Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'La Remontada', qabxii garagalchuu- jecha Maadriiditti miira ho'aan dhagaahamu
Tibba kana Maadriiditti jechi afaan Ispeeni 'La Remontada' jedhu irra deddeebiin deeggartoota Riyaal Maadriidiifi taphattoota garichaarraa dhagaahama. Hiikni isaa dubbii garagalchuu akka jechuuti.
Riyaal Maadriid galgala kana Arsenaaliin dirreesaa Saantiyaagoo Beernabuutti keessuummeessa. Emireetsitti 3-0n isa mo'ataman gargalchuun seenaa hojjetanii darbuuf qophaa'uu dubbatu.
Leenjisaan Riyaal Maadriid Kaarloo Anchelootii haala taphaa ture boodatti deebitee egaafa yaadattu (qabxii gargalchuuf) carraa hin jiru jedhan.
''Ammoo Raayis haala saniin goolii lama galcha jettee hin eegdu, kanaaf kubbaa miilaa keessatti wanti hundi ta'uu danda'a'' jedhan.
''Carraan jiru xiqqaadha garuu 100% ni yaalla.''
Taphaan sarara gidduu Maadriid Juud Beeliingihaam ''kutaa huccuu itti jijjiirrannu keessatti guyyoota darban jechi irra deddeebiin jedhamu Remontada( qabxii garagalchuu) dha'' jedhe.
''Riyaal Maadriidiif Shaampiyonsi Liigii wajjin walqabatee wanti hamma ammaatti hin taane ati reefu gochuufi dandeessu hin jiru'' kan jedhu Beelingihaam har'a ''yeroo duraatiif'' injifannoo goolii hanga kanaa gargalchuuf carraan jira, ''kuni nuuf baayyee barbaachisaadha'' jedhe.
Haalli taphattootni Maadriid guyyoota darban muraasa keessa turan adda ta'uu kan himu taphataan kun, injifannoo Arsenaal san gargalchuun akka danda'amu kaka'umsi guddaan jiraachuu dubbate.
''Dandeettiin sana gochuu dandeessisu akka jiru ni amanna. Kilaba akka kilaboota kaanii hin taane keessa jirra jechaadha, addunyaarratti kilaba isa cimaa.''
Maadriid mootii qabxii jijjiiruuti garuu garaagartummaa hanga kanaa jijjiiree hin beeku
Riyaal maadriid seenaa isaa keessatti tapha jalqabaa mo'amee dirreessaatti mo'achuu danda'ee beeka. Ammoo yeroon itti osoo hin injifatiin hafe baayyeedha.
Arsenaalitti wanti abdii horu, Maadriid ammaa dura yeroo tokko qofa gargaagartummaa goolii sadiin mo'ame. isas gargalchuun marsaa itti aanutti darbuu hin dandeenye.
Bara 2012-13 Riyaal Maadriid gooliiwwan sadii Lowaandooskii dabalatee 4-1n Doortimuundiin injifatamee, dirreesaatti 2-0n mo'atus qabxii waliigalaa 4-3 mo'amee marsaa itti aanutti osoo hin ce'iin hafeera.
Dorgommiin kun Shaampiyoonsi Liigii jedhamuu dura yeroo Yiroopiyaan Kaapp jedhamee beekamu bara 1975-76tti Darbii Kaawuntii kilaba jedhamun gargaagartummaa goolii sadiin injifatamee booda sana garagalchee darbee beeka.
Seenaa dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti garaagartummaan goolii sadii kan gargalee beeku yeroo afur qofa.
Xiinxalaan kubbaa miilaa Juuliyaan Laawurens Maadriid Arsenaalirra aanee qabxicha gargalchuuf wanta addaa hanga ammaatti hojjetanii hin beekne hojjechuu qabuu jedha.
Guuliyeem Balaaguu ammoo Riyaal Maadriid akka gareetti ittisni isaa laafaadha. Sararri gidduus taphattoota dhuunfaan cimoo ta'an malee qindaa'aa mitii jechuun wanta jedha raawwachuuf akka itti cimu dubbate.
Juud Beelingihama garuu ''galgalali kun kan Maadriid ta'a'' jedha.