Masriin hammi bishaanii hidha Abbayyaarraa gadhiifamu 'wal caaluu' himatte

Alsiisii

Madda suuraa, Getty Images

Masriin durayyuu Itoophiyaan 'tarkaanfii gam-tokkee kan marii malee raawwatame' jechuun xumuramuu hidha Abbayyaa fi akkaataa bulchiinsa isaa qeeqaa turte.

Ammas ''bulchiinsi hidha kanaa qindaa'aa ta'uu dhabuun qormaata itti ta'uu'' qeequun ''bishaan humna ol natti gadi dhiifameera'' jechuun Itoophiyaa himachuu ishee Ministirri Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Masrii ibse.

Ibsa ariifachiisaa biyyattiin Sanbata darbe kana baasteen, Itoophiyaan bulchiinsa fi to'annoo bishaan hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti taasiftu ammallee sirreessuu hin dandeenye jette.

Sababa kanaanis dambaliin bishaanii hin eegamne ishee mdachuu ibsite.

Himannaa kanarratti gama Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru. Kana dura garuu aangawoonni Itoophiyaa Hidhi Abbayyaa inumaa hamma bishaan gara gadii yaa'u tasgabbeessuu dubbatani.

''Itoophiyaan tarkaanfii gama tokkee fi to'annaa bishaanii akka malee itti fufuun ishee hangi yaa'a bishaan laga Naayil irratti jijjiirama cimaa fideera'' jedha ibsi kun.

Hamma bishaanii guddaa utuu hin eegamne ishee mudate jette kana hir'isuufis ulaa yaa'a hara ishee Toshkaatti geessu banachuuf akka dirqamtu beeksiste.

Halli to'annoo ministeerri bishaanii fi inarjii Itoophiyaan hidhacha irratti taasisu qindoomina waan hin qabneef hammi bishaanii gadi lakkifamuu yeroo adda addaa wal fakkataa ta'uu dhabuun itti fufera jedhan ministeerri Masrii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Jijjiiramni bishaanii ammaa kunis yaa'a gadiitti jijjiirama kanaan dura hin argamne uumeera'' jedha.

Masriin lolaa cimaa Sudaan Kibba Kaartuumitti baatii Onkoloolessaa darbe keessaa miidhaa geessiseefis Itoophiyaa himachuun ishee ni yaadatama.

Yeroo sanattis ''sababni balaa lolaa Sudaan rakkoo bulchiinsaa Hidha Haaromsa Itoophiyaati'' jette.

Itoophiyaan gama isheen Hidhi Haaromsaa balaa lolaa akkasumas hanqinaa fi daballii bishaanii uumamu to'achuu keessatti ga'ee guddaa b'aataa akka jiru ibsite.

Baatii Onkololessa keessa himannaa lolaa Sudaan keessatti mudateef Ministirri Bishaaniifi Inarjii Itoophyaa Dr Habtaamuu Ittafaa wayita deebii kennan, ''Lolaan Sudaan miidhu kan dhufu Waayit Naayil irraayi.

''Osoo Hidhi Haaromsaa (GERD ) hin jiru ta'ee balaansaa baayyee hamaa ta'a ture. GERD balaa hamaa silaa mudachuu malu xiqqeessuuf gahee baheera'' jedhan.

Itoophiyaan hoggayyuu ijaarsi hidha kanaa balaa lolaa biyoota yaa'a gadiirra gahu xiqqeessa, dhiyeessii bishaanii isaaniis hin miidhu jechuun falmiti.

Masriin garuu ammallee hala bulchiinsa fi hordoffii hidhichaa irratti iftominni dhabamuu, balaa mudatu kana itti fufsiisuuf sababa ta'uu eerti.

Itoophiyaan " adeemsa seeraan alaa fi qajeelfama hin qabneen hidhicha bulchuun" balaa wal fakkaataan irra deddeebiin akka mudatu biyyattiin akeekkachiisuu ishee ministeerichi kan ibsan.

Itoophiyaan akka muuxannoon gaarii idil-addunyaatti suuta suutaan bishaan gadi lakkisuu irra, kuusaa ishee guddisuu fi sadarkaa bishaanii ol kaasuuf yeroo tokko tokko bishaan ba'u hir'isuu akksumas ammoo akka tasaa bishaan guddaa gadi dhiisuun ishee yaa'a gadiirratti rakkoo fidaa jiraachuu ibseera.

Kunis akkaataan sirna bulchiinsa hidhichaa kan sirrii fi tasgabbaa'aa hin taane akkasumas saayinsawaa kan hin taane ta'uu kan calaqqisiisu ta'uu Ministeerri dhimma alaa Masrii kun kan ibse.

"Gochoonni irra deddeebiin fudhataman kun hojii hidha Itoophiyaa keessatti to'annoon teeknikaa fi saayinsii ta'uu dhabuu calaqqisiisudha," jedhe.

Bulchiinsi caasaa guddaa laga idil-addunyaa kun biyyoota yaa'a gadii irratti dhiibbaan fiduu guddaa ta'uufi jijjirama tasa ta'u akkasiif tarkaanfiin of eeggannoo fudhatamuu akka qabu akeekkachiiseera.

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa

Madda suuraa, AFP

Hordoffii walitti fufiinsa qabu sa'aatii 24f koreen hanga bishaan Naayilii hordofu ilaalcha keessa galchuun Masriin bishaan garmalee gad dhiisuu fi madaallii haayidiroolikii sirna bishaanii ishee keessa jiru tasgabbeessuuf ulaa ya'aa hara Toshkaa banuuf murteessuu isheetu ibsame.

Akka ministeerichi jedhutti murtoon kun dandeettii Masriin ragaa yeroo qabatamaa fi suuraa saatalaayitii irratti hundaa'uun deebii hatattamaa olaanaa ta'e kennuu ishee agarsiisa.

Haalli kun bishaan Itoophiyaan 'akka tasaa fi to'annaa malee gadi lakkistu' ta'achuuf tattaaffiin taasifamu cimsuuf misooma dandeettii gadi lakkifamuu hara Toshkaa fooyyessuuf hojii eegale akka cimsu ibse.

Akkasumas jeequmsi bishaanii hidha Aswaan irratti akka hin umaamneef xiyeeffannoo kennuu ibse.

''Fedhii bishaanii biyyaalessaa hunda guutuu fi dantaa Masrii eeguuf bulchiinsa ogummaa damee bishaanii irratti mootummaan kutannoo qabaachuu isaa mirkaneessee jira'' jedhan ministeerichi.

Jalqaba baatii Fulbaanaa Wayita Itoophiyaan hidhicha xumurtee eebbistus Masriin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bulchiinsi Hidha Haaromsaa ilaalchisee waliigalteen dhabamuu irratti akkasumas yaaddoo yeroo dheeraa ta'uu himannaa dhiyeessiteetti.

Ergasiis himanni akkataa bulchiinsa hidhichaa Masrii fi Sudaan irraa irra deddeebiin ka'aa tureera.

Dhiheenyas Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii ​ biyyisaanii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaaramee fi eebbifame ilaalchisee, dantaa biyyaalessaa fi nageenya bishaaniishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hundaakka fudhattu dhaadatanii ture

Pireezidaantichi biyyisaanii Itiyoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa bulchuuf adeemsa "ittigaafatamummaa hin qabne" yoo raawwattu "harka marattee teessee hin ilaaltuu jedhan jechuun kan gabaasni Ahram Online kan ibsee ture.