne dubbatu

Madda suuraa, PARESH PADHIYAR

Miidiyaan biyyattii Indian Express jedhamu akka gabaasetti iddoowwan da'oo loonii 1,750 ta'an kanneen loon 450,000 caalan of keessaa qabanii fi dhaabbailee miti-mootummaan hoogganaman giriira kanarratti hirmaataniiru.

Gabaasni akka jedhutti guyyoota muraasa darban keessa loon daandii, manneen murtii naannoo fi gamoo mootummaa kutaalee Gujarat hedduu keessatti argaman to'ataniiru.

Waajjira mootummaa tokko keessatti mormitoonni fincaan loonii fi xaa'oo qabatanii mul'atan.

Poolisiin aanaalee Banaskantha, Patan fi Kutch keessatti mormitoota 70 to'annoo jala oolchuu ibseera.

Ministirri horsiisa beeyladaa Gujarat sababa ''walxaxiinsa bulchiinsaatiin'' gargaarsi akka harkifate amanuun guyyaa tokkoo fi lama keessatti ''furmaata abdachiisaa'' kennuuf waadaa galaniiru.

Mormitoonni amma dhuma baatii kanaatti gaaffiin isaanii yoo hin deebine jeequmsa caalutti akka seenan akeekkachiisaniiru.