Dawaa Faayindar: Kalaqa qoricha barbaaddan isiniif arguuf jiru

Qoricha ogeessi fayyaa isiniif ajaje bitachuuf mana qorichaa yeroo deemtan, qorichi barbaaddan hinjiru jedhamtanii barbaacha magaalaa waliin geessanii, miilli sin jalatti laafee beekaa?

Qoricha dhabne sana eessaa akka argannu waan hin beekneef mana qoricha jira jedhamerra jooruun kan baramedha. Keessumaa namoonni fagoodhaa dhufan kan magaalaa keessa hinbeekne ammoo daran rakkatu. Kun ammoo humnaafi yeroo keenya fudhachuurra darbee yeroo barbaadametti qoricha akka hin arganne taasisa.

Barataan Sooftiweer Injinaariingii (Software Engneering) tokko boqonnaadhaaf maatiisaa bira yeroo turetti bu'aa baayii qoricha argachuuf abbaafi haadhasaa mudaterraa kan ka'e furmaata soquu eegale.

Yaada isaaf dhufes hiriyootasaa sadii waliin mari'ate. Har'a abjuun sun dhugoomee kalaqa akka namoonni salphaatti qoricha barbaadu argachuu dandeessisu hojjetaniiru. Kanaanis, biyya keessaa dabalatee badhaasa idil-addunyaa injifateera.

Dorgommii Global Entrepreneurship Festival (GEF) jedhamu Sadaasaa 2024 Naayijeeriyaa, yaanni kalaqaa kuma sadii irratti dhiyaaterratti dorgomuun sadarkaa sadaffaa bahuun badhaasa doolaara 5,000 mo'ateera.

Kalaqni kun sadarkaa maaliirra akka jiruufi maal keessa akka darban ilaalchisee miseensa garee kanaa Barnaabaasii fi gorsaa isaanii Adaanaa waliin BBC'n turtii taasiseera.

Barnaabaas Takkaalliny, Baatii Silashii, Amansiisaa Guutuu fi Abeel Kinfuu Yunivarsiitii Jimmaatti barattoota Sooftiweer Injinariingii turan. Muummee tokko barachuu qofa otoo hin taane, yaanni beekumsa argataniin waa kalaquun hawaasa ofii fayyaduun, ofis jijjiiruu jedhutu walitti isaan fide. Isaanis bara darbe kan eebbifaman yoo ta'u, yaanni isaan yeroo waggaa lammffaa baratan jalqaban akka isaan waliin hafan taasise.

Yunivarsitiin Jimmaa ammoo namoota yaada kalaqaa hawaasa fayyadu otoo qabanii sababa hanqina maallaqaatiin socho'uu dadhaban deeggaruuf jecha wiirtuu gabbina kalaqaa (Innovation Incubation Center, Jimma University (JU-IIC)) jedhamu bara 2023 hundeessuun deeggarsa gorsaafi kaan kennaa jira.

Deeggarsa erga eegalee Dawaa Faayindar (Dawa Finder) dabalatee, yaadota kalaqaa 27 ta'an sadarkaa gaariirraan gaheera. Isaan keessaayis sadii sadarkaa oomishasaanii gabaatti dhiyeessuurra akka gahan dubbatu, Daarektarri Wiirtuu Gabbina Kalaqaa, Adaanaa Taaddasaa.

Namoonni yaada kalaqaa gaarii qabaatanis hanqinni maallaqaa, gorsaa dhabuufi bakka hojii mijataa dhabuun hudhaa ta'uu kan kaasan daarektarri kun, deeggarsi yunivarsiitichi namoota yaada kalaqaa qabaniif kennaa jirus rakkicha furuuf akka kaayyeffate himu.

'Rakkoo kana furuun qaba…'

"Jalqaba mudannoo nu mudaterraa eegala. Haadha kiyya dhukkube. Abbaankoo gara mana yaalaa [Xiqur Ambassaatti] geese. Ani qofaakoon mana ture. Gaafan [abbaakootiif] bilbilu qoricha dhabee barbaadaa ture.

''Adeemsi namni erga qorichi mana yaalaarraa ajajameefii ittiin qoricha argatu rakkisaadha. Faarmaasii tokko qorichi hinjiru jennaan, hundarra deemnee gaafachuu qabna. Kun ammoo maatii kiyyarratti dhiibbaa fide qaba. Sana booda ture rakkoo kana furuun qaba jedhee kanan yaade," jechuun mudannoo ka'umsa kalaqaa Dawaa Faayindaritti isaaf ta'e kaasa Barnaabaas. Boodarra yaadicha hiriyootasaaf qooduun gara hojiitti akka galanis dubbata.

Yeroodhaan qoricha argachuu dhabuun dadhabbii mudatuun alattis balaa hamaaf saaxiluu akka danda'u kan kaasu dargaggoon kun, rakkoo akkasiitiif furmaanni yoo jiraate baruuf intarneetii irra barbaadulleen homaa argachuu akka hin dandeenye yaadata. Sanumarraa ka'uun kalaqa Daawaa Faayindar tolchuun rakkoo kanaaf furmaata barbaaduu akka jalqabanis hima.

Ofii Dawaa Faayindar maaliidha? Akkamiin dhamaatii barbaacha qorichaa fura?

"Salphaatti appilikeeshinii [moosaajii] moobaayilii fi marsariitiidhaan kan dalagne. Namoonni erga ajaja qorichaa hakiimiirraa kennameefiin booda, otoo faarmaasiirra deemuun hin barbaachifne, appilikeeshinii keenya fayyadamuun qoricha sana barreessanii yookaan [waraqaa qorichi irratti ajajame] suura kaasuudhaan qorichi sun eessa akka jiruufi gaatiinsaa hammam akka ta'e karaa ittiin baranidha.

''Kun ammoo rakkoo [barbaacha qorichaa] ummata keenya baadiyaadhaa dhufes, ta'ee kan magaalaa yeroo baay'ee mudatu furuufidha" jechuun fayidaa kalaqa kanaa ibsa Barnaabaas.

Dawa Finder jechoota Afaan Oromoo, Dawaa jedhuufi Afaan Ingilishii 'Finder' [barbaadu] jedhurraa walitti fiduun kan bocame yoo ta'u, kalaqa qorichi barbaadee bakka jiru namatti himu ta'uu ibsa. Moosajichis Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingilishiin kan hojjetu akka ta'e dubbata Baarnaabaas.

Ogeeyyiin qorichaas moosaajicha fayyadamuun qoricha akkamii akka qaban, hagam akka qaban, gatiisaa waliin akkasaan kaa'an taasisa. Namoonni ammoo salphaatti maqaa qorichichaa barreessuun yyn waraqaa ajajaa suura kaasuun moosaajicharra kaa'uun mana qorichaa dhiyeenyarra jiru gaatiisaa waliin argatu. Kallattii ittiin gara mana qorichichaa dhaqanillee achumarraa akka argatan kan dandeessisu ta'uus hima Barnaabaas.

"Gara fuulduraatti, appilikeeshinii kanarratti qorichi kan yeroon irra darbe ta'uufi dhiisuu adda baasuuf, qorichi sirrii ta'uusaas" adda baasuuf kan gargaaraan itti dabaluuf hojjechaa akka jiran dubbata.

'Halkan hanga sa'aatii sagalii, kudhaniitti yeroon hojjennu jira ture'

"Lafa kanarratti waanti rakkisaan yaaduu miti; namni hedduun yaada hedduu qaba. Yaada sana fuudhanii kalaqa rakkoo furutti geeddaruudha qormaanni guddaan. Qormaata hedduu keessa darbineerra. Gara qarshiitiin maatiinkoos ta'ee maatiin hiriyootakoo nu gargaaruu hin danda'an ture.

''Halkan hanga sa'aatii sagalii, kudhaniitti yeroon hojjennu ture. Yeroo akkasii baay'ee beelofta. Wanti galtee doormiidhaa nyaattu yeroo dhabamu jira. Qarshii maatiin ergu waan baay'eef nama hin gahu. [Tajaajila] intarneetii dhuunfaa keenyatti bitachuu hin dandeenyu waan ta'eef, gaafa Wi-fi'n yunivarsiitii hojjetu qofa hojjechuu dandeenya.''

Akkasumas bakka itti hojjennu hin qabnu kan jedhu Barnaabaas, ''daree barnootaa keessatti galgala wal arginee ykn ulaa doormii keenyaa cufnee hojjechaa turre. Bu'aa bayii hedduu keessa darbine" jechuun ibsa.

Barattoota waggaa arfaffaa yeroo turanitti, intarnshiippiif jecha gara Finfinnee akka deeme kan yaadachiisu Barnaabaas dorgommii 'Biruuh ICT' jedhamu dhagahuun kalaqa Dawaa Faayindar barreessuun akka dorgome yaadata.

Dorgommii sanarratti yaadonni dhibba torba galmaa'anii akka turan kan dubbatuu Barnaabaas, yeroo sanaa yaadota kalaqaa badhaafaman kurnan keessaa tokko ta'ee filatamuun maallaqaa qarshii kuma dhibba lamaaf jaatama akka badhaafaman dubbata.

Sana booda waamicha wiirtuun gabbina kalaqaa Yunivarsiitii Jimmaa bara 2024 namoota yaada kalaqaa qabaniif taasiseen 'DawaFinder' dorgomuun carraa deeggarsa isaan barbaachisu argataa akka turanis kaasa.

"Namoonni adda addaa dhufanii nu daaw'achuun akka yaada keenya hubatan gochuun, leenjii nuuf laachuu" fi gargaarsa bittaa meeshaalee, gorsaafi tajaajila gara garaatiin wiirtuun sun isaan fayyadaa akka ture dabaluun dubbata Barnaabaas.

Namoota wiirtuu gabbina kalaqaa sana keessa turaniif yunivarsiitichatti dorgommiin yaada biizinasii Business Idea biraa turuu kan kaasu dargaggeessi kun, Dawaa Faayindariin dorgomee tokkoffaa akka bahe kaasa. Kanaanis, qarshii 125,000 badhaafamuu dubbata.

Kalaqa dargaggoota Sooftiweer Injinaaringii kan ta'e Dawaa Faayindar dorgommii idil-addunyaa Global Entrepreneurship Festival jedhamu ji'a Sadaasaa kana keessa Naayijeeriyaatti taasifamerratti dorgomuun sadarkaa sadaffaa bahuun badhaasa doolaara 5,000 mo'ateera.

Dorgommii yaanni kalaqaa 3,000 irratti dhiyaate jedhame irratti Yunivarsiitii Jimmaa fi Itoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaatan yoo ta'u, rakkoo hawaas-dinagdee kalaqni isaanii furuuf qabatee ka'e Itoophiyaarra darbee rakkoo Afrikaallee furuu akka danda'u agarsiisas jedha.

Carraan maalummaa yaada isaaniifi rakkoo maaliif furmaata akka ta'u ibsuuf isaaf kenname irratti Dawaa Faayindariin biyya keenyarra darbee rakkoo Afrikaallee furuun akkamiin du'a namoota hedduu hir'isuu akka danda'u ibsuun sadarkaa sadaffaatiin dorgommicha akka xumure dubbata dargaggeessi kun.

'Doormii barataa keessa teenyee, akka maraataatti haasofna ture'

"Namni qarshii nuuf laachuu danda'u tokko otoo hin jiraatiinidha, kan lafa duwwaarraatti, doormii barataa keessa teenyee, akka maraataatti haasofna ture. Nama akka keenyaa kaampaaniin qabaadha jedhee yeroo yaadu akka maraataatti yaadama ture.

''Kanaaf, duwwaarraa kaanee as gahuun keenya nu'iif waanta guddaadha. Ilaalcha 'waan kamuu argachuuf fira qabaachuu qabda, ykn nama si gargaaru addaa qabaachuu qabda' jedhamutu ture. Yaada kana cabsuu danda'uu keenyaatti baay'ee gammannee jirra" jedhe.

"Gara xumuraa jala jirra. Ammaaf faarmaasistoota biratti ilaaluuf yaalii gochuuf qophiirra jirra. Ilaallee akka sirriitti tajaajila kennu erga mirkaneessinee booda gara gabaatti baasna. Fuulduratti ammoo namni kamuu otoo qoricha barbaacha faarmaasiirra jooree hin rakkatiin, bakka jirutti akka qoricha argachuu danda'u gochuudha" jedha Barnaabaas.

"Yeroo ji'a tokko, lama keessattis aappii keenya aappistoorii, pileeyistoorii irraas argattanii" akka itti fayyadamtan gochuuf jabaannee hojjechaa jirra" jechuun dubbata.

Barreeffamoonni hakimoonni barreessan salphaatti namaa waan hin dubbifamneef, gara fuulduraatti moosaajiin hojjetamaa jiru kun kalaqa namtolchee (AI) fayyadamuun barreeffamoota kanneen hubatee akka dubbisuuf hojjechaa jiraachuu dabaluun hima.

"UK Aid jalatti deeggarsa sagantaa Research and Innovation System for Africa-RISA jedhamurraa argameen Adoolessa 2023 ifatti kan hundaa'e" wiirtuun gabbina kalaqaa yunivarsiitii Jimmaa, kaayyoo "kalaqa jabeessuu" fi namoota yaada kalaqaa qaban deeggaruu jedhuu qabaachu dubbatu Obbo Adaanaan.

Wiirtuun kun erga hundaa'ee kalaqoota 27 ta'an gorsuun, leenjii kennuun akkasumas deeggarsa mallaqaa gochuun akka jabaatan taasisuu kan dubbatan darektarichi, isaan keessaa bizinasii of danda'oo ta'uun tajaajilasaanii gabaatti baasuuf hayyama baafachaa kan jiran sadii ta'uus dubbatu.

'Kaayyoon keenya guddaan kalaqa jabeessuudha'

Odeeffannoon dorgommii Global Entrepreneurship Festival (GEF) karaa pirezidaantii Yun. Jimmaa, Dr Jamaal Abbaa Fiixaa kan dhufe yoo ta'u, wiirtuu gabbina kalaqa yunivarsiitichaarraa yaadonni kalaqaa ykn istaartaappiin lama akka gara Naayijeeriyaa deemanis kaasu Obbo Adaanaan.

"Kaayyoon keenya guddaan kalaqa jabeessuudha" kan jedhan darektarichi, namoota yaada qaban deggaruun akka isaan biizinasii ofiisaanii qabaatan taasisuudha jedhu. Namoota yaada kalaqaa qaban barattootaafi hojjetootasaaniis ta'ee bakkee biraatii dhufan deeggaruun akka yaannisaanii dhugoomu gochaa jiraachuu kan kaasu Obbo Adaanaan, namoonni fageenyarratti deeggarsa gara garaa taasisaniifis jiraachuu ibsu.

Yaada qofa qabatanii dhufuudhaan leenjiin barbaachisu hundi kennameefii ji'oota afur gidduutti saampilii waan mul'atu porotype [agarsiisa duraa] agarsiisuu qabu. Warreen sadarkaa porotype irra gahanii gara wiirtuu sanaa dhufan ammoo accelerator jedhamuun qorannoo dursaafi gabaa taasisuun kan deeggaran akka ta'e ibsu.

Yaada irraa kaasee hanga gara gabaatti seenanitti deeggarsa yaada kalaqaaf taasisaa jiraachuu kan kaasan darektarri kun, namoota qaamaan as dhufanii deggaramuu hin dandeenyeef ammoo fageenyumarratti varchuwaalii deggarsa kennaa akka jiranis dabaluun ibsu. Kanaanis Boongaafi Finfinneerraa namoonni deeggaraman jiraachuus dubbatu.

Yaada kalaqaa deeggaruu keessatti wiirtuun gabbinaa kun hojii bu'a qabeessa dalagaa jiraachuu kan kaasan Obbo Adaanaan, yunivarsiitiwwan birootiif illee fakkeenya ta'uu akka qabu himu.