Hojii gaggeessaan Hidha Haaromsaa Guddichaa milkiin xumursiisan Injiiner Kiflee Horroo eenyu?

Hojii gaggeessaa pirojeektii hidha haaromsaa Itoophiyaa, Injiiner Kiflee Horroo

Madda suuraa, OBN

Hojii gaggeessaan pirojektii Xaanaa Balas duraanii Injiiner Kiflee Horroo du'a injiiner Simmanyaw Baqqalaa booda hojii gaggeessaa olaanaa hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa tahuun erga muudamanii pirokticha xumuruun eebbaaf dhaqabsiisan.

Injiiner Kiflee Horroo erga hojii gaggeessaa ta'anii muudamanii yeroo baay'ee miidiyaa irratti dubbataa hin turre. Haa tahu malee tibbana OBNtti yoo dubbatan hidhi haaromsaa kun uummata Itoophiyaaf ''akka pirojeektii tokkootti qofa ilaaluu hin qabu. Biyya kanaaf bu'aa gurguddaa qaba. Afrikaafis akkasuma. Uummanni mootummaa cina tokkummaan dhaabbanaan waan hojjetamne akka hin jirre agarsiisa,'' jedhan.

Dabalataan ''pirojekticha biyyoonni gurguddoon dinqisiifataniiru. Biyyi kun horii kana eessaa fiddee ijaarte? Nutu gargaare hanga jedhanitti gahaniiru,'' jedhan.

''Seenaan beelaa, seenaan rakkinaa yeroo dhiyootti ni darba jedheen yaada,'' jechuun dubbatan.

Hoji gaggeessaan pirojeektichaa duraanii Injiiner Simmanyew Baqqalaa osoo hoggansa irra jiranii lubbunsaanii darbuu hordofee itti aanaa pirojektichaa tahuu hojjechaa kan turan Injiiner Eefireem W/Kidaan yeroodhaaf bakka bu'uun hojjetaa turaniiru.

Muuxannoo gojii pirojeektii garaagaraa kan qabanii fi kanaan duras qaamuma pirojeektii hidha guddichaa tahuun kan hojjetaa turan Injiiner Kiflee Horroo du'a injiner Simmanyaw booda hojii gaggeesaa olaanaa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa tahuun kunoo xumursiisan.

Injiner Kiflee Horroo eenyu?

Injiinerichi ogummaa Qiyyaasuu ykn mahandisummaan bakkeewwan garaagaraa hojjetaa turaniiru.

Isaan gurguddoo keessaas pirojektii Gibee I keessatti akkasuma sadarkaa mahaandisummaa irraa jalqabuun hanga itti aanaa hojii gaggeessaatti hojjetaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadarkaa itti aanaa hojii gaggeessatti bara 1999-2004 hojjetaa turaniiru.

Sana booda Waajjira humna Ibsaa Itoophiyaatti daariktera kutaa elektroo mekanikaalii tahuun hojjetaa turan.

Injiiner Kifleen haaluma wal fakkatuun bara 2006-2010tti A.L.Atti pirojeektii Xaanaa Balas irratti hojii gaggeessaa olaanaa tahuun tajaajilaa turan.

Erga pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa jalqabees bara 2011 A.L.Atti waggaa tokkoo oliif hojii gaggeessaa olaanaa kutaa elektiroo makaanikaalii pirojektichaa tahuun hojjetaa turan.

Booda yeroo pirojektiin Hidha haaromsaa kun hojii gaggeessaa tokkoon qofa akka gaggeeffamu murtaa'uun Injiiner SimmanyewItti kennamu, Injiiner Kifleen pirojektii Itoophiyaa fi Keeniyaa humna ibsaan walitti hidhu KM 1000 ol dheeratu [Ethiopia-Kenya Inter connection[ jedhamuuf Hojii gaggeessaa tahuun bara 2013-2014tti hojjechaa turan.

Injineer Kifleen boodas hanga bara 2016tti Ofisara Maddeewwan Aannisaa Itoophiyaa [Generation Program Officer] tahuun hojjetaa turaniiru. Akkasumas gorsaa hojii gaggeessaa tahuun erga tajaajilaa turanii gara hojii dhuunfaatti deebi'uun hojjechaa jiru.

Kana booda ammoo hojii gaggeessaa hidha guddichaa tahuun muudamaniiru.

Injiiner Kiflee Horroo Wallaggatti dhalatanii guddachuun barnoota kutaa 1-8 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Mandiitti, akkasumas sadarkaa lammaffaa mana barumsaa Beetel Dambi Doollootti hordofaniiru.

Injiiner Kifleen A.L.A bara 1984tti digirii jalqabaa isaanii Elektirikaal Injiineriingiidhaan Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifaman.

Injiiner Kifleen ogummaa isaaniin bakkeewwan garaagaraa osoo hojjetaa jiranii bara 1999 leenjii gahumsaa ogummaa dabalataa ji'oota 15'f Jarmanitti argataniiru.

Bara 2015 digirii lammaffaa isaanii [MA] Pirojekti Manaajimentii [Hoggansa Pirojektii] dhaan Ingiliz Saalfoordi Yuunivarsiitiidhaa xumuran.