Baha Goojjamitti haleellaa diroonii raawwateen namootni '100 ol ajjeefaman' eenyu?

Magaala aanaa Innaarji Innaawugaa

Madda suuraa, Enarge communication info

Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Bahaatti, haleellaa diroonii naannoo mana barumsaa tokkotti raawwatameen namoonni 100 ol ajjeefamuu jiraattonni naannoo sanaa fi namoonni ijaan argan BBC'tti himan.

Haleellaan kun ALI Kamisa, Ebla 9/2017 raawwatamuu kan himan jirattotni kun, "namoonni nagaa" dallaa mana barumsaa fi mana ijaaruuf 'hojii misoomaaf' bahanii magaalaa baadiyyaa xiqqoo Gedeb jedhamtu keessatti ajjeefaman jedhan.

Bulchiinsi naannichaa garuu yaada BBC'f kennaniin haleellaan kun jiraattota nagaa osoo hin taane hidhattoota Faannoo naannoo sanatti walitti qabaman irratti kan raawwatame ta'uu ibsan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa raawwatame jedhame hordofaa akka jiru beeksiseera.

Jiraattonni BBC'f yaada isaanii kennan haleellaan kun namoota dallaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa magaalattii keessa jiru ijaaruuf walitti qabaman irratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.

Namni ijaan arge kan biraan naannoo sana akka ture kan dubbate yoo ta'u, battala haleellaan kun raawwate "iyyaa, jeequmsaa fi rifatuu" jechuun ibsee, "maaltu akka ta'e hin barre ture" jedheera.

Namni yaada kennan kun namoota biroo waliin bakka haleellan raawwate yoo gahan nama waan jedhamu ''adda baasuun hin danda'amu''

''Bakki sun gurraachuma ture. Naannicha namni hin mul'atu. warra kufe keessaa kan iyyu ni jira, kan gangalatu jira. Wanti raawwate nama cigaasisa. Namaaf gochaa cigaasisuudha'' jedhan.

Jiraataan biraa dallaa mana barumsichaa jige ijaaraa akka turan dubbataniifi harki mirgaasaanii rukutame, ''dhohinsi guddaan'' akka mudatee fi ''namoonni hedduun du'uu'' dubbatan.

Jiraataan biraan ammoo namni du'e lakkoofsaan hedduu ta'uu mala jedhan.

Namni birana reeffa kaasaa akka turan dubbatn ammoo namoonni haleellaa kanaan miidhaman irra caalaan isaanii battalumatti du'aniiru jedhan. Dabaluunis irra caalaan isaanii dargaggoota ta'uu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan aanaa Innaarji Innaawugaa kan ta'an Obbo Muluu Geetuu namootni nagaa ajjeefaman isa jedhamuun ''oduu diinaati'' jedhan. Haleellichi hidhattoota Faannoorratti raawwatamuu BBtti himaniiru.

''Naannoo kana humni faannoo guddaan jira. Walgahiin isaanii leenjiis kan dabalate akka ta'e ragaan qaba. Dallaa mana barnootaa, ijaarsa manaa kan jedhu dubbii bareechuufi...'' jechuun namni nagaan akka hin ajjeefamne dubbatan.

Hidhattootni faanoo gama isaaniin wayita haleellaan kun qaqqabe humnoonni bakka sanaa socho'an akka hin turre beeksisaniiru.

Itti aanaa walitti qabaan humnoota Faannoo Gojjam Obbo Asirees Maar Daamxee ''kanneen haleellaan irratti raawwate marti namoota nagaati'' jedhe.

Reeffa namoota 70 ol kaasuun bajaajiin gara bataskaana geessuu kan dubbatu namni biraan, daa'immanii fi maanguddoota dabalatee lakkoofsi namoota du'anii waliigalaan 120 akka gahu himeera.

"Reeffi gara 115 hanga 120 awwaalame jira. Ammallee reeffi eenyummaan isaa hin beekamne jira jedheen yaada. Sababni isaas rifaatuu keessa turre," jedhan.

Namni ijaan arguu dubbatu kan birana ammoo haleella akanana namootni ajjeefaman 100 ol ta'uu akka danda'an tilmaamaniiru.

Namootni ajjeefaman Bataskaan Gadab Goorgisitti jumlaan awwaalamuu dubbataniiru.

Erga haleellaan kun raawwatee booda qaamoleen nageenya amootummaa magaalitti seenuu kan dubbatan jiraattotni, sana dura ALI erga dhuma bara 2015 kaasee magaalittii harka hidhattoota Faannoo akka turte dubbatan.

Ammoo wayita haleellaan kun raawwatu hidhattootni magaala san keessa akka hin turre himan.