Mormitoota miidiyaa gubbaatti dhiibbaa uuman mootummaa deeggaruutti wanti fide maali?

Madda suuraa, SM
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad aangoo erga qabatanii booda mormitootni hedduun isaan deeggaruutti dhufaniiru, deeggartootni baayyeenis mormitoota isaanii ta'aniiru.
Waggoota dhiyoo namooti miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekamtii qabaniifi qabsoo mormitoota mootummaa keessatti beekaman ifatti mootummaa deeggaruutti ce'an jiru.
Namootni dhiibbaa uumuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekaman kunniin gariin isaanii deeggartoota amanamoo nama siyaasaa Jawaar Mohaammad turan.
Kaan ammoo qabsoo ABO keessatti guddatan dhufaatii MM Abiy Ahimad booda akkuma namoota siyaasaa hedduu gara jalqabaa jijjiirama ture deeggaranii booda ta'iiwwan dhalatan adda addaa hordofuun irraa fagaatanii mormiitti deebi'anii ture.
Ofii namootni dhiibbaa uumuun beekaman gariin waggoota dhiyoo as mootummaa deeggaruufi mormitoota balaaleeffachuutti maaliif ce'an?
Aadde Masarat Dhaabaa, gaazexessituudha, miidiyaa hawaasaa gubbaatti dhimmoota hawaasummaa adda addaarratti hirmaannaa gootunis beekamti.
Dhimmoota siyaasaa irratti ni dubbatti, mootummaa qeequunis dhuufaatii Ministira Muummee Abiy booda hidhamtee turte.
Baroota darban ejjennoo siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad deeggaruun beekamti. Ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa booda Obbo Jawaariifi namootni siyaaasaa biroon wayita hidhaman sosochii huccuu haalluu keelloo (yellow movement challenge) warra eegalan keessaa adda dureedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Feesbuuk gubbaatti hordoftoota kuma 320 ol kan qabdu Aadde Masarat, tibba miidiyaa hawaasaa gubbaatti maqaa ''Faarsee Bulaa'' jedhuun mormitootarraa duulli gaggeeffamu ''ibsa ejjennoo abbaa qabxii jahaa faarsee-bultootarraa kenname'' jedhu miidiyaa hawaasaa gubbaa qooduun ejjennooshee ibsiteetti.
Ejennoshee kana keessatti ''hoogganaa/hooggantuu gaarii saba gaggeessu/gaggeessitu ni faarsina, oguummaa kam keessattuu warra adda dureen hojjatan ni faarsina, mataattis ni baanna'' jetteetti.
Masarat dhimmoota ejjennooshee jijjiree mootummaa akka deeggartu taasise BBCtti yoo himtu, ''yeroo gabaabaa keessatti gaaffiin uummataa hedduun erga deebi'ee, yeroo dhufan keessatti deebii argatee ni xumurama'' hubannaa jedhurra gahuu himte.
Biyya fedhii fi sabaafi sablammii hedduun jiru keessatti ''hunda gammachiisanii bulchuun ni ulfaata'' kan jettu Masarat, ''rakkoolee walxaxoo bara lakkoofisan'' keessatti hooggansi amma jiru hojiilee hanga ammaa hojjete akka dinqisiifattu himte.
Rakkoolee walxaxoo siyaasa biyyattii keessa jiruufi rakkoolee kunneen furuuf yaali hooggansi godhutu ''amma naa gale natti fakkaata'' jetti.
Namni biraan miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekamu fi deeggaraa mootummaa ta'uutti dhufe, weelluuwwan Afaan Oromoon kan beeka Habtaamuu Lamuudha.
Habtaamuun qabsoo ABO keessatti guddachuufi baroota hedduuf deggaraa fi gargaaraa dhaabichaa akka ture BBCtti himeera.
Feesbuuk gubbaatti hordoftoota kuma 600 ol kan qabu Habtaamuun, biyya lammummaa irraa argate Kaanadaatti sagantaa Youtube gubbaa gadhiifamu ''Gingilchaa'' jedhu qopheessuunis beekama.
Sagantaan isaa kun dhufaatii Ministira Muummee Abiy booda haasaa aanga'oota mootummaa qeequun, bakka dogoggorri jira jedhee amanus dubbachuun beekama ture.
Waggoota lamaan darban garuu ejjennoosaa jijjiiree amma deeggartoota mootummaa keessaa tokko ta'eera.
'Deebi'een ofitti qaanfadhe' - Habtaamuu
Yaada BBC'f kenneen ''anis namoota mootummaa kana qeeqan keessaa tokkoon ture, kanas kaniin godhu yaadan miidiyaa hawaasaa kanarraa arguuni'' jedha.
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti dhimma afaaniifi bulchiinsaa wajjiin walqabatee wayita rakkoon dhalatee ture haasaan dhimmicha irratti Ministirri Muummee Abiy Ahimad godhan ejjennoosaa akka jijjiiru sababa ta'uu hime.
''Nama afaan isaatiin kadhatu, nama afaan isaatiin Waaqayyoon waaqeffatu ittiin hin waaqeffatiin jechuu hin danda'u... jedhanii gaafa dubbatan qalbiin dhaggeeffachaan ture'' kan jedhu Habtaamuun, booda gara biyyaa imaluun jijjiirama jiru arguuf hiree argachuu dubbateera.
Sagantaa ''Gingilchaa'' jedhamu wayita qopheessu afgaaffiiwwan namoota siyaasaa hedduu akka dhageeffatu yaadata.
''Warra biyya gaggeessan gingilchuudhaaf wayitan dhaggeeffadhu, wantichi na harkisaa deeme, na harkisaa kan deeme jibba keesaa bahuu kooti. Namni jibba keessa gaafa jiraatu waan gaarii dhaggeeffachuu hin danda'uu...ani jibbinsan of keessaa balleesse.''
''Jarri kun dhuguma Oromoodhaaf hojjetuu? Dhuguma Oromoodhaaf qabsaa'aa jiruu? Dhuguma Oromoodhaaf bu'aa buusaa jiruu? Dhuguma gaaffii Oromoo deebisaa jiruu? kan jedhu ilaaluuf waggaa lama dura gara Itoophiyaan deeme'' jedha Habtaamuun.
Biyya keessa deddeemuun aanga'oota waliinis dubbachuun hoiile hojjetaman erga argee booda ''debi'een ofitti qaandadhe'' jedha.
''Gaaffiin Oromoo akkatti deebi'u irrratti akkaataan itti barreefii akkaataan itti deebisaa jiran tokko miti. Nuti fuulduruma barbaanne, isaan garuu tooftaadhaan deebisaa jiru.
Sana boodan yaada koo geeddaradheen isaan cinaa dhaabachuu malee isaan fuuldura dhaabbachuun kana booddee na hin baasu, uummatakoofis hin baasu...gaaffii deebi'e kunuunfachaa isa hafeef isaan waliin qabsaa'uu wayya...haala keessa jiraan gaafan ilalaalu isaan fuuldura dhabbachuun akka nama tokkootti cubbuu guddaa ta'ee natti mul'ate.''
Faayidaa mootummaa deeggaruun argatan

Madda suuraa, Meseret Daba Kene(fb)
Mootummaan Itoophiyaa sadarkaa adda addaatti raayyaa miidiyaa hundeesseen miidiyaa hawaasaa gubbaatti seenessa bocuun olaantummaa argachuuf hojii hojjeteen milkaahaa jira.
Mootummaan namoota miidiyaa hawaasaa gubbaa bobbaaseef fayidaa adda addaa akka kennus himama. Dhimma kana irratti BBCn ammatti ragaa qabatamaa hin arganne.
Namootni dhiibbaa uuman lamaan dubbisnes dhuunfaan hojii hoogganoota olaanoo ifaajjee godhan kan deeggaran malee miseensa caasaa raayyaa miidiya ta'uu hin dubbanne.
Masarata Dhaabaa ''mootummaan waan wal qabatu keessa hin jiru ani. Ani akkuma dhuunfattan waan hunda barreessa, social activist'dha'' jechuun deebifte.
BBCn dhimma kana ammatti ofiin qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Masarat faayidaa guddaa sababa argatteef mootummaa deeggaruu jalqabde yaada jedhuuf deebii yoo kennitu ''faayidaan addaa argadhe hin jiru'' jetti.
''Nagaan jiraachuun koo, socho'ee hojjeechuun koo, nama kootu biyya gaggeessaa jira jechuunkoo, warra afaaniifi aadaa koo beekutu biyya bulcha jechuun koo hangam akka nama fayyadu argeen jira. Kunuu faayidaa fayidaa caalu.''
Ammoo dura wayita Obbo Jawaar fa'i waliin socho'aa turtes ofumaan aarsaa kaffalaa akka turte ammas fedhumaan socho'aa akka jirtu dubbatte.
Hoggantoota faayidaa uummataaf gatii baasaa jiran jajjabeessuu malee walitti qabaan dhaaba biyya bulchu deeggaraa akka hin jirre himte.
Habtaamuun mootummaa deeggaruu kootti faayidaa guddaan argadha'' jedha.
''Faayidaan koo nagaan argadha, faayidaan koo uummata koof bu'aa buusuudha.''
Qabsoo Oromoo baroota darbanii keessatti gumaata baheef ''waraqaa galataallee hin arganne'' kan jedhu Habtaamuun, ''kaleessas faayidaaf hin hojjenne, har'as faayidaaf hin hojjedhu'' jedha.
''Warri faayidaa argateenii achi deebi'an jedhu warra faayidaadhaaf waa hojjetuudha. Faayidaan koo faayidaa uummata Oromooti.''
''Ani nama biyya faranjii keessatti bizinasii qabaatee, jireenya bareedaa maatii qabaatee jiraachaa jiruudha. Waanan qabummoo hundasaa himuun narra hin jiraatu kanaafuu nama rakkatee deemee mootummaarraa faayidaa barbaadu miti.''
Mooraa qabsoo mormitoota mootummaa keessatti maal taajjaban?
Gaazexessituu Masarat Dhaabaa dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda walitti dhiyeenya ''maatummaa'' Obbo Jawaar waliin qabduun walqabatee dhaaba Kongireesii Federaalaawaa Oromoo keessatti hirmannaa dubartootaa cimsuuf akka hojjettu, gaafatamas akka qabaattu filatamtee akka turte BBCtti himteetti.
Ammoo ''ejjennoo nama siyaasaan ta'a jedhu hin qabun ture'' kan jettu Masarat, gaafatama itti filamte akka dhiifte himte.
''Paartilee siyaasaa mormituu baayyeesaanii wanti cinqu waayee uummata isaanii natti hin fakkaatu, aangoo mootummaa qabatanii 'anatu caalaa' jechuuf yoo ta'e malee'' jechuun rakkoo dhaabbilee mormituu keessa jira jettu dubbatti.
Karaan paartilee mormitootaa jijjiirama amma dhufe caala ''karaa jijjiirama fidudha jedhee hin yaadu'' jetti.
''Karaa baayyee imalleerra, aarsaa itti kaffalleerra, nutu 4 kiloo keessatti argamuu qabna yoo hin jedhiin alatti biyya kanaaf jijjiirama addaa fidanii raajiin fidan hin jiru.''
Ofittummaa fi fedhii aangoo guddaa akkasumas biyya kanaaf anatu caalatti quuqamaa fi sabboonummaa qaba ilaalcha jedhu akka qaban kan himtu Masarat ''sababa kanattis aarsaa guddaan kaffalameera'' jetti.
''Silaa humni kun walitti dhufee, aangoon dabaree dabareetiin walitti kennamaa deema ture, waan raajii agarsiisuu danda'u ture.''
Habtaamuu Lamuu ammoo wanti qabsoo Oromoo keessatti hafuu qabu ''walitti dhukaasuu, wal ajjeesuu, wal-gannee alagaadhaaf harka laannee guuza ta'uun, waliikeenyarratti bobba'uun nu hin baasu'' jedha.
Lola mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti adeemuun gama lamaan irraayyuu wayita lubbuun ijoollee darbu ''na dhukkuba'' kan jedhu Habtaamuun, kun kan ta'aa jiru sababii siyaasaa koo malee siyaasni kee hin ta'u'' jedhuuni jedha. Kuni osoo hafee jedha.
Habtaamuun qaamoleen siyaasaa mootummaa morman keessumaa kan mooraa qabsoo Oromoo keessa jiran warra amma biyya bulchaa jiran waliin walitti siiqanii walgargaaruu osoo malanii qaamota amma dura Oromoo gatii baasisan waliin hiriiruun dogoggaradha jedha.
''Mana hidhaa keessatti amma dura tumamee dugdi na caccabe ammallee na dhukkuba. Kan akkas na godhe eenyudha? har'a isaan wajjin Oromoon taa'ee mariyachuufin deema, warra kana waliin mootummaan garagalcha gaafa jedhan na dhukkuba.''
''Namni Dr Abiy waliin waliigaluu dadhabe akkamittiin jara sana waliin waliigala, Namni Obbo Shimallis wajjin waliigaluu dadhabe akkamittiin Zemmenee Kaasee waliin waliigaluu danda'a?... otoo dhaabbate. Yoo Marii gaafatas ta'e uummata Oromoo waliin mariyachuu wayya malee aangoodhaaf jedhamee ilma Oromoo tokko masaraadhaa baasuun osoo of qusannee'' jechuun dhaama.
Ji'oota muraasa darban miidiyaa hawaasaa keessumaa feesbuuk gubbaatti mormitootaa mootummaa fi deeggartoota mootummaa gidduu duulli maqaa walballeessuufi walxiqqeessuu adeemaa ture.
Dhimma kanarratti kan dubbate Habtaamuun ''wal-arrabsuun siyaasa miti, bu'aa busuus hin qabu'' jedha.
''Waggaa afuriif mootummaa gingilchaa tureen biyyatti gale'' kan jhdu Habtaamuun arrabsoorra osoon bahee biyyatti gaafa galu rakkoo akka t'u hima. Yaadaan falmuu malee arrabsoofi walxiqqeessuun akka hin fayyadne gorsa.












