Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Israa’el-Gaazaa: Haleellaa rookkeettii Hamaasiin loltoonni Israa’el sadii ajjeefaman
Israa’el loltoonnishee sadii haleellaa rookkeettii Hamaasiin ajjeefamuusaanii himte.
Haleellaan kun dhiyeenya hulaa gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti itti seenu naannoo Karam Shaalomitti qaqqabuunsaas himameera.
Haleellicha hordofuun Israa’el hulicha kan cufte yemmuu ta’u, haleellaa deebii Israa’el magaalaa Kibba Gaazaatti argamtu Raafaah keessatti raawwatteen namoonni 12 ajjeefamuunsaanii gabaafameera.
Raayyaan Ittisaa Israa’el Wiixata har’aa ganama jiraattonni kutaalee magaalaa Raafaa tokko tokko keessatti argaman iddichaa akka bahan himuusaas beeksiseera.
Taateewwan kunneen wayita haasaan dhukkasa dhaabuufii namoota butaman gadhiisuuf taasifamu danqamee jirutti ta’aa jiru.
Gama biraatiin Humni Ittisaa Israa’el naannoo hulaa Raafaa Kibba Gaazaatti argamuutti rookkeettiiwwan 10 dhukaafamuu kan hime yemmuu ta’u, Hamaas gama isaatiin haleellichaaf itti gaafatamummaa fudhateera.
Kana malees akeekni haleellichaa buufata waraanaa Israa’el naannichatti argamu akka ta’es Hamaas himeera.
Rookkeettonni Hamaas dawoo lammiilee nagaarraa fageenya meetira 350 ta’urraa dhukaafamuu kan hime waraanni Israa’el, Hamaas lammiilee nagaa akka dawootti fayyadamuu itti fufeera jechuun komateera.
Hamaas garuu qeeqa lammiilee nagaa akka dawootti fayyadama jechuun irratti dhiyaatu ni haala.
Waraanni Israa’el haleellaa deebii magaalaa Raafaa keessatti fudhateen iddoo rookkeettiiwwan itti dhukaafamanfii ijaarsa waraanaa dhiyeenyatti argamu haleeluu himeera.
Hoggantoonni fayyaa Gaazaa gamasaaniitiin haleellaawwan lama Dilbata kaleessaa raawwateen namoonni 12 ajjeefamuu himaniiru.
Gama biraatiin Israa’el fi Hamaas dhiyeenya kana iddoo mariisiftonni argamanitti Masrii magaalaa Kaayirootti mariirra turan.
Haa ta’u malee gareen lachuu fedhiiwwan isaanii ijoo dabarsanii kennuuf fedhii akka hinqabne ibsuu isaaniitiin marichi hanga barbaadamu hin tarkaanfanne. Mariin kun Wiixata hara’aa akka itti fufus eegama.
Maricha ilaalchisee Hamaas bakka bu’oonnisaa hoggansa garichaa mariisisuuf gara Qaatar akka imalan beeksiseera.
Wixineen marii Israa’elfii Hamaas guyyoota 40’f lola dhaabuun lammiilee Israa’el Gaazaa keessatti butamanii jiranfii hidhamtoota Filisxeem manneen hidhaa Israa’el keessa jiran akka gadhiifaman gochuu kan jedhan ofkeessaa akka qabu amanama.
Hamaas wixinicha ija gaariin akka ilaalu kan hime yemmuu ta’u, dhimmi ijoon garuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu kan yeromoo dhaabbataa ta’a kan jedhudha.
Garichi ejjennoo waliigalteen kamiyyuu waraanichatti xummura kan godhu ta’uu qaba jedhu akka qabu yemmuu himu, Ministirri Mummee Israa’el Beniyaamin Netaaniyaahuu garuu yaada kana kuffisuun dubbatan.
“Israa’el wanta kana (fedhii Hamaas) hin fudhattu. Nuti haala birgeediiwwan Hamaas dahoowwansaanii keessaa bahanii deebi’anii Gaazaa itti to’atan, bu’uraalee misoomaa waraanaa isaanii itti ijaarratanfii lammiilee Israa’el Gaarreen Kibbaafii guutuu biyyattii keessa jiraatan itti yaaddessan fudhachuuf qophii miti” jedhaniiru.
Dabaluunis “Kuni Israa’elif mo’amuu badaadha” jedhan.
Waraanni Israa’el-Gaazaa Onkololeessa 7 wayita hidhattoonni Hamaas Gaazaa keessaan Israa’el seenuun namoota 1,200 ajjeesuun 250 ol immoo butanii erga fudhatanii booda eegale. Gareen Hamaas biyyoota lixaa hedduun shororkeessummaan labsameera.
Duula Israa’el taaticha hordofee Gaazaa keessatti taasifteenis Filisxeemonni 34,600 ajjeefamuufii 77,900 immoo madaa’uusanii Ministeerri Fayyaa Hamaasin hogganamu hima.
Yunaayitid Isteetis gamasheetiin duula Israa’el lammiilee nagaa akkaan miidhuu danda’u deeggaruuf fedhii kan hinqabne yemmuu ta’u, karoora Filisxeemota iddoo jireenyasaaniitii buqqa’an eeguurratti xiyyeeffatterti.