Tiraamp sirna Ayaatolaa Alii Haminii buqqisuurratti yaada kenne

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Traamp kanaan dura mootummaa Ayatollah Alii Haminiitiin hogganamu bakka buusuuf waamicha godhame deeggaruun didaniiru ture. Amma garuu jijjiirraan sirna filannoo jalqabaa ta'uu dubbate.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jijjiirama sirna Iraan akka deeggaran ibsuun, ''waan hundarra inni gaarii ta'uu danda'u'' jechuun ibseera.

"Waggaa 47f jarri kun haasa'aa, haasa'aa, turan. Yeroo kana keessatti garuu lubbuu namoota hedduu dhabneerra," jechuun dubbate.

Tiraamp eenyuu hogganaa Iraan itti aanu akka ta'u akka barbaadu ammatti ifa gochuu baatus ''namoonni aangoo fudhachuu danda'an jiru'' jedhe.

Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Hamenii garuu hanga ammaatti yaada Tiraampi kanaaf deebii hin kennine.

Gama biraatiin Ameerikaan Iraan walii galtee niwukilaraa akka raawwattu dhiibbaa gochuuf doonii xiyyaara geejjibsiisu lammataa gara Baha Giddugaleessaatti ergiteetti.

Tiraamp, dooniin xiyyaara fe'u kan USS Gerald R. Ford yeroo dhiyootti Kaaribiyaan irraa gara Baha Giddugaleessaatti akka ce'u himeera. Doonii xiyyaara fe'u Ameerikaa kun doonii guddittii fi haaraa dha. Dooniin kun doonii biraa USS Abraham Lincoln , kan duraanuu naannicha keessa jirtutti makamti jedheera.

Peentaagoon doonii xiyyaara fe'umsaa kana baatii Guraandhalaa keessa gara Baha Giddugaleessaatti erge.

Kunis kan ta'e Ameerikaan ajjeechaa mormitoota kumaatamaan lakkaa'aman dhaabuuf mootummaa Iraan irratti haleellaa akka raawwattu erga doorsiftee booda.

Waliigalteen niwukilaraa biyyoota lamaan jidduutti yoo hin gaggeeffamin Iraan irratti duuluuf doorsisanis, Tiraamp Kibxata darbe Waayit Haawusitti MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin erga wal argee booda mariin Tehran waliin taasifamu akka itti fufu jabeessee dubbateera.

Peentaagoon jalqaba baatii Amajjii keessa doonii guddaa kan erge yoo ta'u, kunis Ameerikaan mormii sirna mootummaa Iraan irratti ka'e hordofee tarkaanfii cimaa fudhatameef Iraan rukutuuf doorsisuu hordofeeti.

Mormii sanaa irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamuu gabaasaleen ba'aa turaniiru.

Hiriirri fi mormiin akkasii sun erga Warraaqsa Islaamaa bara 1979 sirna amma Hogganaa Ol'aanaatiin hoogganamu uume booda Iraan keessatti kanneen gurguddoo ta'an keessaa muraasa.

Tiraamp yoo walii galteen niwukilaraa haaraan irra hin geenye US Iraan rukutuu akka dandeessu akeekkachiiseera.

Haa ta'u malee, Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Waayit Haawusitti erga wal arganii booda, mariin Iraan waliin taasifamu itti fufa jedhe.

Tiraamp Foorti Biraagitti haasawa taasisaniin Iraan haleellaa irraa of qusachuu yoo barbaadde "daftee waliigaltee jalqabaa nu waliin taasisuu qabdi" jedha.

Iraan gama isheen haleellaan ishe irratti raawwatu kamuu baha giddu galeessaa akkasumallee dhaabbilee Ameerikaan nannawa sanaa qabdu deebi'ee kan gubu ta'uu doorsifteerti.

Ameerikaan Iraan Yuuraaniyeemii boombii Nikuleraa ta'u gabbisuu akka dhaabdu barbaaddi.

Mootummaan Netaaniyaahuu Iraan misaa'ela balistikii misoomsuu fi gareewwan akka Hamaas fi Hizbullaah deeggaruun akka dhaabdus barbaaddi.

Iraan qoqqobbii irra kaa'ame yoo ka'e sagantaa niwukilaraa daangeessuuf fedhii akka qabdu ibsiteetti.

Haa ta'u malee, preezdaantiin Mas'ud Pezeshkian Iraan gaaffii garmalee kessumaa kan misaa'ela ishee daangessuu hin fudhattu jedhan.

Tiraamp bara bulchiinsa isaanii isa jalqabaa waliigaltee niwukilaraa bara pirezidaant Obaamaa ture dhiisanii qoqqobbii cimaa Iraan irratti kaa'ame deebisan.

Qoqqobbiin kun diinagdee Iraan irratti dhiibbaa hamaa geessiseera.

Ameerikaan waliigaltee haaraa gochuuf yaaluuf bara darbe marii irra deebitee eegalte. Kunis waldhabdee guyyoota 12 Israa'elii fi Iraan gidduutti uumameen dura ture.

Qeeqxonni gama isaanittin Iraan keessatti jijjiirama sirnaa taasisuun naannicha tasgabbii dhabsiisuu fi carraa waraanaa dabaluu akka danda'u kan akeekkachiisan yoo ta'u, deeggartoonni ammoo Tehran tarkaanfii cimaa akka kennitu gochuu malas jedhu.