Nyaatni 'qilleensarraa hojjetame' atara waliin dorgomuun hin oolu

Paasii Vaayinikkaan

Saayintistoonnii Fiinlaand 'qilleensarraa' pirootinii hojjetan waggaa kudhan keessatti nyaanni keenyi atara waliin ni dorgoma jedhan.

Pirootiniiichi baakteriyaaa biyyoo haaydiroojiniitti naquun bishaaniifi elektiriikii irraa adda baasuun hojjetame.

Akka qorattoonni kunneen jedhanitti ho'a soolaarii fi humna qilleensaa irraa argannaan faalama qilleensaa malee guddachuu danda'u.

Abjuun isaanii hojiirraa oollaan daanqaawwan karaa qonnaan jiran furuuf gargaaruu danda'a jedhu.

Hanga yoonaa maallaqa invastimentii yuroo miiliyoona 5.5 tahu hawwachuu isaanii himuun, gatii elektiriikii irratti hundaa'uun baasiin isaanii oomisha ataraa bara 2025 waliin dorgomuu danda'a jedhu.

Pirootiniin oomishan dhandhama mataa isaa kan hin qabne yeroo tahu, kunis nyaata hundumaatti akka naqamuuf gatii barbaadameefi jedhu saayintistoonni kunneen.

Paastaa, biskuutiiifi daabboo fa'itti naqamuun akka zayiitii meexxiitti gargaaruu danda'a. Kalaqxoonni nyaatichaa aadaa foonii fi qurxummii nyaachuu bakka bu'uu danda'a.

Loon illee kana soorachuun qaamni isaanii gabbachuu ni danda'a.

Haa tahu malee nyaatichi bal'inaan oomisha keessa galee hanga gabaatti bahutti waggaa dheeraaa fudhachuu danda'a jedhu.

Garuu gara fuulduraatti nyaata mala senteesisiin qopheessuuf abdii kan kennu dhas jedhameera.

Paasii Vaayinikkaan hogganaa dhaabbaata oomisha kana hojjiira oolchuuf jedhuu yoo tahan Yunivarsiitii Lappiiraantaatti barsiisaa dha.

Nyaatichi hojjetamuu kan jalqabe bara 1960tti yoo tahu nyaatichi imala gara hawaasaatti taasifamuuf ture kan qophaa'e.

Biqiltuun amma qilleensarraa hojjetame kuni gara duubaatti kan hafe yoo tahu bara 2022tti garuu qophii taha jedhu. Akka yaadametti yoo deeme bara 2025tti oomishaaf warshaan ni dhaabbatas jedhaniiru.

''Amma gaarii irraa jirra. Oomishichatti si'eessitoota dabaluun haayidiroojinii bishaan irraa adda yoo baafnefi karaa teekinolojii foyya'insa qabuun humna soolaariifi qillensarraa yoo fayyadamne 2025 oomisha ataraa(soyaa) amma jiru waliin dorgomuu dandeenya jedha.

Nyaata Soliyin jedhame kuni bishaantu mala elektirooliisisii adda bahee haaydiroojinii keessaa bahe. Haayidiroojinii, kaarbondaayoksaayidii fi alabuudoti baakteriyaatti naqaman kunimmoo pirootinii kennee jechuu dha.

Waanti murteessaan gatii elektirikiiti. Madda humnaa haarefamu hanga bal'achaa dhufu gatiinis ni hir'ata jennee yaadana jedhu.