Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaampiyoonsi Liigii: Pirimer Liigii keessaa Arsenaal qofatu hafe, dorgommiin walakkaa xumuraa garamitti qajeela?
Dorgommiin Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara 2024/25 walakkaa xumuraatti galaa jira.
Kaleessa, kibxata galgala (Ebla 15, 2025) kilaboonni lama walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffataniiru.
Aston Viilaan gara dirree PSG imalee akkaan falmatee ture, garuu abjuun inni waancaa Chaampiyoonsi Liigiif qabu halkanuma sana xumurame.
Gareen Unaay Emiree ijoollee Paaris baayyee qoran. Garuu osoo torbee darbe qe'eesaanii- Viilaa Paark irratti cichanii falmataniiru ta'ee silaa salphinni kun isaan hin mudatu.
Falmii taasisaniin garuu kilaba waancaa Chaampiyoonsi Liigii of harka galfachuuf ga'umsa qabu akka ta'an mul'isaniiru.
Tapha dirree PSG irratti gaggeeffame kana Aston Viilaan goolii 3 fi 2n injifate. Garuu tapha marsaa jalqabaa 3 fi 1n waan injifatameef PSGn goolii dimshaashaa 5 fi 4n gara walakkaa xumuraatti darbeera.
Taphi kan biraan diraamaan ajaayibaa irratti mul'ate kan qe'ee Dortimund- Signal Iduna Park irratti turedha.
Taphi sun kubbaa miillaa tilmaamuun salphaa akka hin taane namatti mul'isa. Baarseloonaan kilabuma torbee dura goolii 4 fi 0 dhaan injifateen mo'amee gale.
Garuu warri Booruushiyaa Dortimund marsaa lammataa kanaan goolii 3 fi 1n injifachuunsaanii bokkaa kattaatti roobe ta'e, homaa isaan hin fayyadne.
Kilaboota Ispeen waancaa Chaampiyoonsi Liigii falmataa jiran lamaan keessaa tokko, Baarseloonaan, goolii waliigalaa 5 fi 3n walakkaa xumuraaf darbeera.
Har'a galgala ammoo diraamaa biraa eegna. Taphi kun akkuma tapha waancaa (isa xumuraatti) eegamaa jira. Riyaal Maadriid fi Arsenaal.
Za Gaaners torbee darbe tapha nuusa xumuraa marsaa jalqabaan (first leg) waan hin eegamne dalagan, raajii hojjetan.
Kilaba gameessa goolii hedduun mo'atanii galan. Riyaal Maadriidiin goolii 3 fi 0 dhaan mo'achuun jaallattootaa fi xiinxaltoota kubbaa miilaatti raajii guddaa ta'eera.
Kilaboonni kunneen har'a walitti deebi'u. Lameenuu nyaachifatanii wal eeggataa jiru.
Gama lamaanuu ga'umsi fi dhaabbiin taphattootaa akka ajaayibaatti qixaa'ee jira.
Dhukaastonni Arsenaal- Bukaayoo Saakaa, Martin Odegaard, Deklaan Raayis, Toomaas Paartee, Gaabreel Maartineelii, Tiroosaard... hunduu ga'umsa gaariirra akka jiran leenjii taasisaa jiranitti agarsiisaniiru.
Maadriidis kan yeroo kamuu caalaa of gurmeessee jira. Torbee darbe kaardii diimaan kan dirreedhaa ba'e taphataa murteessaan Riyaal Maadriid Kaamaaviingaan har'a hin taphatu.
Garuu taphattoonni torbee darbe hin hiriirre kanneen akka Shumeeyinii, Ardaa Gular fi kaan garee Mikeel Arteettaatti qophaa'anii jiru.
Arteettaan taphattoonni isaa ammas Maadriiditti dhukaasuuf qophii ga'aa taasisuu hime.
Warri Maadiriid ammoo torban guutuu qophii jabaa taasisaa ba'an. Taphattoota qofa osoo hin taane deeggartoonnillee qophiilee adda addaan hamilee taphattootaa olkaasaa turan.
Dirreen kubbaa miillaa guddichi addunyaa Saandiyaagoo Barnaaboo akka addaatti qulqullaa'ee qophaa'eera.
Arsenaal yoo milkaa'ee kana bira darbe PSG waliin walakkaa xumuraaf falmata. Yookiin hirmaannaan Chaampiyoonsi Liigii baranaa kan Arsenaalis ta'e waliigalatti kan Piriimer Liigii Ingilaand galgaluma kana xumurama.
Walakkaa xumuraaf kan darbe Baarseloonaan ammoo kilaboota har'a taphatan Intar Miilaan fi Baayer Muunik keessaa abbaa darbu waliin falmata.
Intar Miilaan fi Baayer Muunik har'a galgala Saan Siiroo irra
Imala gara xumuraa- Waancaarratti El Kilaasikoo arguu dandeenyaa?
Dorgommiin taphoota Chaampiyoonsi Liigii kilaboota jajjaboo hedduu harcaasee amma muraasatti hafeera.
Kailboonni Piriimer Liigii hundi harca'anii Arsenaal qofatti galeera. Innis turuunsaa har'a barama.
Gaafii guddaan walakkaan xumuraa garamitti adeema kan jedhuudha. Hedduun xumura irratti tapha El Kilaasikoo arginaa kan jedhu hawwiin eegu.
Kilaboonni Ispeen Riyaal Maadiriid fi Barseloonaan carraa walarguu qabu.
Kunis tapha nuusa xumuraa har'a Arsenaal fi Maadiriid taphatanii fi darbee ammoo tapha walakkaa xumuraa Ebla 29 fi 30 akkasumas Caamsaa 6 fi 7 taphatamu booda murtaa'a.
Kilaboonni Piriimer Liigii torba akkamiin carraa Chaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachuu argatu?
Ingilaand kilaboota hedduu dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachisuudhaan sadarkaa jalqabaarra jira.
Arsenaal osoo Riyaal Maadiriid injifatee ammoo carraa dabalataa argatu.
Kana jechuun kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand shan bara dhufu Chaampiyoonsi Liigii ni taphatu jechuudha.
Garuu yoo Arsenaal Waancaa Chaampiyoonsi Liigii baranaa injifate fi Tootanhaam fi Maanchistar Yunaayitid keessaa tokkoonsaanii Waancaa Yurooppaa Liigii injifatan Piriimer Liigiin carraa kilaboota torba hirmaachisuu ni argata.
Kun kan ta'u garuu yoo Arsenaal kilaboota shan jalqabaa keessaa ala ta'edha, kun waan yaadamuuree? Lakki.
Ittaansee carraa dabalataa argachuu kan danda'an kilaboota Xaaliyaanii- Serie A fi Laa Liigaa dha.